2022-11-09 12:37:10
ONKOLOOLESSA 30/2015
DHAABBATI MITI-MOOTUMMAA AFROO-VAALII (AFRO-VALLEY) JEDHAMU YUUNIVARSIITII BULEE HORAA WOLIIN TA'UUN HOJII MISOOMA BUNAA IRRATTI LEENJII HUBANNOO OGEEYYII QONNAA FI QONNAAN BULTOOTA ADDA DUREE TE'ANIIF KENNE.
******************************
Dhaabbati miti-mootummaa Afro-Valley jedhamu walitti hidhata Yuunivarsiitii Bulee Horaa woliin taasisuun qorannoo misooma bunaa hawaasa Gujii keessatti jalqabuuf, leenjii ogeeyyii waajjira qonnaa Godina Gujii Lixaa, qonnaan bultoota adda duree ta'an, daldaltoota bunaa fi barsiisota kolleejjota garaa garaa qorannoo bunarratti adeemsisuu qabaniif kenneera.
Kaayyoon guddaan leenjii kanaa, hawaasa jiruu fi jireenna gadi aanaa keessa jiraatan jijjiirama gaarii karaa oomisha bunaatiin akka argatan, deeggarsa teeknoolojii bu'uureffachuun oomisha bunaa fooyya'aa raawwachuun galii fooyya’e qonnaan bultoonni akka agarsiisan irratti hojjachuun barbaachisaa ta'uusaa ogeeyyiin dhaabbatichaa ifoomsaniiru.
Leenjiin kun walitti hidhata dhaabbata Afro-Valley oomishtoota bunaa woliin sadarkaa idil-addunyaa taasisuun, qooda fudhattoonni adda addaa, biyyoota alaa muraasarraa karaa viidiyoo konfiraansiitiin affeeramaniiru. Keessattuu adda durummaan biyya Kooriyaarraa bakka bu'aan daandii qilleensaa Itoophiyaa saganticharratti qooda fudhateera.
Sagantaa leenjii kana irratti haasawa kan taasisan Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Bulee Horaa Dr Taammiruu Aanolee, kaayyoon dhaabbilee barnootaa olaanoo hojii idilee (baruufi barsiisuu,qorannoofi qo'annoo akkasumas tajaajila hawaasaa) cinatti inni 4ffaan hojii qonnaati jedhan. Dr Taammiruun haasawa isaanii keessati qorannoo gadi fagoo qonnarratti adeemsisuun jireenna hawaasaa hundeerraa jijjiiruuf hojjachuun dirqama keenna jedhaniiru.
Itti Aanaan Pireezidaantii Dhimmoota Qorannoo fi Tajaajila Hawaasaa Dr Tinsaa'ee Taammiraat, walitti hidhata Yunivarsiitii keenna waliin taasisuuf dhufuu dhaabbata Afro-Valley baay'een galateeffadha jechuun, hojii keessanii fi bu'aa qorannoo keennaa yoo wolitti daballe gadadummaan hawaasa keennaa akka hafu wal nama hin gaafachiisu jedhaniiru.
Sagantaa leenjii kanarratti qotee bulaan adda duree ta'e biyya Keeniyaa naannoo addaa Meeruu jedhamurraa affeeramuun, haala qonna bunaa muuxannoo qabu hirmaattota leenjiirratti argamaniif qooduudhaan, sanyiin buna biyya isaaniifi biyya keennaa walbira qabamee ilaalameera.
Dhaabbati Afro-Valley galteewwan hojii isaaniitiif fichaa bunaa qotee bulaa naannoo deemuun daawwannaa oomisha buna Gujii taasisaniiru.
Dabalataanis warshaa buna gogaa fi jiidhaa daawwaachuun akkaataa bunni qulqullinnaan gabaaf dhihaatu hubataniiru.
Ogeeyyii fi qorattoonni qonnaa Yuunivarsiitii Bulee Horaa dhaabbata Afro-Valley jedhamu kana woliin ta'uun, gama isaaniitiin qorannoo gaggeessuun deeggarsa oogummaa akka taasisan walii galaniiru.
Dhaabbatichi Yuunivarsiitii Bulee Horaa woliin walii galtee hojii waliif mallatteessuun mirkaneessaniiru.
Dookimentii walii galtee hojii waliinii Pireezidaantiin Yuunivarsiitichaa Dr Taammiruu Aanolee fi Manaajerri dhaabbata Afro-Valley Aadde Kumee Cibbeessaa walharkaa fuudhaniiru.
Jijjiirama Fulla’aaf Hojjanna!
Yuunivarsiitii Bulee Horaa
2.5K viewsTsega, 09:37