Get Mystery Box with random crypto!

ጳጉሜ 02/2014 ዓ.ም የቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲ ጤና እንስትቲዩት ሲያስተምራቸው የቆየውን ተማርዎች | Bule Hora University

ጳጉሜ 02/2014 ዓ.ም
የቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲ ጤና እንስትቲዩት ሲያስተምራቸው የቆየውን ተማርዎች በመጀመሪያ ዲግሪ በደማቅ ሁኔታ አስመርቋል፡፡
የቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲ ጤና እንስትቲዩት ሲያስተምራቸው የቆየውን ተማሪዎች ጳጉሜ 01/2014 ዓ.ም ባደረገው ስብሰባ መሰረት 62 ወንድ እና 41 ሴት በድምሩ አንድ መቶ ሶስት (103) ተማርዎችን በመጀመሪያ ዲግሪ ጳጉሜ 02/2014 ዓ.ም በደማቅ ሁኔታ አስመርቋል፡፡
በእለቱም የቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲ ሰኔት አባላት፣የቡሌ ሆራ ማስተማሪያ ሆስፒታል ቦርድ አባላት፣በየደረጃው ያሉ የዩኒቨርሲቲው አመራሮች፣ መምህራን እና የዩኒቨርሲቲው ማሐበረሰብ አባላት ፣ጥሪ የተደረገላቸው እንግዶች፣የተመራቂ ቤተሰቦች በተገኙበት በዛሬው እለት አስመርቋል፡፡

የቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲ ፕረዚዳንት ተወካይ፤ የማስተማሪያ ሆስፒታል ቦርድ ሰብሳቢ እና የአካዳሚክ ጉዳዮች ዳይሬክተር ረ/ፕ ገመዳ ኦዶ የምረቃ ስነስረዓት ላይ የመክፈቻ ንግግር በማድረግ ለተመራቂ ተማርዎች እና ለቤተሰቦቻቸው የእንኳን ደስ አላችዉ መልዕክት በማስተላለፍ በሙያቸው ሀገርንና ማህበርሰብን በትጋት እንዲያገለግሉ በአደራ ጭምር ተናግረዋል፡፡ በባለፈው ነሐሴ ወር 2014 ዓ.ም የቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲ ተማሪዎቹን ለ9ኛ ግዜ ማስመረቁ ይታወሳል፡፡ በዛርው እለት ደግሞ ላለፉት አራት ዐመታት ሲያስተምር የቆየውን የጤና እንስትቲዩት ተማሪዎች ለ3ኛ ግዜ አስመርቃል፡፡
የቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲም ለተመራቂ ተማርዎች፤ ለተመራቂ ተማሪ ቤተሰቦች እና ለዩኒቨርሲቲው ማህበርሰብ የእንኳን ደስ ያላችዉ መልዕክቱን ሊያስተላልፍ ይወዳል፡፡

ቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲ
ለላቀ ለውጥ እንተጋለን!!




QAAMMEE 2/2014
INISTITIIYUUTIIN FAYYAA YUUNIVARSIITII BULEE HORAA BARATTOOTA OGUMMAA FAYYAA GARAGARAATTIN BARSIISAA TURE 103 DIGIRII DURAATIIN EEBBISIISE.
********************************************
Yuunivarsiitiin Bulee Horaa walgahii seeneetii Qaammee 01/2014 taa’een, eebba barattoota Inistitiiyuutiin Fayyaa dhibba tokkoofi sadii (103) digirii duraatiin akka eebbifaman murteesseera.
Inistitiiyuutichi barattoota dhiiiraa 62 fi dubara 41 walumaagalatti barattoata 103 ogummaa fayyaa muummeewwan afuriin jechuunis Saayinsii Fayyaa Naannoo /Environmental Health, Dessistuu,(Midwifery), kilinikaal Narsii(Clinical Nursing)fi laaboraatorii Fayyaatiin eebbisiiseera.

Miseensonni Seenetii Yuunivarsiitii Bulee Horaa, miseensonni Boordii Hospitaala Barsiisummaa Bulee Horaa, hoggantoonni yuunivarsiitii sadarkaa sadarkaan jiran, barsiisonniifi miseensonni hawaasa yuunivarsiitichaa, keessummoonni affeeraman, maatiin eebbifamtootaa jila eebba kana irratti argamaniiru.

Saganticharratti ergaa baga gammaddanii kan dabarsan, bakka bu’aan pirezidaantii Yuunivarsiitii Bulee Horaa, Daayirekterri Daayirektoreetii Dhimmoota Barnootaa Yuunivarsiitii Bulee Horaa fi walitti qabaan boordii Hospitaala Barsiisummaa Yuunivarsiitii Bulee Horaa kan ta’an Gargaaraa piroofeesaraa Gammadaa Oddoo "barattoota eebbifamaniifi maatii isaaniitiin baga gammaddan jechuudhaan, eebbifamtoonni guyyaa har'aa, ogummaa ittiin eebbifamtan kanaan hawaasa biyya keessanii ciminaan akka tajaajiltan imaanaa fudhattanii jirtu."jedhaniiru

Ji’a Adoolessa darbe Yuunivarsitiin Bulee Horaa barattoota isaa yeroo 9ffaaf eebbisiisuun isaa ni yaadatama. Har’a ammo barattoota Inistiitiyuutii Fayyaa waggoota afran darbaniif barsiisaa ture marsaa sadaffaaf eebisiiseera.
Yuunivarsiitiin Bulee Horaa barattoota eebbifamtootaaf, maatii barattoota eebbifamaniifi hawaasa yuunivarsitichaaf ergaa baga gammaddan jedhu dabarsa.
Yuunivarsiitii Bulee Horaa
Jijiirama fulla’aaf Hojjanna!