Get Mystery Box with random crypto!

Walaloon Jaalala

የቴሌግራም ቻናል አርማ walaloon_jaalala — Walaloon Jaalala W
ርዕሶች ከሰርጥ:
Kutaa
Dhaalaa
Surree
Ansiif
Bilisummaa
All tags
የቴሌግራም ቻናል አርማ walaloon_jaalala — Walaloon Jaalala
ርዕሶች ከሰርጥ:
Kutaa
Dhaalaa
Surree
Ansiif
Bilisummaa
All tags
የሰርጥ አድራሻ: @walaloon_jaalala
ምድቦች: ያልተመደበ
ቋንቋ: አማርኛ
ተመዝጋቢዎች: 53.64K
የሰርጥ መግለጫ

Telegram irraa qarshii argachuuf link kana fayyadamaa.
https://telega.io/?r=l9NDCHx-
Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot

Ratings & Reviews

2.50

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

1

3 stars

0

2 stars

0

1 stars

1


የቅርብ ጊዜ መልዕክቶች 8

2024-05-12 08:38:33 Kan fakkeessaa malee,
Nadhii jaalalaaa kennitu
Kan bara ishee guutuu,
Waan ilmaanii dhimmitu
Kan ba'aa jireenyaa,
Qooda maatii baattu
Umriin dabalameefi,
Harmeen haa jiraattu!


Diinagdee Dabalee
Walaloo erguuf @Walaloo_bot
@Walaloon_Jaalala
7.9K viewsYW Kaachuu, 05:38
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2024-05-09 21:41:26 Karaa lamatu jira.
Wal maddii-wal bira.

Achi siqee...fagaatee,
Wal irraa gora
Damee danuu hora!

Imalaan daandiif bahu
Lama filachuun hin ta'u!
Gaafa deemsa eegalu
Dhuma dagachuun hin malu!

Sababni...

Daandiin Jaldeessaa
Dhumni qilee geessa

Diinagdee Dabalee
Walaloo erguuf @Walaloo_bot
@Walaloon_Jaalala
10.2K viewsYW Kaachuu, 18:41
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2024-05-09 21:00:47 Sangaa bituun yoona yoonaa
Sangaa bite Abbaan Bashaanee
Kan arfaasaa camadatuu
Hin gaabbinee yoona yoonaa
Silaa fooxaa natti martaa
Silaa siiquun na marartaa

Shaamaan sun dhume yaa jigaa
Bittee daara maa nan baaftuu
Natu daare, natu aaree
Situ jaare, natu jaaree?
Jaaru maan maqaa si dha'aa?
Jiruun seedaa natti ta'aa?

Dallaa ijaarta siin jedhuu
Dhanquu keessa naqaa naqxee
Dallaa ijaara maa jedhuu
Meerre dallaan ati ijaartee?
Atoo boolla hordaa uluu
Qe'ee dhiistee gabaa dhaqxee

Taliilee
Walaloo erguuf @Walaloo_bot
@Walaloon_Jaalala
8.8K viewsYW Kaachuu, 18:00
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2024-05-09 18:44:48 Ani fi Ati

Ijaan wal argina
Qalbiin wal darbina

Qamaan - Waliin fiigaa
Yaadan - Wal diddiigaa

Irra dibaa - Soba kolfaa
Keessa keessa - Wal o'orfaa

Hin fakkannee fakkeessina
Waan hin taane odeessina
Qoraan baaqqee bobeessina
Mi'aa jechaa hadheessina

Jiruun keenya duuwwaa dhoraa
Hireen keenya adda goraa

Mee maal baasuf dhama raasna
Kottu...
Adda baanet adda baasna.

YW Kaachuu
Walaloo erguuf @Walaloo_bot
@Walaloon_Jaalala
9.1K viewsYW Kaachuu, 15:44
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2024-05-09 12:14:12 Nama anan feenee
Kan argaa koo jibbu
Nama gadda kootiif
Akka cidhaa sirbuu
Nama na hamachaa
Afaaniin na saaduu
Nama dantaasaatiif
Qofa na barbaaduu
~
Kabajaa kenneefiin
Onnee kiyya keessa
Isaaf baga jedheen
Eebbisee geggeessa!

Amena Teferi
Walaloo erguuf @Walaloo_bot
@Walaloon_Jaalala
9.2K viewsYW Kaachuu, 09:14
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2024-05-09 12:09:48 Umrii keenya kanattuu
Wanta hedduu dabarre
Gatiin hamminaa tollaan
Dhageenyee hin agarre.

Waan facaafne haammanna
Shoggorannee, aramnee
Malee, ooyruu gadoorraa
Midhaan nyaachuu'n baramne.

Dalagaaf yaadni namaa
Gaariis haa ta’u hamaa
Murtiinsaa Rabbumaafi
Gatiinsaas abbumaafi.

Eelessinu in eelofna
Qaanessinu in qaanofna,
Beelessinu in beelofna
Yaanessinu in yaanofna.

Gammachiifnu in gammanna
Mufachiifnu in mufanna,
Tola oollu nuuf tola
Gufachiifnu in gufanna.

“Nan miliqa” hin jedhin
Siif tollaan nama miitee
Kaaniif bari’uu beeki
Gaaf tokko sitti dhiitee.

Gaafas bu’aa kaleessaan
Qilee hin baane buuta
Haada namaaf fannifteen
Deebiteemmoo of huuta
Waan kennite fudhatta
Akka ajjeeftetti duuta.

Gatiin Sanbataa, Gindoo
Gatiin Roobii, Jimaata
Hojiinkee si nyaachisa
Yookaanimmoo si-nyaata.

Kanaafuu...
Kan harkakee siif taa’a
Sin hanqatuu homaatuu
Baayyee gad hin fageessin
Boolla namaaf gomaatu!

Riyaad Raayyaa
Walaloo erguuf @Walaloo_bot
@Walaloon_Jaalala
9.0K viewsYW Kaachuu, 09:09
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2024-05-08 09:33:33 Hin qaanoftuu garuu
Hangana yoo turtu
Na'eegallee jettee
Xiqquma hin jarjartuu

Karra seensa keetii
Waggaa ji'aan diigaa
Har'a dhufta jedhee
Inuman si eega

Silaa dhufaa hin jirtuu,...
Hafuu kee naan himtuu?!

Keenboob Rattaa
Walaloo erguuf @Walaloo_bot
@Walaloon_Jaalala
9.8K viewsYW Kaachuu, 06:33
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2024-03-26 16:16:09 Miira ja'affaa uumi

Miila deemtee dhufteen
Deebitee deemuu feenaan,
Miidhaguma kee sanaan
Laphee biraa seennaan

Gororan dhamdhame
Isaafis yoo hirte
Shurrubbaan boraafadhe
Kaaniifis yoo hafte

Garaa na kutuuf yaaddee
Natti himuuf yeroo kaatu
Miira ja'affaa uumi
Inni kun sin hubatuu!

Dagaagaa
@Walaloon_Jaalala
12.7K viewsYW Kaachuu, 13:16
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2024-03-23 07:24:41 Chaanaala fi Garee Teelegiraamii baayyina miseensota garaa garaa qaban namoonni gurguruus ta'ee bituu barbaaddan @Walaloo_bot irraan nu qunnamuu dandeessu. Akkasumallee Chaanaala miseensota 20k ol qabu namoonni qabdan nu faana hojjachuu dandeessu

@Kaachuupromotion
13.7K viewsYW Kaachuu, edited  04:24
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2024-03-21 20:41:45 Dhugumaayii?

Dinqiikee raajamanii
Mararoon raafamanii
Huursanii odeessu durboonni safaraa
Akka isaaniifoo
Situ naaf haaraadha natu reef si bara

Keessumaa...
Baay'ee akka guddate baay'ee akka furdate?
Baay'ee akka bareedu baay'ee akka arreedu...

Cirumaa....
"Laafeen taa'u ni jabaata
Sibiiluma....boorrajjii fakkaata..."
Jedhan waa'ee Bulloo keetii
Jedhan taate Mootii!

Mootii taate jedhan...
Meeqa sagachiifta meeqa of gachiifta.
Baay'olii dursita baay'olii bulchita.

Guddatteetta jedhan
Aaga nat odeessu!
Deebisanii,
Keessakoo keessaatii
Iddoo siif qopheessu!

Egaa ...anisoo namawoo...
...Ilaaluuree jedhee
Lammatan si fedhe.

Muu haadhako...
Duruu...
Osoo ...
Bulloonkee guddatee garmaamuu danda'ee,
Saatiin fedhu galee saatiin fedhu ba'ee,
An maafan si dhiisa?
Silaa nan si kiisa!

Dhiifama!
Bulloonkee hin garmaamu
Lammata an sin waamu!
Dhiifama!

Daraartuu
@Walaloon_Jaalala
14.1K viewsYW Kaachuu, 17:41
ክፈት / አስተያየት ይስጡ