Get Mystery Box with random crypto!

Baay'een keenya, Akkatti gubannu Beeknee hin dubbannu Fixanne | Walaloon Jaalala

Baay'een keenya,

Akkatti gubannu
Beeknee hin dubbannu
Fixannee hin himannu
Himannee hin fixannu!

Akkuma gaafasiiti har'a
Hin sirreeffannu miira
Suma yaadna
Inuma aadna.

Gubaa garaa,
Dhibee baraa,
Yeroo maraa!

Namni qaroo dhabe, maaliin tasgabbaa'a?
Aarii muddaan qabee waa sagal hakaa'a
Yaadaan labneerra
Malas dhabneerra
gadduu...gadduu... harquu... harquu
Dhugaakee imimmaanni hin argu
Xaxamneerra dadhabneerra
Ofii keenyas taajjabneerra!

Gubaa garaa,
Dhibee baraa,
Yeroo maraa!

Otoo carroomtee, maal jetta laata?
Hireen keenyas haqakee fakkaata!
*
2024
Kanaa'ol Badhaadhaa
Hacaaluu Hundeessaa yaadachaa
@Walaloon_Jaalala