Get Mystery Box with random crypto!

Sangaa bituun yoona yoonaa Sangaa bite Abbaan Bashaanee Kan ar | Walaloon Jaalala

Sangaa bituun yoona yoonaa
Sangaa bite Abbaan Bashaanee
Kan arfaasaa camadatuu
Hin gaabbinee yoona yoonaa
Silaa fooxaa natti martaa
Silaa siiquun na marartaa

Shaamaan sun dhume yaa jigaa
Bittee daara maa nan baaftuu
Natu daare, natu aaree
Situ jaare, natu jaaree?
Jaaru maan maqaa si dha'aa?
Jiruun seedaa natti ta'aa?

Dallaa ijaarta siin jedhuu
Dhanquu keessa naqaa naqxee
Dallaa ijaara maa jedhuu
Meerre dallaan ati ijaartee?
Atoo boolla hordaa uluu
Qe'ee dhiistee gabaa dhaqxee

Taliilee
Walaloo erguuf @Walaloo_bot
@Walaloon_Jaalala