2022-11-14 17:11:01
Sadaasa 03/2015
Yuunivarsiitii Bulee Horaatti Leenjiin Hubbannoo Guyyoota Sadiif Abbaa Taayitaa Bittaafi Qabeenyaa Federaalaatiin Hoggantootaafi Oggeeyyii Bulchiinsa Qabeenya, Bittaafi Faayinaansiif kenname.
******************************************
Leenjiin Abbaa Taayitaa Bittaafi Qabeenyaa Federaalaatiin qophaa'e daayirekteroota Kutaalee Bulchiinsa Qabeenya, ogeeyyii Bittaa fi Faayinaansii akkasumas hoggaansa seektarichaa dabalatee turti guyyoota sadiitiif qophaa'e Yuunivarsiitii Bulee Horaatti kennameera.
Waltajjii marii kanarratti preezdaantii Yuunivarsiitichaa dabalatee, itti aanonni pireezidaantii yunivarsiitichaa, daayreektaroonni, deenonni kolleejii, ogeeyyii faayinaansii fi ogeeyyiin bittaa fi bulchiinsa qabeenyaa hirmaataniiru.
Kaayyoon leenjii kanaa inni guddaan qabeenya dhaabbatichi qabu sirnaan itti fayyadamuu fi raawwii bittaa qajeelfamaan alaa to'achuu, qisaasa'ummaa qabeenyaafi maallaqaa hambisuu akka ta'e leenjisaa Obbo Zabbanaa Gazahanyi ibsaniiru.
Leenjicharraati daayirekteroonni kutaalee bulchiinsa gara garaa kan hirmaatan yoo ta'u, sagantaa leenjii kanarratti haasawa baniinsaa kan taasisan pireezidaantii Yuunivarsiitii Bulee Horaa Dr.Taammiruu Aanolee keessummootan ergaa baga nagayaan dhuftanii booda, leenjiin kun baay'ee barbaachisaa fi faayidaa qabeessa waan ta'eef qaamoleen hirmaatan miira hoo'aa fi itti gaaftamummaa qabuun harcaatii tokko malee akka hirmaatan dhaamanii turan.
Leenjistoonni leenjii kanaa ibsa kennaniin leenjichi dhaabbilee barnoota olaanoo hunda keessatti kan kennamu ta'uu himuun, dabalataanis hubannoon olaanaan adda durummaan hoggantoota kutaalee bulchiinsa sadii jechuunis bulchiinsa faayinaansi, bulchiinsa qabeenyaa fi kutaa bittaa, ogeeyyii seekteroota kaneenii hundaaf hubannoo gaarii uumuu akka danda’u ibsanuuru.
Leenjii kana irratti ilaalcha waliigalaa bittaa mootummaa, seerota bittaa mootummaa, hiikaa fi amala addaa bittaa mootummaa, barbaachisummaa bittaa fi gosoota fi adeemsa bittaa, qulqullina bulchiinsa qabeenyaa mirkaneessuufi baajata bittaa odiitii irraa bilisa ta’een hojii hojjechuuf, leenjiin kun hubannoo gaarii akka uume ibsameera.
Jijjiirama Fulla’aaf Hojjanna!
Yuunivarsiitii Bulee Horaa
885 viewsAbdisa Dido, 14:11