Get Mystery Box with random crypto!

Walaloon Jaalala

የቴሌግራም ቻናል አርማ walaloon_jaalala — Walaloon Jaalala W
ርዕሶች ከሰርጥ:
Kutaa
Dhaalaa
Surree
Ansiif
Bilisummaa
All tags
የቴሌግራም ቻናል አርማ walaloon_jaalala — Walaloon Jaalala
ርዕሶች ከሰርጥ:
Kutaa
Dhaalaa
Surree
Ansiif
Bilisummaa
All tags
የሰርጥ አድራሻ: @walaloon_jaalala
ምድቦች: ያልተመደበ
ቋንቋ: አማርኛ
ተመዝጋቢዎች: 53.64K
የሰርጥ መግለጫ

Telegram irraa qarshii argachuuf link kana fayyadamaa.
https://telega.io/?r=l9NDCHx-
Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot

Ratings & Reviews

2.50

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

1

3 stars

0

2 stars

0

1 stars

1


የቅርብ ጊዜ መልዕክቶች 18

2023-05-31 01:12:41 Dirra mormakee'rratti-
Sarara tumtuun tumte.
Dhooqa harmakee saaqaatti
Koobaa dhiibduun udumte.
'Sa urtuun konkonakee-
Qoree kombolchaan waraante.
'Sa baalleen gurrakee-
Bareedaaf afaan bante.

Batteessaaf shubeessa namaa
Inni ittiin miidhaga fafan.
Aayi, sumarrattin jiile-
Aadoliin kunneen yaa hafan.
Gurra urtuun-
Dhaqna murtuun-
Hirriba dhumaa yaa rafan!

Ati akka waaq- dura boce
Muraa-jedhaa!
Dibaa-dhadhaa!
Uraa gurra!
Dhaqna godaa dura Murraa!

Sana booda mit' bareedni -
Kee!
Inni waaqni ittiin si uume!
Waan namnuu sirratti boce
Ittuu...!
Qaawwa bareedakee udume.

Hin uratin!
Hin Tumatin!
Aayi-
Hin muratin!

Of hin bocin, hin bobbocin-an sitti himee!
'Sa qaawweyyuu duuchuun cimee!

Jaarraa Jaaraa
7.5K views22:12
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2023-05-30 14:33:46 https://facebook.com/groups/aartiiao/
6.4K views11:33
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2023-05-28 09:34:21 Akka gaayyaa gumuz
Utuun huursee rafuu
Abjuun gaara yaabee
Daddarbamee kufuu

Dafqi illeen na citeen,
Nahe akka dabeessaa
'Bir' jedheen dammaqe
Manaabicha keessaa

Hirriba minyooftuu
Akka damma boombii
Addaan kutee ka'een
Barbaaddadhe dombii

Gad taa'ee ijakoo
Yoon keenyaniin simu
Hooda biraan arge
Kan dubbachuuf cimu

Naasuun na sakaallaan
Sagal lilibsadhee
Akka nama sobeen
Dubbachuu qaane-fadhee,
Useen hirqinfadhe.

Nan nahe nan hurke
Ilaaleen machaa'e
Waa dubbachuuf yaaleen
Laagaankoo hoomachaa'e

Namas miti fakkii
Fakkiis miti nama
Waan adda si godhu
Mormakeetu lama

Oofuu yaa simbookee
Akka faaya, lootii
Uggum yaa ulfinakee
Akka intala mootii

Keenyan gubbaarratti
Taa'een si ilaalaa, akka dhagilaalaa
Harkaan hin qabamtu
Garuu foolii tolta, akka dimbilaalaa

Otuun afaan banee
Midhagakee jajuu
Sosochii nyaarakeen
Mooqamee fajajuu

Waan gurratti tolu
Natti himtee raawwattee
Onneekoo fudhattee
Huukookee kaawwattee

Ija jaalalaatiin
Ijakoo daawwattee
Qubeelaa haarawaa
Martee naaf darbattee,

Miira ho'aa tokkoon
Nagaa natti dhaamte.
Otuman si suufuu
Fooliinkee fagaate
Anas hirribnikoo
Deebisee na nyaate

Waggaa dheeraa booda

Guyyaa guddaa sana
Gaafa irreecha shaggar
Qaamaan si argeera
Dhorkamnullee gargar

Ammas suman eega
Akka Oromoo obsee
Aduus numa baasa
Waaqni bokkaa roobsee

Ammoo an sin ganu
Nan ganiin atillee
Qubeelaakee hin gatu
Gugee ko jaalallee!

Qoma koo gubbaa ciistee
Onnee Koo boraafattee
Afuura somba kootin
Qaama Koo qoraafattee

Aniis....

Guntuta Kee arrabaan tuqeen
Miyaa jaalala dhandhamee
Harka Jaalalli adoocheen
Qaama Kee gubbaa qaqqabee

Arraba koon si tuttuqee
Dugda keetti rarra'ee
Osoon ijaan hin argiin
Waan Kee nyaachuf dharra'ee

Guntuta Kee ISA akka tulluu
Osoon tuttuquu kuffisee
Nagaa Onnee irraa maddeen
Tafa Kee gidduu dubbisee

Tafa Kee gamaaf gamanaa
Barru Harka kootin qaqqabee
Gaafan waan Kee ijaan arguu
Rukuttaa maleen gaggabee

Waan Kee natti fakkattee
Burtukaanii diimataa
Waan koos waan keetti kufuuf
Akka leencaa hiixataam

By Odaa
8.9K views06:34
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2023-05-22 22:06:52 Uumama gogu keessatti

Qubeelaa kakuu keenyaa
coqorsa siif hiinaan
Ni coolligaaf guungumte
Ofittoo agartuu keen
Coqorsa gogu keessatti,
waadaa badu agarte

Garuu...

Anatti kan mul'ate
Marga shuntuuru miti
Uumama gogu keessatti
Lalisuu jaalalaati!

By Dagaagaa Zarihuun
13.0K views19:06
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2023-05-22 16:10:55 Siif himuu fedheera

Qe'ee...
Oobdii urgaan abaaboo
Keessaa qilleensa'u
Ololli simbiraaf uumamootaa
Yeedalaa'ee kiilola'u

Qufaan jaarsa bulee dhaga'amu
Mar'annaan loowwanii dharra'amu
Weelluu harmoolii isa dimismisaanii
Jiita'uu daa'immaniifi kan akka isaanii

Keessatti yaadannoo tolchuuf
"Seenaadha" jennee bohaaruuf
Dhoksaa barasii, siif himuu fedheera

Jireenya callisa qabutti
Waca taateewwan kaleessaan
Goolamuufaa dharra'eera!

Dagaagaa Zarihuun
11.4K views13:10
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2023-05-20 20:41:39
“Akkan hin deebinetti
Deemeera yaa tiru
Na hin eegiin barataa koo
Anoo dhufaa hin jiru!
Sin barsiisa jedhee
Yaadee manaa ba’ee
Karaattin hafe egaa
Akka carraa ta’ee…
Amma dabtara kee cufii
Qalama kees qadaadi
Akkaataa itti boossee
Na awwaaltu yaadi…
Assignment bulchii
Gaaffii qabdus kaa’ii
Qe’ee maatii kiyyaa
Dhaqii gadda taa’i…

Konkolaataan ani ittiin
Si qaqqabuuf eege
Waadaa keenya nyaatee
Lubbuu koo wareege…
Beekumsa ani siif qooduuf
Umurii itti fixe
Dhiigaafi lafee koo waliin
Hallayyaatti lixe!
Kan nyaatte hin deebistu
Dacheen ni jabaatti
Ba’een karaatti hafe
Jedhi kaa nagaatti!”

Barsiisota Yuunivarsiitii Madda Walaabuu, kan har’a balaa konkolaataatiin dhumaniif gadda guddaatu natti dhaga’ame. Lubbuun keessan jannata haa boqottu obbolaan koo!

@Waloo_Leta
1.8K views17:41
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2023-05-18 19:18:31 Hin Deemin

TikTok irratti nu hordofaa. Video babbaredoo guyyaa guyyaan lakkisnuun bohaaraa! Follow, Comment, Share fi copy link gochuu hin dagatinaa.



https://vm.tiktok.com/ZM2RBVuy9/?t=2
6.9K views16:18
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2023-05-14 09:37:39 Happy Mother's Day

TikTok irratti nu hordofaa. Video babbaredoo guyyaa guyyaan lakkisnuun bohaaraa! Follow, Comment, Share fi copy link gochuu hin dagatinaa.



https://vm.tiktok.com/ZM2eUu9QK/
13.7K views06:37
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2023-05-13 19:50:31
Alas alas ala qorraa
Yoo jismiin koo na shuntuuru
Yoo miirri koo dhaabu uuruu
Yoon si fedhu,yoon si miiru
Hawwa keenan marmaradha!
Dharraa keenan mimmiixadha!
Hin hafin kaa sin makadha!
Si qapheetan dhadhaabadha
Si argeetan tosa'adha waan garaa koo!
Si hammadheen futtaafadha waan qaama koo!

Hin hafin kaa

Mubarak Sultan
7.0K views16:50
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2023-05-09 14:36:08
Mee naa laadhun jedhee
Ija koo ol kaasee
Ishee malee jechuun
Sagal deddeebisee

Kadhaan koos hin hafne
Deebii argateera
Gola onneesaatti
Galchee cufateera

Bagan si argadhe
Bagan si qabadhe

Si waliin jiraachuun
Anaaf abjuu kooti
Ati anaaf giiftii
Animmoo siif Mootii

Baga kan koo taate
Namummaan koo guute

By @Kaachuu_YW
3.9K views11:36
ክፈት / አስተያየት ይስጡ