2023-10-14 09:17:30
Yoo na dhabde...
Ollaan jinfuun si akoofti
Qarookeetti quba dhoofti
Sheekkoo sangoota sadeenii
Sitti shaakalti gadheeni !
Bishaantu kokkee si mudda
Qocaatu qorqee si hidda!
Hin mootu dabeettiifi jabduu
Wawwaattu dhageettii hin qabdu!
Na dagannaan…
Keessa-beekettiin alagaa
Ree-ffakeerratti* dalaga
Qoraaniif foonkee haammata
Gubaakee qorraaf qaammata!
Garaakee madaa baachisa
Dhalakee sodaa dhaalchisa!
Eeyyee...
Gaachana nan gootu taanaan
Na gattee dirreetti baanaan,
Ollaa moortuu mo'uun fafa
Hireen jirtu boo'uu qofa
Ol hiixannaan ana duuba
Kee guddinni ormaaf huuba.
Eeyyee...
Gaachanoomee sirraa qoluuf, gadda haadhaa
Faacha ollaas hiddaan muruuf, an gahaadha!
Fala salphaaf, hin araadin waaqa jeequu
Kankee lapheen, na haa baru! naan haa beeku!
Qaxaleekee, yoos tiksita, yoos wal eegda,
Wareegduukee, yoos dursita, yoos wareegda!
Agartuukee dhiiga* yaastu, yoos miiccita
Marartuukee diina gaadu yoos jiilchita!
Ofii anaan, "Ati eenyu?" jechuuf deemtaa?
Na dagattee jirtaaf malee, beekuu beekta!
An gurmuudha, ‘tokkummaadha’ haadhoo tuutaa
Na jabeessi, yoos cichitee, diina huutaa!
Utuu walii keen wal haatuu
Gidiraafi rakkoodhaa hin baatu
Bara kamuu nama hin taatu!
Aga Guda
@Walaloon_Jaalala
13.4K views06:17