Get Mystery Box with random crypto!

Walaloon Jaalala

የቴሌግራም ቻናል አርማ walaloon_jaalala — Walaloon Jaalala W
ርዕሶች ከሰርጥ:
Kutaa
Dhaalaa
Surree
Ansiif
Bilisummaa
All tags
የቴሌግራም ቻናል አርማ walaloon_jaalala — Walaloon Jaalala
ርዕሶች ከሰርጥ:
Kutaa
Dhaalaa
Surree
Ansiif
Bilisummaa
All tags
የሰርጥ አድራሻ: @walaloon_jaalala
ምድቦች: ያልተመደበ
ቋንቋ: አማርኛ
ተመዝጋቢዎች: 53.64K
የሰርጥ መግለጫ

Telegram irraa qarshii argachuuf link kana fayyadamaa.
https://telega.io/?r=l9NDCHx-
Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot

Ratings & Reviews

2.50

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

1

3 stars

0

2 stars

0

1 stars

1


የቅርብ ጊዜ መልዕክቶች 19

2023-05-07 19:21:44 Giiftii Fi Mootii

TikTok irratti nu hordofaa. Video babbaredoo guyyaa guyyaan lakkisnuun bohaaraa! Follow, Comment, Share fi copy link gochuu hin dagatinaa.



https://vm.tiktok.com/ZMYoSx1Qf/
5.0K viewsedited  16:21
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2023-05-07 11:36:38 JAALALA NAMOOMEE!!!
Cancala jaalalaan
Keessa koo na labde;
Subii obboroon kaatee
Godoo kiyya yaabde!

Leecalli qalbii koo
Sirratti hidhame;
Osoon ittin yaadiin
Yaada keen qabame!

Osoon hin maraaciin
Taa'een duwwaa baasa
Yaaduma keef jedheen
Halkan dhama raasa!

Obboroo dhaan bahee
Yoon galu galgala;
Gafan rafuuf jedhus
Hin cufu balbala!

Abjuu fi qalbiin koon
Waa'ee ma kee yaada
Osoon faayyaa deemuu
Calliseeman aadaa!

Jiruun biyya lafaa
Walii namaan galuu;
Kan tokkoo in gulufa
Kan tokkommoon toluu!

Akka bool'a dhugduu
Gadi hir'isaan bulaa
Jiruun aduu gadii
Maalumaafuu tolaa?

Gadi hir'achaa deemus
Halkan rafuu dhabee
Guyyaa rabbi jedhe
Ni soroorara inni dabee!

Si'iif nan mararuu
Yoon utaalee cabe;
Siif qiliileee bu'ee
Gaara iyyuu yoon yaabe!

Qalbiin kiyyaa deemee
Halkan yoon nagade;
Siif jooree jaawwaree
Yoon biyyaa illee bade!

Onnee fi lapheen koo
Sumaatiif dhaaddatti;
Koroojoon qalbii koo
Si'iif ba'aa baatti!

Siif jedheen yoon bules
Gad jedhee garboomee;
Sharafadheen bita
Jaalala namoomee!!!

Beknanus
@Walaloon_Jaalala
5.0K views08:36
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2023-05-06 21:41:37 SIDHABNAAN OFAN DHABA!!

Nutu kan waliiti,
Qomaaf qomoo taanaa;
Wal biraa miidhagnaa,
Maaliif addaan baana.

Cinakoo ati dhaabbannaan,
Halagaan na sodaataa,
Situ afuura ta’ee,
Somba kiyya to’ata.

Hubadhuu na danda’i,
Yaada qalbii na butu;
Badii ani baleessu,
Naaf dhiisi garaa guutuu.

Maaf dogoggorta jettee,
Hin wallaalin namummaa;
Kan himee na qajeelchu,
Utuu ta’eeyyuu sumaa.

Akkakoo ta’i jettee,
Nan dagachiisin kaayyoo;
Gorsa gaariin na tumsi,
Naaf bu’i bakka Aayyoo.

Nafileet
@Walaloon_Jaalala
5.2K views18:41
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2023-05-05 18:23:03 Sin Eega

TikTok irratti nu hordofaa. Video babbaredoo guyyaa guyyaan lakkisnuun bohaaraa! Follow, Comment, Share fi copy link gochuu hin dagatinaa.



https://vm.tiktok.com/ZMYE5H7S1/
8.7K views15:23
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2023-04-29 19:53:25
BAGA DHUFTE.

Utuu gurran laatin
Oduu gara garaan
Utuummoo sodaatin
Bu'aan ba'ii karaa

Siif iccitii guddaadha
Dhuunfaa keetti dhufuuni
Garuu dhaabuun dandeenye
Dhufaatii kee gufuuni

Ilaaltee hubatteeti
An siif garaa hiruukoo
Garaankoo gammaddeetti
Baga dhufte jiruukoo

Halaalatti dheebuudhaan
Fafakkaannusi daaraa
Harra milkiin eegalle
Kunoo jireenya haaraa

Sin gammachiisa lubbuu
Suutuma sikunuunsee
An sifaanan jiraadha
Akka mucaa uruursee

Kana sanas hin jedhu
At naaf waa marakoo
Kanan dhugumaan fedhu
Baga dhufte garakoo

@Aziyyee
2.8K views16:53
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2023-04-27 19:35:00
Gowwaan kan baratu
ofiif dogongoree
Abshaalli kan hubatu
maquu namaa qoreee

Du'a kee'n dhiyeessin
of jiraa'n ajeessin
4.8K views16:35
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2023-04-24 12:48:15
Akka durba karaa
Shaniin Shan bulchanii
Qullaaf ruubii hir'uu
Gabaaf hin baasini

Dhiisi miriixachuu
Gulantaa kee buusa
Nafa qullaan silas
Sammuu qullaa ibsa

@Walaloon_Jaalala
8.2K views09:48
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2023-04-07 09:35:59 Guyyaa gaafan taa'u
Yaadanan si waamaa;
Halkan abjuu kootiin
Si waliinan deemaa!

Nyaadhee hin gabbadhuu
Yaada kee na fixee;
Finyootiin si hidhuuf
Foo'aa meeqan fixee!

Si jibbuun dadhabee
Waa'een kee naan galuu;
Tole naa jetta moo?
Albeedhaan of qaluu?

Garaa yoo jabaattee
Ani ofan fannisaa;
Faayyaatti si dhabnaan
Maraadheen qalbisaa!

Jaalalli kee kunii,
Laphee koo biteeraa;
Kiyyoodhaan si qabuuf,
Yeroo koo fixeeraa!

Ani kana booda
Fala homaan qabuu;
Innan qofaa boo'uu,
Waa'een koo sin dhibuu?

Yoo garaa naaf laaftee,
Tole mee naaf jedhii;
Boquu koo gadi cabee
Takkaa ol naaf godhii?

Feeneet Nafileet
19.4K views06:35
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2023-03-26 10:23:15
Na maddii yoo jirtu
Gammachuun guutama
Baayyinni rakkoo koo
Zeeroon baayifama

Na maddii yoo jirtu
Waa hundi koo guutuu
Hir'uun marfameetoo
Homtuu nan hir'atu

Yoo na maddiin jirre
Martuu ni faallofti
Si dhabnaan duuwwadha
Anumti ana miti

@Kaachuu_YW
21.6K views07:23
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2023-03-25 11:25:00
17.0K views08:25
ክፈት / አስተያየት ይስጡ