Get Mystery Box with random crypto!

Guyyaa 05/01/2015. Yuunivarsiitiin Bulee Horaafi Afrikaa Kibb | Bule Hora University

Guyyaa 05/01/2015.

Yuunivarsiitiin Bulee Horaafi Afrikaa Kibbaatti Kan Argamu Yuunivarsiitiin Veendaa Walii Galtee Waliin Hojjannaa Walii Mallatteessan.

Yuunivarsiitonni kunniin adeemsa baruufi barsiisuu, qo'annoofi qorannoo adda addaa walta'iinsaan gaggeessuu, carraa barnoota tolaa (Scholarship) sadarkaalee Digirii 1ffaa, 2ffaafi Digirii 3ffaadhaanis hariiroo gar-lamee isaanii cimsuu kanneen jedhaman qabxiilee waliigaltee isaaniiti.

Waliigalteen kun Afrikaa Kibbaatti kan argamu Yuunivarsiitii Veendaatti kan gaggeeffame yoo ta'u, Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Veendaa Dr. Bernaard Naatanbeeleen fi Ambaasaaddara Afrikaa giddu-galeessaa kan ta'an Ambaasaaddar Andiree Zaappaayeekkee fa'attuu waliigalticha mallatteessan.

Haaluma kanaan Yuunivarsiitii Bulee Horaa bakka bu'uun waliigalticha kan mallatteessaniif Yuunivarsiitichatti Daayirektera Olaanaan Inistiitiyuutii Fayyaa Obboo Taakkalaa Uturaafi Dr. Iyyaasuu Geetuuti.

Hariiroon gam-lameen Yuunivarsiitoota lameen jidduutti mallattaa'e kun walitti dhufeenya Yuunivarsiitoota lameen jidduu jiru cimsuu bira darbee yaa'iinsi odeeffannoo walakkaa isaanii jiru cimuun Yuunivarsiitonni kunniin sadarkaa idil-addunyaatti beekkamtii akka argataniif gargaaras jedhameera.

Jijjiirama Fulla'aaf Hojjanna!

Yuunivarsiitii Bulee Horaa