Get Mystery Box with random crypto!

25/12/2014 የቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲ ፕሬዚዳንት ዶ/ር ታምሩ አኖሌ ከዩኒቨርሲቲው የካውንስል | Bule Hora University

25/12/2014
የቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲ ፕሬዚዳንት ዶ/ር ታምሩ አኖሌ ከዩኒቨርሲቲው የካውንስል አባላት ጋር በዩኒቨርሲቲው የአሥር ዓመት የሥራ ዕቅድ ዙሪያ ውይይት አካሄዱ፡፡
በውይይቱ የዩኒቨርሲቲው ምክትል ፕሬዚዳንቶችን ጨምሮ የካውንስል አባላቶች ተገኝተዋል፡፡ ከመማር ማስተማር፣ ከምርምር ፣ ከማህበረሰብ አገልግሎት ፣ ከኢንዱስትሪ ትሥሥር እና ከአጠቃላይ ተቋማዊ የሥራ ትግበራ አንጻር ከ2010 እሰከ 2014 ዓ.ም ድረስ የዩኒቨርሲቲው የዕቅድ አፈጻጸም ግምገማ በውይይቱ የቀረበ ሲሆን ከ2015 እሰከ 2024ዓ.ም የዩኒቨርሲቲውን የልህቀት ደረጃ ለማሳደግ ታስቦ የተዘጋጀው የተቋሙ ዕቅድም ለካውንስል አበላቱ ቀርቧል፡፡
ዩኒቨርሲቲው የልህቀት ደረጃውን ለማሳደግ 2015-2024 ዓ.ም ድረስ የነደፈው እቅድ ዘጠኝ ግቦች እና ሰባ ሁለት እስትራቴጂክ ዓላማዎች ያሉት ሲሆን የመማር ማስተማር፣የምርምር እና የማህበረሰብ አገልግሎት ስራዎችን ጥራት ባለው መልኩ ለመከወን እና የዩኒቨርሲቲውን የትኩረት አቅጣጫዎች ከግብ ለማድረስ የታሰበ እንደሆነም በውይይቱ ተብራርቷል፡፡
የዩኒቨርሲቲው ፕሬዚዳንት ደ/ር ታምሩ አኖሌ የዩኒቨርሲቲው የ10 ዓመት እቅድ ከተቋሙ የትኩረት አቅጣጫዎች ጋር የተጣጣመ መሆኑን በመጠቆም ሁሉም የዩኒቨርሲቲው ስራዎች ከዩኒቨርሲቲው ግብ እና ከእስትራቴጂክ ዓላማዎች አንፃር ሊሰሩ እንደሚገባ አብራርተዋል፡፡ በተለይም ቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲን ወደ ራስ ገዝነት ሊያሳድጉ የሚችሉ የትኩረት አቅጣጫዎችን በመለየት፣ ከዩኒቨርሲቲው የትኩረት አቅጣጫ ጋር ተመጋጋቢ የሆኑ ፕሮግራሞችን በመክፈትና በማሳገግ ዩኒቨርሲቲው ከምደባ ወደ ቅበላ እንዲያድግ ማድረግ የጋራ ኃላፊነት መሆኑን ፕሬዚዳንቱ በአጽንኦት አስረድተዋል፡፡ የዩኒቨርሲቲው የ10 ዓመት ግቦች፣ስትራቴጂክ ዓላማዎች ፣የትግበራ ስልቶች እና የትኩረት አቅጣጫዎች በውይይቱ በስፋት የቀረቡ ሲሆን የካውንስል አባላቱም ተዘጋጅቶ በቀረበው እቅድ ላይ ሀሳብ እና አስተያየት ሰጥተውበታል፡፡
በውይይቱ የቀረበው የ10 ዓመት ዕቅድ ከካውንስል ዓባላቱ የቀረቡ ሳይንሳዊ ጥቆማዎችን በማቀናጀት ከመስከረም አጋማሽ ጀምሮ ለባለድረሻ አካላት እንደሚቀርብ ተገልጿል ፡፡
ለላቀ ለውጥ እንተጋለን!
ቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲ

Guyyaa 25/12/2014.
Hoggantoonni Kaawunsilii Bulchiinsaa Yuunivarsiitii Bulee Horaa Tarsiimoo Karoora Hojii Waggoottan Kurnan Itti Aananii Irratti Mari'ate.

Sadarkaa dhaabbilee barnoota olaanootti murteen kaawunsiliidhaan darbu dhaabbileedhaaf iddoo olaanaa waan qabuuf Yuunivarsiitiin Bulee Horaa guyyaa hardhaa tarsiimoo karoora waggoottan kurnan itti aananii irratti hoggantoota kaawunsilii isaa woliin mari'ateera.

Yuunivarsiitichatti Daayirektarri Daayirektoreetii Karooraafi Baajataa Yuunivarsiitii Bulee Horaa Obbo Duubee Qumbii wayita karoora Yuunivarsiitichaa kan waggoottan kurnan itti aananii hirmaattota kaawunsiliif dhiyeessan akka jedhanitti, karoorri hardha asitti dhiyaatu kun kan waliigalaa yoo ta'u, Kolleejjonni, Daayirekteroonni fi Dippaartimantoonni hundi akkaataa haala qabatamaa mana hujii keessaniitiin qopheeffachuu qabdu jechuun, galma gayiinsa karoorichaatiif immoo hundi keenna harka walqabannee hojjachuu qabna jedhan.

Hirmaattonni marii kanaa yaadaafi gaaffii karoora dhiyaateef galtee ta'uu danda'an gadi fageenyaan kaasuun irratti mari'ataniiru.

Qabxiileen kanneen akka maddoota galii Yuunivarsiiticha keessatti cimsuuf haalonni mijataan hedduun waan jiraniifi dabalataan immoo hujiin FM 99.0 hawaasa Yuunivarsiitii Bulee Horaatiinis walqabatee adoo dafee xummuramee odeeffannoo waktaawaa hawaasa biraan akka gawuuf xiyyeeffannaan itti kennamee yaadonni jedhaman isaan ijoodha.

Dabalataan immoo dhimmi qormaata bahumsaa Ministeera barnootaatiin kallattiin kaa'ameen walqabatee hujiin qulqullina barnootaa eeguufi eegsisuu qabiyyee marii kaawunsilichaa ture.

Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Bulee Horaa Dr. Taammiruu Aanolee gaaffileefi yaadota karoora dhiyaaterratti hirmaattota kaawunsilii hoggansaa biraa ka'eef wayita deebii Kennan akka jedhanitti, akkuma jedhame karoorri kun kan waggoottan kurnan itti aananiif Yuunivarsiitiin keenna karoorfatee itti deemaa jiru yoo ta'u, karoora kana galtee godhannee hundi keenna akkasitti karoorfachuu qabna jedhan.

Gama biraatiin immoo "Namni mana tokko ijaaru citaa wal hin saamu" akkuma jedhamu milkaayina karoorichaatiif hundi keenna waan hojjachuu qabnurratti waldubbisaa deemuun milkaayina fiduun alatti miidhaa tokkollee akka hin qabne beeknee harka walqabannee qindoominaan socho'uu qabnaa kaasan.
Jijjiirama Fulla'aaf Hojjanna!
Yuunivarsiitii Bulee Horaa