2022-11-26 16:57:40
Sadaasa 17/2015
Yuunivarsiitii Bulee Horaatti, Leenjiin Qajeelfamoota Hojjattoota Mootummaa Labsii Lakk.1064/2010 Bu'uureeffate Qaamolee Dhimmi Ilaallatuuf Qopheessummaa Komishiinii Siivil Sarviisii Federaalaatiin Kenname.
Itti Aanaan Pireezidaantii Dhimmoota Hojjattootaafi Barattootaa Yuunivarsiitii Bulee Horaa Dr.Roobaa Danbii, qaama leenjicha qopheesse Komishiinii Siivil Sarviisii Federaalaa galateeffachuun, leenjiin guyyaa hardhaa Kennamaa jiru kun kan silaa bara darbe kennamuuf yaadame waan ta'eef sababoota garaagaraatiin lafarra harkifatee hardhaan bayeeraa; leenjiin kun hujiifi huj-maata keenna fuulduraatiif galtee guddaa waan ta'eef qaamoleen leenjicharratti hirmaattan sirnaan hordofuu qabduu jabaadhaa jedhaniiru.
Komishiinii Siivil Sarviisii Federaalaatti, Daayirektarri Odiitii Humna Namaa Qo'annoofi Qorannoo Obboo Mulugeetaa Wubsheet gama isaaniitiin, akka biyya keennaatti yeroo hedduuf dhimmi JEG, madaallii hujii hojjattootaa, sirni madaallii ga'umsaa, adeemsi qaxarrii, jijjiirraafi iskeelii mindaatiin walqabatu dhimmoottan waggoottan baay'eef Wal nama gaafachiisaa ture waan ta'eef turtii guyyoota lamaaf asi turru keessatti dhimma kanarratti hubannoo gahaa argattanii fuulduraaf cimtanii akka hojjattanuuf leenjiin kun barbaachise jedhan hirmaattoota leenjichaatiin.
Labsii Lakk.455/2011 bu'uureeffachuun madaallii hujii hojjattoota mootummaa, ramaddii, jijjiirraafi iskeelii mindaa hojjattootaa irratti sabaan, amantaan, siyaasaan, saalaan adda baasanii madaaluun barbaachisaa akka hin taane himaniiru.
Leenjii guyyoota lamaaf turu kanarratti kanneen hirmaatan Daayirektaroota, hojjattoota humna namaa Hospitaala Barsiisummaa Yuunivarsiitii Bulee Horaa, hojjattoota Daayirektara Daayirektoreetii humna namaa Yuunivarsiitichaafi dursitoota garee ykn abbootii adeemsaa Daayirektara Daayirektoreetii hundaati.
Jijjiirama Fulla'aaf Hojjanna!
Yuunivarsiitii Bulee Horaa.
1.4K viewsTsega, 13:57