Get Mystery Box with random crypto!

Bule Hora University

የቴሌግራም ቻናል አርማ bulehorauniversity — Bule Hora University
የሰርጥ አድራሻ: @bulehorauniversity
ምድቦች: ትምህርት
ቋንቋ: አማርኛ
ተመዝጋቢዎች: 15.79K
የሰርጥ መግለጫ

Bule Hora University Official telegram

Ratings & Reviews

2.33

3 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

1

2 stars

2

1 stars

0


የቅርብ ጊዜ መልዕክቶች 14

2022-12-05 16:54:19
1.6K viewsTsega, 13:54
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-12-05 16:53:05
1.6K viewsTsega, 13:53
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-12-04 10:14:14 Sadaasa 24/2015
Guyyaa Kabaja Eebbifamtoota Bara 2015 Kan Qopheessummaa Gamtaa Barattootaatiin Qophaaye Irratti Argamuun Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Bulee Horaa Dr.Taammiruu Aanolee Qorumsa Bahumsaa Ilaalchisuun Barattootaaf Dhaamsa Dabarsan.

Gamtaan barattootaa Yuunivarsiitii Bulee Horaa eebbifamtoota bara 2015'tti qorumsa bahumsaa /Exit Exam/ fudhachuuf qophaawaa jiraniif sagantaa waljajjabeessuu qopheessan.
Itti Gaafatamtuun Gamtaa Barattootaa Yuunivarsiitii Bulee Horaa Aadde Zaayinabaa Mahaammad bara kana akkaatuma kolleejjonni keessan walduraa duubaan hubannoo qorumsa bahumsaa irratti isiniif kennaa ture saniin cimtanii itti qophaawuu qabdu jedhaniiru.
Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Bulee Horaa Dr.Taammiruu Aanolee sirna guyyaa kabaja barattoonni waljajjabeessuuf qopheessan kanarratti argamuun barattootaaf dhaamsa dabarsaniiru.
Qorumsi bahumsaa itti yaadamee kan qophaayeef madaallii gahumsa keessaniiti malee Mootummaan isin miidhuuf akka hin taane hubattanii cimtanii gamanumaan itti qophaawuu qabdu jedhaniiru.
Gama biraatiin immoo barbaachisummaan qorumsa bahumsaa /Exit Exam/ inni guddaan "Namni sirriin bakka sirriif barbaadameeti" malee waan biraatiif yaadamee akka hin taaneef dokumantiiwwan sobaa biyyattii miidhaa jiran hambisuuf jedhamee kan qophaayeedha jedhan.
Yuunivarsiitichi gama isaatiin wantoota isiniif barbaachisan isiniif guutuuf yeroo kamiiyyuu qophiidha isinis gama keessaniin jabaadhaa jechuun dhaamaniiru.
Jijjiirama Fulla'aaf Hojjanna!
Yuunivarsiitii Bulee Horaa.
391 viewsTsega, 07:14
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-12-04 10:13:45
ህዳር 24/2015
የቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲ ፕሬዚዳንት ዶ/ር ታምሩ አኖሌ በተገኙበት የዩኒቨርስቲው የ2015 ዓ.ም ተመራቂ ተማሪዎች የ"GC Birth Day" ፕሮግራም በደማቅ ሁኔታ አከበሩ።

ፕሮግራሙ በተማሪዎች ህብረት የተዘጋጀ ሲሆን ፤ የህብረቱ ፕሬዝዳንት ተማሪ ዘይነባ ሙሀመድ የተማሪዎች ህብረት ለተለያዩ የተማሪዎች ፕሮግራም መሳካት በትጋት እንደሚሰራ አስረድታ፤የእንኳን አደረሳችሁ መልዕክት አስተላልፋለች።
የዩኒቨርስቲው ፕረዚዳንት ዶ/ር ታምሩ አኖሌ በበኩላቸው "ደስታችሁ የዩኒቨርስቲው ደስታ ስለሆነ፤በፕሮግራሙ መገኘት በመቻሌ ደስታ ይሰማኛል" በማለት ተመራቂዎች ለመውጫ ፈተና (Exit Exam) ተገቢውን ዝግጅት እንዲያደርጉ አሳስበዋል።
ፕሬዚዳንቱ አክለውም መውጫ ፈተና የተመራቂዎች ብቃት የሚለካበት እና ትክክለኛ ሰው ለትክክለኛ ቦታ እንዲመደብ የሚረዳ በመሆኑ ዩኒቨርሲቲው ተገቢውን የዝግጅት ድጋፍ ለሁሉም የዩኒቨርስቲው ተማሪዎች እንደሚያደርግ አስረድተዋል።
በፕሮግራሙ አዝናኝና አስተማሪ የኪነ-ጥበብ ስራዎች በዩኒቨርስቲው የቲያትሪካል አርት ተማሪዎች ከመድረክ ቀርበዋል።

ቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲ
ለላቀ ለዉጥ እንተጋለን!!
397 viewsTsega, 07:13
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-11-26 16:57:40 Sadaasa 17/2015
Yuunivarsiitii Bulee Horaatti, Leenjiin Qajeelfamoota Hojjattoota Mootummaa Labsii Lakk.1064/2010 Bu'uureeffate Qaamolee Dhimmi Ilaallatuuf Qopheessummaa Komishiinii Siivil Sarviisii Federaalaatiin Kenname.

Itti Aanaan Pireezidaantii Dhimmoota Hojjattootaafi Barattootaa Yuunivarsiitii Bulee Horaa Dr.Roobaa Danbii, qaama leenjicha qopheesse Komishiinii Siivil Sarviisii Federaalaa galateeffachuun, leenjiin guyyaa hardhaa Kennamaa jiru kun kan silaa bara darbe kennamuuf yaadame waan ta'eef sababoota garaagaraatiin lafarra harkifatee hardhaan bayeeraa; leenjiin kun hujiifi huj-maata keenna fuulduraatiif galtee guddaa waan ta'eef qaamoleen leenjicharratti hirmaattan sirnaan hordofuu qabduu jabaadhaa jedhaniiru.

Komishiinii Siivil Sarviisii Federaalaatti, Daayirektarri Odiitii Humna Namaa Qo'annoofi Qorannoo Obboo Mulugeetaa Wubsheet gama isaaniitiin, akka biyya keennaatti yeroo hedduuf dhimmi JEG, madaallii hujii hojjattootaa, sirni madaallii ga'umsaa, adeemsi qaxarrii, jijjiirraafi iskeelii mindaatiin walqabatu dhimmoottan waggoottan baay'eef Wal nama gaafachiisaa ture waan ta'eef turtii guyyoota lamaaf asi turru keessatti dhimma kanarratti hubannoo gahaa argattanii fuulduraaf cimtanii akka hojjattanuuf leenjiin kun barbaachise jedhan hirmaattoota leenjichaatiin.

Labsii Lakk.455/2011 bu'uureeffachuun madaallii hujii hojjattoota mootummaa, ramaddii, jijjiirraafi iskeelii mindaa hojjattootaa irratti sabaan, amantaan, siyaasaan, saalaan adda baasanii madaaluun barbaachisaa akka hin taane himaniiru.

Leenjii guyyoota lamaaf turu kanarratti kanneen hirmaatan Daayirektaroota, hojjattoota humna namaa Hospitaala Barsiisummaa Yuunivarsiitii Bulee Horaa, hojjattoota Daayirektara Daayirektoreetii humna namaa Yuunivarsiitichaafi dursitoota garee ykn abbootii adeemsaa Daayirektara Daayirektoreetii hundaati.

Jijjiirama Fulla'aaf Hojjanna!
Yuunivarsiitii Bulee Horaa.
1.4K viewsTsega, 13:57
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-11-26 16:56:56
ህዳር 17/2015
በቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲ በፌደራል መንግስት ሰራተኛች አዋጅ ቁጥር 1064/2010 እና በድልድልና በልዩልዩ የአፈፃፀም መመሪያዎች ዙሪያ ስልጠና ተሰጠ፡፡

ከፌደራል ሲቪል ሰርቪስ ኮሚሽን በተጋበዙ ባለሙያዎች እና ከፍተኛ የስራ ሃላፊዎች ስልጠናው እየተሰጠ ሲሆን፤ የዩኒቨርሲቲው የአስተዳደርና ተማሪዎች ጉዳይ ም/ፕ ዶ/ር ሮባ ደንቢን ጨምሮ ዳይሬክተሮች እና የቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲ ማስተማሪያ ሆስፒታልና የዋናው ጊቢ የሰው ሀብት አስተዳደር ባለሙያዎች በስልጠናው ላይ ተሳትፈዋል።

በስልጠናው የመክፈቻ ንግግር ያደረጉት የአስተዳደርና ተማሪዎች ጉዳይ ም/ፕ ዶ/ር ሮባ ደንቢ ስልጠናውን ከ1 አመት በፊት ለማዘጋጀት የታሰበ እንደነበር አስታውሰው ለተቋሙና ለሰራተኞች ሰፋ ያለ ጠቀሜታ እንዳለው ገልፀዋል።

ዶ/ር ሮባ ደንቢ አክለውም ለኮሚሽኑ እና ለባለሙያዎቹ ምስጋና አቅርበዋል። በፌደራል ሲቪል ሰርቪስ ኮሚሽን የሰው ሀብት ኦዲት ጥናትና ምርምር ዳይሬክተር ጀነራል የሆኑት አቶ ሙሉጌታ ውብሸት በፌደራል የመንግስት ሰራተኞች የስራ ምዘና፣ የደረጃ ምደባና የደመወዝ ስኬል ደንብ ቁጥር 455/2011 ላይ፤እንዲሁም በሲቪል ሰርቪስ ህጎች፣ደንቦች፣መመሪያዎችና እንቀፆች ላይ ጥልቅ ማብራሪያ ሰጥተዋል።

የመንግስት መስሪያ ቤቶች አደረጃጀት፣የስራ ምዘና፣የብቃት ማረጋገጫ ስርዓት እና ሌሎች አዋጅ እና መመሪያዎችንም አቶ ሙሉጌታ ውብሸት በስልጠናው ላይ ዳሰዋል።
ተመሳሳይነት ባላቸው ርዕሰ ሀሳቦች ላይ በተጋበዙ የኮሚሽኑ ባለሙያዎች ስልጠናው ተሰጥቷል።

የቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲ
ለላቀ ለውጥ እንተጋለን!
1.4K viewsTsega, 13:56
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-11-26 09:55:42 SADAASA 17/2015
YUUNIVARSIITII BULEE HORAATTI KOLLEEJJIIN INFOORMAATIKSII BARATTOOTA EEBBIFAMTOOTA BARA 2015’TIIF HUBANNOO QORUMSA BA'UMSAA (EXIT EXAM) KENNEERA.

Yuunivarsiitichatti Kolleejjiin Infoormaatiksii waa'ee qormaata ba'umsaa barattoota bara kana eebbifamaniif hunannoo kan kenne yoo ta'u, barattoonni ammumarraa kaasanii qophaawuu akka qaban himameera.
Kolleejjichatti barsiisaa Daagim Salamoon qajeelfamoota qormaatichaaf bahan barattootaaf ibsaniiru.
Yuunivarsiitii Bulee Horaatti Diiniin Kolleejjii Infoormaatiksii Gargaaraa Piroofeesaraa Dassaaleny Awwoqee ibsa kennaniin akka jedhanitti, gama kolleejjiitiin haalota qophii qorumsichaatiif barbaachisan isiniif ni mijeessinaa; isinis gama keessaniin qophaawuu qabdu jedhaniin.
Gama biraatiin immoo barattoonni kanaan qara kolleejjii keenyarraa eebbifaman hedduun isaanii gabayaa irratti milkaa'aniiru waan taeef, isinis qorumsa ba'umsaa (exit exam) kanaan akka milkooftan abdii qabna isinis jajjabaadhaa jedhaniiru.
Karaa Kolleejjichaatiin haalonni barattootaaf barbaachisan kanneen akka sagantaalee tiitoorii qopheessuu, moojuloota koorsii qorumsi keessaa bahu adda baasuun barattootaaf akka kennamu qophiiwwan hundi kan xummuraman ta’uu dubbataniiru.
Barattoonni maricharratti hirmaatan tokko tokko yaada kennaniin akka jedhanitti, nuutis gama keenyaan haalonni barbaachisan hundi nuuf mijannaan qoramuudhaaf qophiidha jedhaniiru.
Jjjiirama Fullaa'aaf Hojjanna!
Yuunivarsiitii Bulee Horaa.
1.9K viewsTsega, 06:55
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-11-26 09:54:56
ህዳር 17/2015
የቡሌ ሆራ ዩኒቨርስቲ ኢንፎርማቲክስ ኮሌጅ ለኮሌጁ የ2015 ዓ.ም ተመራቂ ተማሪዎች በመውጫ ፈተና (Exit exam) ዙርያ የግንዛቤ ማስጨበጫ መርሐ ግብር አካሄደ።

የኮሌጁ መምህራንን ጨምሮ በ2015 ዓ.ም የሚመረቁ የኮሌጁ ተመራቂ ተማሪዎች በመረሀ ግብሩ ላይ ተሳትፈዋል። የከፍተኛ ት/ት የመውጫ ፈተና መመሪያዎች እና ደንቦች በመድረኩ የቀረቡ ሲሆን፤የመውጫ ፈተናው ይዘት፣አስፈላጊነት፣አተገባበር እና ሌሎች ተያያዥነት ያላቸው ጉዳዮች በስፋት ተዳሰዋል።

የኢንፎርማቲክስ ኮሌጅ ዲን ረዳት ፕሮፌሰር ደሳለኝ አወቀ ኮሌጁ በተመረጡ ኮርሶች ላይ የማበረታቻ እና የክለሳ ት/ት ለመስጠት ቁርጠኛ መሆኑን በመጠቆም፤ ተማሪዎች ጊዜያቸውን በአግባቡ እንዲጠቀሙና የመወያየት እና በጋራ የመስራት ባህላቸውን እንዲያዳብሩ መልእክት አስተላልፈዋል።

የኮሌጁ ም/ዲን መምህር አሰፋ ሰንበቶ በበኩላቸው በፈተና አወጣጡ ሂደት በዩኒቨርስቲዎች መካከል ልዩነት እንዳይኖር ትምህርት ሚኒስቴር በቂ ዝግጅት ማድረጉን በማስታወስ መዉጫ ፈተናው ምሩቃን ተወዳዳሪ እንዲሆኑ የላቀ ጠቀሜታ አለው ብለዋል። በመርሀ ግብሩ ከተማሪዎች ለተነሱ ጥያቄዎች ምላሽ እና ማብራርያ ተሰጥቶባቸዋል።

የቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲ
ለላቀ ለውጥ እንተጋለን!
1.9K viewsTsega, 06:54
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-11-25 12:05:46 SADAASA 15/2015.
YUUNIVARSIITII BULEE HORAATTI KOLLEEJJIIN INJIINERINGIIFI TEEKNOOLOOJII BARATTOOTA BARA 2015 EEBBIFAMANIIF QORUMSA BA'UMSAA IRRATTI HUBANNOO KENNEEF.

Yuunivarsiitichatti Kolleejjiin Injiineringii fi Teeknooloojii barattoota eebbifamtoota bara 2015 eebbifamaniif qorumsa ba'umsaa (exit exam) ilaalchisee hubannoo kenneefii jira.
Diiniin Kolleejjii Injiineringii fi Teeknooloojii Gargaaraa Piroofeesaraa Duuba Canaa "barattoonni eebbifamtoota kolleejjii Injiineringii fi Teeknooloojii Kolleejjii isaanii kan muummeewwan garaa garaa irraa ogummaalee garaa garaatiin bara kana qophaawaa jirtan, qorumsa ba'umsaa fudhachuun miidhaa adoo hin teene qulqullinna barnootaa, dandeettii fi beekkumsa naamusa qabeessa argachuun biyya keessan akka tajaajiltan kan jajjabeessu waan ta'eef qophaawuu qabdu” jedhaniin.
Qorumsi ba'umsaa barattootaaf kennamu qajeelfama ministeerri barnootaa baaseen kan kennamuu fi kolleejiin keennas haalota koorsiiwwan qorumsi keessaa bawu adda baasuun sagantaalee tiitoorii garaa garaa mijeessuuf qophiidha jedhaniiru.
Barattoonni mariirratti hirmaatan tokko tokko akka jedhanitti nuuti gama keenyaan ni qophoofna, haalonni yoo nuuf mijeeffame ni milkoofnaa isinis kanuma beektanii gamanumaan qophaawuu qabdu jechuun dhaamaniiru.
Jijjiirama Fulla’aaf Hojjanna!
Yuunivarssiitii Bulee Horaa
1.8K viewsTsega, 09:05
ክፈት / አስተያየት ይስጡ