Get Mystery Box with random crypto!

Hagayya 22/2014 Boordiin Hoggansaa Hospitaala Barsiisummaa Yuu | Bule Hora University

Hagayya 22/2014
Boordiin Hoggansaa Hospitaala Barsiisummaa Yuunivarsiitii Bulee Horaa Hojiiwwan Hanga Ammaatti Hospitaalicha Keessatti Hojjatamaa Turan Gamaaggamuuf Akkasumas Kallattii Hojii Fuulduraa Kaa'uuf Miseensota Isaa Waliin Mari'ate.

Miseensonni boordii hoggansaa Hospitaala Barsiisummaa Yuunivarsiitii Bulee Horaa Kunniin daawwannaa hujii dirree Hospitaalichaa keessatti gaggeessuun keessattuu piroojektoota ijaarsi isaanii waggaa gara waggaatti lafarra harkifachaa dhufan fa’a ilaaluun dhumarratti ajandaalee isaaniirratti mari'atanii jiru.

Walitti Qabaan Koree Boordii Hoggansaa Hospitaala Barsiisummaa Yuunivarsiitii Bulee Horaafi Daayireektariin Dhimmoota Akkaadaamii Yuunivarsiitii Bulee Horaa Gargaaraan Piroofeesaraa B/saa Gammadaa Oddoo wayita ajandaa marichaa Miseensota Koree isaaniitiif dhiyeessan akka jedhanitti, kaayyoon marii kanaa inni guddaan, boordiin kun waggaatti yeroo 4 walgayii isaa idileessee mari'achaa deemuu akka qabuuf gama kaaniin immoo Hospitaalichi haga bulchiinsa Yuunivarsiitii jalatti deebi'ee as hujii hojjachaa tureen hanqinaafi cimina ture ilaaluuf akkasumas immoo kallattii hujii fuulduraa kaawwachaa akka deemnuuf hardha asitti walgeenne jedhan.

Marii gaggeeffamaa ture keessatti koreen boordii keenna kurmaana kurmaanaan idilaa'ee deemuu akka qabu kallattiin kan kaa'ame yoo ta'u, tajaajila hawaasaa Hospitaalicha keessatti si'aayinaan gaggeessuuf immoo dhimmi ogeeyyii Hospitaalichaa yeroo yeroon mariisisaa deemuu dhimma yoomiiyyuu addaan cituu hin qabneedha jedhaniiru.

Yuunivarsiitii Bulee Horaatti Diiniin Kolleejjii Fayyaafi Hujii Gaggeessaan Hospitaala Barsiisummaa Yuunivarsiitii Bulee Horaa Obboo Taakkalaa Uturaa, Hujiiwwan hojjetamaa turaniifi karoora hujii Hospitaala isaanii kan bara 2015 wayita miseensotaaf dhiyeessan akka jedhanitti, Miseensonni boordii keenna bara 2013 irraa kaasee wolgayii akkanaa gaggeessinee waan hin beekneef wantoonni akka hanqinaatti jiran marii guyyaa hardhaatiin furmaata argachuu akka qaban abdii qabna jedhan.

Gama biraatiin immoo silaa eega Hospitaalli kun bulchiinsa Yuunivarsiitii Bulee Horaa jalatti deebi'ee kaasee uummata kanaaf Hospitaalli biraa barbaachisaa ture; kana immoo miseensonni boordii keennaa hundi beeknee, furmaata isaatiif cimnee hojjachuu qabna jechuun dhaaman.

Gabaasa dhiyaate keessatti tajaajilli kutaa daa'imman adoo guyyaan dhalootaa hin gayin dhalatan keessatti tajaajilaman gaarii ta'uu kan kaasan Obboo Taakkalaan, dhimmoonni xiyyeeffannaa addaa barbaadan keessaa immoo rakkooleen dallaa Hospitaalichaa, hanqinni ibsaa, mana fincaaniifi Laaboraatoorii isaan gurguddoo waan ta'eef dhimmoonni kunniin dhimmoota xiyyeeffannaa barbaadan ta'uu kaasaniiru.
Jijjiirama Fulla'aaf Hojjanna!
Yuunivarsiitii Bulee Horaa