Get Mystery Box with random crypto!

Bule Hora University

የቴሌግራም ቻናል አርማ bulehorauniversity — Bule Hora University B
የቴሌግራም ቻናል አርማ bulehorauniversity — Bule Hora University
የሰርጥ አድራሻ: @bulehorauniversity
ምድቦች: ትምህርት
ቋንቋ: አማርኛ
ተመዝጋቢዎች: 15.23K
የሰርጥ መግለጫ

Bule Hora University Official telegram

Ratings & Reviews

2.33

3 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

1

2 stars

2

1 stars

0


የቅርብ ጊዜ መልዕክቶች 21

2022-09-15 19:11:18 Guyyaa 05/01/2015.

Yuunivarsiitiin Bulee Horaafi Afrikaa Kibbaatti Kan Argamu Yuunivarsiitiin Veendaa Walii Galtee Waliin Hojjannaa Walii Mallatteessan.

Yuunivarsiitonni kunniin adeemsa baruufi barsiisuu, qo'annoofi qorannoo adda addaa walta'iinsaan gaggeessuu, carraa barnoota tolaa (Scholarship) sadarkaalee Digirii 1ffaa, 2ffaafi Digirii 3ffaadhaanis hariiroo gar-lamee isaanii cimsuu kanneen jedhaman qabxiilee waliigaltee isaaniiti.

Waliigalteen kun Afrikaa Kibbaatti kan argamu Yuunivarsiitii Veendaatti kan gaggeeffame yoo ta'u, Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Veendaa Dr. Bernaard Naatanbeeleen fi Ambaasaaddara Afrikaa giddu-galeessaa kan ta'an Ambaasaaddar Andiree Zaappaayeekkee fa'attuu waliigalticha mallatteessan.

Haaluma kanaan Yuunivarsiitii Bulee Horaa bakka bu'uun waliigalticha kan mallatteessaniif Yuunivarsiitichatti Daayirektera Olaanaan Inistiitiyuutii Fayyaa Obboo Taakkalaa Uturaafi Dr. Iyyaasuu Geetuuti.

Hariiroon gam-lameen Yuunivarsiitoota lameen jidduutti mallattaa'e kun walitti dhufeenya Yuunivarsiitoota lameen jidduu jiru cimsuu bira darbee yaa'iinsi odeeffannoo walakkaa isaanii jiru cimuun Yuunivarsiitonni kunniin sadarkaa idil-addunyaatti beekkamtii akka argataniif gargaaras jedhameera.

Jijjiirama Fulla'aaf Hojjanna!

Yuunivarsiitii Bulee Horaa
5.7K viewsTsega, edited  16:11
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-09-15 19:10:31
ቀን 05/01/2015
ቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲ ደቡብ አፍሪካ ከሚገኘው ቬንዳ ዩኒቨርሲቲ (University of Venda) ጋር የሁለትዮሽ ስምምነት ተፈራረመ::

ስምምነቱ ቡሌሆራ ዩኒቨርሲቲ በደቡብ አፍሪካ ከሚገኘው ቬንዳ ዩኒቨርሲቲ ጋር በትብብር ለመስራት የታሰበ ነው:: የቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲ ጤና ኢንስቲቱዩት ኤክስኩትቭ ቺፍ ዳይሬክተር መ/ር ታከለ ኡቱራ እና ዶ/ር እያሱ ጌቱ በደቡብ አፍሪካ ቬንዳ ዩንቨርስቲ ቡሌ ሆራ ዩንቨርስቲን በመወከል የተገኙ ሲሆን አንባሳደር አንድሬ ዛፓይኬ (Andre Nzapayeke) የማዕከላዊ አፍሪካ ሪፐብሊክ አምባሳደር የሆኑ እና ዶ/ር ደንዱለኒ በርናርድ (D/r Ndanduleni Bernard) የቬንዳ ዩኒቨርሲቲ ፒረዚዳንት ደግሞ ቬንዳ ዩኒቨርሲቲን ወክለው ስምምነቱን የፈረሙ ናቸው::
የሁለትዮሽ ስምምነቱ 12(አስራሁለት) አንቀፆች ያሉት ሲሆን በሁለቱ ዩኒቨርሲቲዎች መካከል ለሚኖረው ተቋማዊ የስራ ትግበራ የላቀ ጠቀሜታ እንዳለው ተገልጿል:: በመማር ማስተማር፣ በጥናትና ምርምር ፣ በማህበረሰብ አግልግሎት እንዲሁም በጥናታዊ ፅሁፎች ህትመት እና ውጤት ተጠቃሚነት ዙሪያ ላይ ዩኒቨርሲቲዎቹ ስምምነትን አካሂደዋል።

ይህ በቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲ እና በደቡብ አፍሪካው ቬንዳ ዩኒቨርሲቲ መካከል የተደረገው የሁለትዮሽ ስምምነት ቡሌሆራ ዩኒቨርሲቲ የተቋማዊ ትስስር እና የአለም አቀፍዊነት አቅሙን እንዲያሳድግ የላቀ ጠቀሜታ አለው።
ቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲ
ለላቀ ለውጥ እንተጋለን!
4.9K viewsTsega, 16:10
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-09-10 17:37:47
1.5K viewsTsega, 14:37
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-09-07 16:53:23
1.2K viewsTsega, 13:53
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-09-07 16:51:57 ጳጉሜ 02/2014 ዓ.ም
የቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲ ጤና እንስትቲዩት ሲያስተምራቸው የቆየውን ተማርዎች በመጀመሪያ ዲግሪ በደማቅ ሁኔታ አስመርቋል፡፡
የቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲ ጤና እንስትቲዩት ሲያስተምራቸው የቆየውን ተማሪዎች ጳጉሜ 01/2014 ዓ.ም ባደረገው ስብሰባ መሰረት 62 ወንድ እና 41 ሴት በድምሩ አንድ መቶ ሶስት (103) ተማርዎችን በመጀመሪያ ዲግሪ ጳጉሜ 02/2014 ዓ.ም በደማቅ ሁኔታ አስመርቋል፡፡
በእለቱም የቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲ ሰኔት አባላት፣የቡሌ ሆራ ማስተማሪያ ሆስፒታል ቦርድ አባላት፣በየደረጃው ያሉ የዩኒቨርሲቲው አመራሮች፣ መምህራን እና የዩኒቨርሲቲው ማሐበረሰብ አባላት ፣ጥሪ የተደረገላቸው እንግዶች፣የተመራቂ ቤተሰቦች በተገኙበት በዛሬው እለት አስመርቋል፡፡

የቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲ ፕረዚዳንት ተወካይ፤ የማስተማሪያ ሆስፒታል ቦርድ ሰብሳቢ እና የአካዳሚክ ጉዳዮች ዳይሬክተር ረ/ፕ ገመዳ ኦዶ የምረቃ ስነስረዓት ላይ የመክፈቻ ንግግር በማድረግ ለተመራቂ ተማርዎች እና ለቤተሰቦቻቸው የእንኳን ደስ አላችዉ መልዕክት በማስተላለፍ በሙያቸው ሀገርንና ማህበርሰብን በትጋት እንዲያገለግሉ በአደራ ጭምር ተናግረዋል፡፡ በባለፈው ነሐሴ ወር 2014 ዓ.ም የቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲ ተማሪዎቹን ለ9ኛ ግዜ ማስመረቁ ይታወሳል፡፡ በዛርው እለት ደግሞ ላለፉት አራት ዐመታት ሲያስተምር የቆየውን የጤና እንስትቲዩት ተማሪዎች ለ3ኛ ግዜ አስመርቃል፡፡
የቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲም ለተመራቂ ተማርዎች፤ ለተመራቂ ተማሪ ቤተሰቦች እና ለዩኒቨርሲቲው ማህበርሰብ የእንኳን ደስ ያላችዉ መልዕክቱን ሊያስተላልፍ ይወዳል፡፡

ቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲ
ለላቀ ለውጥ እንተጋለን!!




QAAMMEE 2/2014
INISTITIIYUUTIIN FAYYAA YUUNIVARSIITII BULEE HORAA BARATTOOTA OGUMMAA FAYYAA GARAGARAATTIN BARSIISAA TURE 103 DIGIRII DURAATIIN EEBBISIISE.
********************************************
Yuunivarsiitiin Bulee Horaa walgahii seeneetii Qaammee 01/2014 taa’een, eebba barattoota Inistitiiyuutiin Fayyaa dhibba tokkoofi sadii (103) digirii duraatiin akka eebbifaman murteesseera.
Inistitiiyuutichi barattoota dhiiiraa 62 fi dubara 41 walumaagalatti barattoata 103 ogummaa fayyaa muummeewwan afuriin jechuunis Saayinsii Fayyaa Naannoo /Environmental Health, Dessistuu,(Midwifery), kilinikaal Narsii(Clinical Nursing)fi laaboraatorii Fayyaatiin eebbisiiseera.

Miseensonni Seenetii Yuunivarsiitii Bulee Horaa, miseensonni Boordii Hospitaala Barsiisummaa Bulee Horaa, hoggantoonni yuunivarsiitii sadarkaa sadarkaan jiran, barsiisonniifi miseensonni hawaasa yuunivarsiitichaa, keessummoonni affeeraman, maatiin eebbifamtootaa jila eebba kana irratti argamaniiru.

Saganticharratti ergaa baga gammaddanii kan dabarsan, bakka bu’aan pirezidaantii Yuunivarsiitii Bulee Horaa, Daayirekterri Daayirektoreetii Dhimmoota Barnootaa Yuunivarsiitii Bulee Horaa fi walitti qabaan boordii Hospitaala Barsiisummaa Yuunivarsiitii Bulee Horaa kan ta’an Gargaaraa piroofeesaraa Gammadaa Oddoo "barattoota eebbifamaniifi maatii isaaniitiin baga gammaddan jechuudhaan, eebbifamtoonni guyyaa har'aa, ogummaa ittiin eebbifamtan kanaan hawaasa biyya keessanii ciminaan akka tajaajiltan imaanaa fudhattanii jirtu."jedhaniiru

Ji’a Adoolessa darbe Yuunivarsitiin Bulee Horaa barattoota isaa yeroo 9ffaaf eebbisiisuun isaa ni yaadatama. Har’a ammo barattoota Inistiitiyuutii Fayyaa waggoota afran darbaniif barsiisaa ture marsaa sadaffaaf eebisiiseera.
Yuunivarsiitiin Bulee Horaa barattoota eebbifamtootaaf, maatii barattoota eebbifamaniifi hawaasa yuunivarsitichaaf ergaa baga gammaddan jedhu dabarsa.
Yuunivarsiitii Bulee Horaa
Jijiirama fulla’aaf Hojjanna!
1.2K viewsTsega, 13:51
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-09-01 16:35:50
1.3K viewsTsega, 13:35
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-09-01 16:35:35 አስደሳች ዜና
ለትምህርት ፈላጊዎች በሙሉ
ቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲ በ2015 ዓ.ም በሁለተኛ ድግሪ በመደበኛና ተከታታይ ቅዳሜና እሁድ መረሃ-ግብር በዋና ግቢ እና በቅርንጫፍ ካምፓስ እንዲሁም በሶስተኛ ድግሪ በመደበኛ መረሃ-ግብር ከዚህ በታች በተዘረዘሩት ትምህርት ዘርፎች ተማሪዎችን ተቀብሎ ማስተማር ይፈልጋል፡፡
1.3K viewsTsega, 13:35
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-08-31 20:39:31
1.5K viewsTsega, 17:39
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-08-31 20:38:21 25/12/2014
የቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲ ፕሬዚዳንት ዶ/ር ታምሩ አኖሌ ከዩኒቨርሲቲው የካውንስል አባላት ጋር በዩኒቨርሲቲው የአሥር ዓመት የሥራ ዕቅድ ዙሪያ ውይይት አካሄዱ፡፡
በውይይቱ የዩኒቨርሲቲው ምክትል ፕሬዚዳንቶችን ጨምሮ የካውንስል አባላቶች ተገኝተዋል፡፡ ከመማር ማስተማር፣ ከምርምር ፣ ከማህበረሰብ አገልግሎት ፣ ከኢንዱስትሪ ትሥሥር እና ከአጠቃላይ ተቋማዊ የሥራ ትግበራ አንጻር ከ2010 እሰከ 2014 ዓ.ም ድረስ የዩኒቨርሲቲው የዕቅድ አፈጻጸም ግምገማ በውይይቱ የቀረበ ሲሆን ከ2015 እሰከ 2024ዓ.ም የዩኒቨርሲቲውን የልህቀት ደረጃ ለማሳደግ ታስቦ የተዘጋጀው የተቋሙ ዕቅድም ለካውንስል አበላቱ ቀርቧል፡፡
ዩኒቨርሲቲው የልህቀት ደረጃውን ለማሳደግ 2015-2024 ዓ.ም ድረስ የነደፈው እቅድ ዘጠኝ ግቦች እና ሰባ ሁለት እስትራቴጂክ ዓላማዎች ያሉት ሲሆን የመማር ማስተማር፣የምርምር እና የማህበረሰብ አገልግሎት ስራዎችን ጥራት ባለው መልኩ ለመከወን እና የዩኒቨርሲቲውን የትኩረት አቅጣጫዎች ከግብ ለማድረስ የታሰበ እንደሆነም በውይይቱ ተብራርቷል፡፡
የዩኒቨርሲቲው ፕሬዚዳንት ደ/ር ታምሩ አኖሌ የዩኒቨርሲቲው የ10 ዓመት እቅድ ከተቋሙ የትኩረት አቅጣጫዎች ጋር የተጣጣመ መሆኑን በመጠቆም ሁሉም የዩኒቨርሲቲው ስራዎች ከዩኒቨርሲቲው ግብ እና ከእስትራቴጂክ ዓላማዎች አንፃር ሊሰሩ እንደሚገባ አብራርተዋል፡፡ በተለይም ቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲን ወደ ራስ ገዝነት ሊያሳድጉ የሚችሉ የትኩረት አቅጣጫዎችን በመለየት፣ ከዩኒቨርሲቲው የትኩረት አቅጣጫ ጋር ተመጋጋቢ የሆኑ ፕሮግራሞችን በመክፈትና በማሳገግ ዩኒቨርሲቲው ከምደባ ወደ ቅበላ እንዲያድግ ማድረግ የጋራ ኃላፊነት መሆኑን ፕሬዚዳንቱ በአጽንኦት አስረድተዋል፡፡ የዩኒቨርሲቲው የ10 ዓመት ግቦች፣ስትራቴጂክ ዓላማዎች ፣የትግበራ ስልቶች እና የትኩረት አቅጣጫዎች በውይይቱ በስፋት የቀረቡ ሲሆን የካውንስል አባላቱም ተዘጋጅቶ በቀረበው እቅድ ላይ ሀሳብ እና አስተያየት ሰጥተውበታል፡፡
በውይይቱ የቀረበው የ10 ዓመት ዕቅድ ከካውንስል ዓባላቱ የቀረቡ ሳይንሳዊ ጥቆማዎችን በማቀናጀት ከመስከረም አጋማሽ ጀምሮ ለባለድረሻ አካላት እንደሚቀርብ ተገልጿል ፡፡
ለላቀ ለውጥ እንተጋለን!
ቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲ

Guyyaa 25/12/2014.
Hoggantoonni Kaawunsilii Bulchiinsaa Yuunivarsiitii Bulee Horaa Tarsiimoo Karoora Hojii Waggoottan Kurnan Itti Aananii Irratti Mari'ate.

Sadarkaa dhaabbilee barnoota olaanootti murteen kaawunsiliidhaan darbu dhaabbileedhaaf iddoo olaanaa waan qabuuf Yuunivarsiitiin Bulee Horaa guyyaa hardhaa tarsiimoo karoora waggoottan kurnan itti aananii irratti hoggantoota kaawunsilii isaa woliin mari'ateera.

Yuunivarsiitichatti Daayirektarri Daayirektoreetii Karooraafi Baajataa Yuunivarsiitii Bulee Horaa Obbo Duubee Qumbii wayita karoora Yuunivarsiitichaa kan waggoottan kurnan itti aananii hirmaattota kaawunsiliif dhiyeessan akka jedhanitti, karoorri hardha asitti dhiyaatu kun kan waliigalaa yoo ta'u, Kolleejjonni, Daayirekteroonni fi Dippaartimantoonni hundi akkaataa haala qabatamaa mana hujii keessaniitiin qopheeffachuu qabdu jechuun, galma gayiinsa karoorichaatiif immoo hundi keenna harka walqabannee hojjachuu qabna jedhan.

Hirmaattonni marii kanaa yaadaafi gaaffii karoora dhiyaateef galtee ta'uu danda'an gadi fageenyaan kaasuun irratti mari'ataniiru.

Qabxiileen kanneen akka maddoota galii Yuunivarsiiticha keessatti cimsuuf haalonni mijataan hedduun waan jiraniifi dabalataan immoo hujiin FM 99.0 hawaasa Yuunivarsiitii Bulee Horaatiinis walqabatee adoo dafee xummuramee odeeffannoo waktaawaa hawaasa biraan akka gawuuf xiyyeeffannaan itti kennamee yaadonni jedhaman isaan ijoodha.

Dabalataan immoo dhimmi qormaata bahumsaa Ministeera barnootaatiin kallattiin kaa'ameen walqabatee hujiin qulqullina barnootaa eeguufi eegsisuu qabiyyee marii kaawunsilichaa ture.

Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Bulee Horaa Dr. Taammiruu Aanolee gaaffileefi yaadota karoora dhiyaaterratti hirmaattota kaawunsilii hoggansaa biraa ka'eef wayita deebii Kennan akka jedhanitti, akkuma jedhame karoorri kun kan waggoottan kurnan itti aananiif Yuunivarsiitiin keenna karoorfatee itti deemaa jiru yoo ta'u, karoora kana galtee godhannee hundi keenna akkasitti karoorfachuu qabna jedhan.

Gama biraatiin immoo "Namni mana tokko ijaaru citaa wal hin saamu" akkuma jedhamu milkaayina karoorichaatiif hundi keenna waan hojjachuu qabnurratti waldubbisaa deemuun milkaayina fiduun alatti miidhaa tokkollee akka hin qabne beeknee harka walqabannee qindoominaan socho'uu qabnaa kaasan.
Jijjiirama Fulla'aaf Hojjanna!
Yuunivarsiitii Bulee Horaa
1.5K viewsTsega, 17:38
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-08-28 16:43:05 Hagayya 22/2014
Boordiin Hoggansaa Hospitaala Barsiisummaa Yuunivarsiitii Bulee Horaa Hojiiwwan Hanga Ammaatti Hospitaalicha Keessatti Hojjatamaa Turan Gamaaggamuuf Akkasumas Kallattii Hojii Fuulduraa Kaa'uuf Miseensota Isaa Waliin Mari'ate.

Miseensonni boordii hoggansaa Hospitaala Barsiisummaa Yuunivarsiitii Bulee Horaa Kunniin daawwannaa hujii dirree Hospitaalichaa keessatti gaggeessuun keessattuu piroojektoota ijaarsi isaanii waggaa gara waggaatti lafarra harkifachaa dhufan fa’a ilaaluun dhumarratti ajandaalee isaaniirratti mari'atanii jiru.

Walitti Qabaan Koree Boordii Hoggansaa Hospitaala Barsiisummaa Yuunivarsiitii Bulee Horaafi Daayireektariin Dhimmoota Akkaadaamii Yuunivarsiitii Bulee Horaa Gargaaraan Piroofeesaraa B/saa Gammadaa Oddoo wayita ajandaa marichaa Miseensota Koree isaaniitiif dhiyeessan akka jedhanitti, kaayyoon marii kanaa inni guddaan, boordiin kun waggaatti yeroo 4 walgayii isaa idileessee mari'achaa deemuu akka qabuuf gama kaaniin immoo Hospitaalichi haga bulchiinsa Yuunivarsiitii jalatti deebi'ee as hujii hojjachaa tureen hanqinaafi cimina ture ilaaluuf akkasumas immoo kallattii hujii fuulduraa kaawwachaa akka deemnuuf hardha asitti walgeenne jedhan.

Marii gaggeeffamaa ture keessatti koreen boordii keenna kurmaana kurmaanaan idilaa'ee deemuu akka qabu kallattiin kan kaa'ame yoo ta'u, tajaajila hawaasaa Hospitaalicha keessatti si'aayinaan gaggeessuuf immoo dhimmi ogeeyyii Hospitaalichaa yeroo yeroon mariisisaa deemuu dhimma yoomiiyyuu addaan cituu hin qabneedha jedhaniiru.

Yuunivarsiitii Bulee Horaatti Diiniin Kolleejjii Fayyaafi Hujii Gaggeessaan Hospitaala Barsiisummaa Yuunivarsiitii Bulee Horaa Obboo Taakkalaa Uturaa, Hujiiwwan hojjetamaa turaniifi karoora hujii Hospitaala isaanii kan bara 2015 wayita miseensotaaf dhiyeessan akka jedhanitti, Miseensonni boordii keenna bara 2013 irraa kaasee wolgayii akkanaa gaggeessinee waan hin beekneef wantoonni akka hanqinaatti jiran marii guyyaa hardhaatiin furmaata argachuu akka qaban abdii qabna jedhan.

Gama biraatiin immoo silaa eega Hospitaalli kun bulchiinsa Yuunivarsiitii Bulee Horaa jalatti deebi'ee kaasee uummata kanaaf Hospitaalli biraa barbaachisaa ture; kana immoo miseensonni boordii keennaa hundi beeknee, furmaata isaatiif cimnee hojjachuu qabna jechuun dhaaman.

Gabaasa dhiyaate keessatti tajaajilli kutaa daa'imman adoo guyyaan dhalootaa hin gayin dhalatan keessatti tajaajilaman gaarii ta'uu kan kaasan Obboo Taakkalaan, dhimmoonni xiyyeeffannaa addaa barbaadan keessaa immoo rakkooleen dallaa Hospitaalichaa, hanqinni ibsaa, mana fincaaniifi Laaboraatoorii isaan gurguddoo waan ta'eef dhimmoonni kunniin dhimmoota xiyyeeffannaa barbaadan ta'uu kaasaniiru.
Jijjiirama Fulla'aaf Hojjanna!
Yuunivarsiitii Bulee Horaa
2.1K viewsTsega, 13:43
ክፈት / አስተያየት ይስጡ