2023-05-31 01:12:41
Dirra mormakee'rratti-
Sarara tumtuun tumte.
Dhooqa harmakee saaqaatti
Koobaa dhiibduun udumte.
'Sa urtuun konkonakee-
Qoree kombolchaan waraante.
'Sa baalleen gurrakee-
Bareedaaf afaan bante.
Batteessaaf shubeessa namaa
Inni ittiin miidhaga fafan.
Aayi, sumarrattin jiile-
Aadoliin kunneen yaa hafan.
Gurra urtuun-
Dhaqna murtuun-
Hirriba dhumaa yaa rafan!
Ati akka waaq- dura boce
Muraa-jedhaa!
Dibaa-dhadhaa!
Uraa gurra!
Dhaqna godaa dura Murraa!
Sana booda mit' bareedni -
Kee!
Inni waaqni ittiin si uume!
Waan namnuu sirratti boce
Ittuu...!
Qaawwa bareedakee udume.
Hin uratin!
Hin Tumatin!
Aayi-
Hin muratin!
Of hin bocin, hin bobbocin-an sitti himee!
'Sa qaawweyyuu duuchuun cimee!
Jaarraa Jaaraa
7.5K views22:12