2024-04-13 18:01:32
Kamisee ....
Har'a makkalaakayaan uranee unguddattuu irraa namoota shan qabee jira. "Horii Amaaraa fuutaniii jirtanii deebisaa" jechuun fuudhanii mana hidhaa Kamiseetti naqanii jiru. Qawwee isaaniitis irraa fudhatanii jiru. Qawween suni hundi immoo qawwee seera qabeettiidha. Namoonni qabaman kunniinis akka asii gadiiti.
~Ahmad Hasan Abbagaar qori arja'o irraa
~Umar Aabbitee Heedaruu qori raasaa irraa
~Muusaa Muhammad Dooyyoo qori jabaa siibaa irraa
~Muhammad Sa'id dugugguruu irraa
~Hasuu Shee Ammuu qori raasaa irraa
Waan isin dhibu horiin amma fuudhame jedhan kuni horii soddoma ture. Faallaa kanaa immoo horiin ummata keenyaa jaarraa irraa horiin kaarra sadihii fuudhamee ture. Horiin suni hanga ammaa as buuteen hin jiru. Horii qofaa miti Amaara biraa lubbuu nama afurii qabna. Makkalaakayaan har'a maqaa horiitiin ummata keenya qabe, waa'ee namoota Amaara bira jiranii dubbatee hin beeku.
13.0K viewsGumaa Saaqataa, edited 15:01