Get Mystery Box with random crypto!

Ani fi Ati Ijaan wal argina Qalbiin wal darbina Qamaan - Wal | Walaloon Jaalala

Ani fi Ati

Ijaan wal argina
Qalbiin wal darbina

Qamaan - Waliin fiigaa
Yaadan - Wal diddiigaa

Irra dibaa - Soba kolfaa
Keessa keessa - Wal o'orfaa

Hin fakkannee fakkeessina
Waan hin taane odeessina
Qoraan baaqqee bobeessina
Mi'aa jechaa hadheessina

Jiruun keenya duuwwaa dhoraa
Hireen keenya adda goraa

Mee maal baasuf dhama raasna
Kottu...
Adda baanet adda baasna.

YW Kaachuu
Walaloo erguuf @Walaloo_bot
@Walaloon_Jaalala