Get Mystery Box with random crypto!

Walaloon Jaalala

የቴሌግራም ቻናል አርማ walaloon_jaalala — Walaloon Jaalala W
ርዕሶች ከሰርጥ:
Kutaa
Dhaalaa
Surree
Ansiif
Bilisummaa
All tags
የቴሌግራም ቻናል አርማ walaloon_jaalala — Walaloon Jaalala
ርዕሶች ከሰርጥ:
Kutaa
Dhaalaa
Surree
Ansiif
Bilisummaa
All tags
የሰርጥ አድራሻ: @walaloon_jaalala
ምድቦች: ያልተመደበ
ቋንቋ: አማርኛ
ተመዝጋቢዎች: 53.64K
የሰርጥ መግለጫ

Telegram irraa qarshii argachuuf link kana fayyadamaa.
https://telega.io/?r=l9NDCHx-
Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot

Ratings & Reviews

2.50

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

1

3 stars

0

2 stars

0

1 stars

1


የቅርብ ጊዜ መልዕክቶች 12

2023-11-05 10:46:15 Bareedduu akka barii Waaqaa,
qabbanooftuu akka gala aduu
Tokko si uumee sagal si tolche,
m/dhiironni hundi si badadu!
-
Uggum - isaa safuu - harkicha si uumeef
Fiixee bareedina taasisee isa si muudeef!
!
Kana sana hin jedhu tokko tokkoon lakkaa'ee
Akkuma Oromiyaatti tolchee lafa si kaa'e
Ardii torbanirra otoo naanna'anii
Bisinqillee akkakee tasa hin argani!
!
Uumama akkas tolee,
qalbii dhaabbiitti hawwatu
Otoon mootummaakee ta'ee,
namni tola hin daawwatu!
Otoo sitti beekanii, wallaalli nama miiti
Ati hawwata turistiiti; ati madda galiiti!
Ni miidhagda
Ati adda!
!
Garuu maal godha?
Gatiin namaa kufeetu,
Kan dhagaa samii tuqe
Bareedinni hammas ga'u,
bakkasaan wal miliqe
Iddoo hin feene dhaqe.
Warri dhagaa baachifatu,
Warri garaa caalchifatu,
Kofatti si harkisanii,
Golatti si hambisani!
Carraa akkaan-toleessa harka keetti baattee
Bifaaf jiruudhaanis Oromiyaa natti fakkaatte!
*
Kanaa'ol Badhaadhaa
@Walaloon_Jaalala
13.5K views07:46
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2023-11-04 22:03:23
Namni hundumtuu waan isa ilaallatuu fi isa irraa eeggamu dhibbantaa muraasa qofa otuu ba'atee, dhaloota keenyafis dhaloota nu booda dhufuufis agam tokko gaaridha seetan. Hunduu akka ogummaa isaatti wanta isa irraa eegamu otuu wal barsiisee yaadonni (content) nuti miidiyaalee hawaasaa irratti ilaallu ni baayyatu ture.

Egaa kunoo nutis waan barannee fi Ogummaa keenya ta'een dhaloota keenyaf hubannoo laachuuf, kallattii ogummichaa itti argisiisuf, carraalee hojii uumuf akkasumas Ogeessota faana wal barsiisuf garee Fiilmii fi Tiyaatira jedhu qabannee dhufneerra.

Gareen kun 100% dhimmoota Fiilmii fi Tiyaatira waliin wal qabatan qofa irratti kan xiyyeeffatudha. Yoo garee kanatti makamtan waan addaa argattu. Irraa barachaa itti bashannantu. Darbees ammoo carraalee hojii ogummaa kana keessan dhufan irratti hirmaachuu dandeessu. Miseensa keenya ta'aa. Namoota garee kanatti affeeraa. Yaada fi gaaffii qabdan maraa maxxansaa.

Fb
https://facebook.com/groups/fiilmii/
Tg
https://t.me/Fiilmiin
13.5K views19:03
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2023-10-26 15:52:33 Yaaleera...
Kabajakoo lafa kaa'ee
Gadi jedhee siif bitamuu,
Hin ta'aakoo hin ta'uu keetti
Tole jedhee itti dhibamuu...
Yaaleera!
Of of keessa oggoramee,
Odeessa koon loggomamee,
Beektaa...?
Sagaleekee qofa ofitti guurradhee
Dheekkamsa kee tolaan tola miireffadhe!

Futtaafadhee mufii keerra
Ofii of hidhee of hiikeera.

Ol of erguuf yaada kaasee,
Qofaa taataan ana raasee,
Yaada keessa,
Natti dhihee bari'eera!
Murtoo kooti!
Waa'ee keetiif deebi'eera!

Mallattoonsaa kana yoo ta'eetiif tarii
Onneeko....
Jechoonni jibbasaa jaalala naaf bari!

DaaBee.
@Walaloon_Jaalala
13.1K views12:52
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2023-10-23 14:24:56 Hubadhu Biiftuu Koo
~
Amman si jaaladhu
beekta silaa tiruu
Muufattee hin turin
mi'eessituu jiruu
~
Balleessaa koo ilaaltee
garaa hin jabaatin
Keessa kee qulqullutti
ulfa jibbaan baatin
~
Dhiifaman si gaaffa
morma kiyya cabsee
Si muufachiiseeratii
waadaa kiyya cabsee
~
Ta'us gaabben jiraa
keessi koo ibiddaa
Osoo kan beektuu
maaf na duraa baddaa?
~
Ilmi namaa silas
inuma balleessaa
Gaafa sana baru
qalbiisaa deebisaa
~
Hubadhu biiftuu koo
Kan caalu gaabbidhaa
Dhiifama naaf godhi
Hedduun si jaaladha
~
YW Kaachuu
@Walaloon_Jaalala
13.7K views11:24
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2023-10-21 19:07:58
Namni hundumtuu waan isa ilaallatuu fi isa irraa eeggamu dhibbantaa muraasa qofa otuu ba'atee, dhaloota keenyafis dhaloota nu booda dhufuufis agam tokko gaaridha seetan. Hunduu akka ogummaa isaatti wanta isa irraa eegamu otuu wal barsiisee yaadonni (content) nuti miidiyaalee hawaasaa irratti ilaallu ni baayyatu ture.

Egaa kunoo nutis waan barannee fi Ogummaa keenya ta'een dhaloota keenyaf hubannoo laachuuf, kallattii ogummichaa itti argisiisuf, carraalee hojii uumuf akkasumas Ogeessota faana wal barsiisuf garee Fiilmii fi Tiyaatira jedhu qabannee dhufneerra.

Gareen kun 100% dhimmoota Fiilmii fi Tiyaatira waliin wal qabatan qofa irratti kan xiyyeeffatudha. Yoo garee kanatti makamtan waan addaa argattu. Irraa barachaa itti bashannantu. Darbees ammoo carraalee hojii ogummaa kana keessan dhufan irratti hirmaachuu dandeessu. Miseensa keenya ta'aa. Namoota garee kanatti affeeraa. Yaada fi gaaffii qabdan maraa maxxansaa.

Fb
https://facebook.com/groups/fiilmii/
Tg
https://t.me/Fiilmiin
12.7K views16:07
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2023-10-14 09:17:30 Yoo na dhabde...
Ollaan jinfuun si akoofti
Qarookeetti quba dhoofti
Sheekkoo sangoota sadeenii
Sitti shaakalti gadheeni !

Bishaantu kokkee si mudda
Qocaatu qorqee si hidda!
Hin mootu dabeettiifi jabduu
Wawwaattu dhageettii hin qabdu!

Na dagannaan…
Keessa-beekettiin alagaa
Ree-ffakeerratti* dalaga
Qoraaniif foonkee haammata
Gubaakee qorraaf qaammata!
Garaakee madaa baachisa
Dhalakee sodaa dhaalchisa!

Eeyyee...
Gaachana nan gootu taanaan
Na gattee dirreetti baanaan,
Ollaa moortuu mo'uun fafa
Hireen jirtu boo'uu qofa
Ol hiixannaan ana duuba
Kee guddinni ormaaf huuba.

Eeyyee...
Gaachanoomee sirraa qoluuf, gadda haadhaa
Faacha ollaas hiddaan muruuf, an gahaadha!
Fala salphaaf, hin araadin waaqa jeequu
Kankee lapheen, na haa baru! naan haa beeku!

Qaxaleekee, yoos tiksita, yoos wal eegda,
Wareegduukee, yoos dursita, yoos wareegda!
Agartuukee dhiiga* yaastu, yoos miiccita
Marartuukee diina gaadu yoos jiilchita!

Ofii anaan, "Ati eenyu?" jechuuf deemtaa?
Na dagattee jirtaaf malee, beekuu beekta!
An gurmuudha, ‘tokkummaadha’ haadhoo tuutaa
Na jabeessi, yoos cichitee, diina huutaa!

Utuu walii keen wal haatuu
Gidiraafi rakkoodhaa hin baatu
Bara kamuu nama hin taatu!

Aga Guda
@Walaloon_Jaalala
13.4K views06:17
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2023-10-12 20:14:34
Nan bir'adha, bir'uu hamaa
Nan mil'adha, gama - gama
Shokokii baalaaf wareereera
Akka si fiduuf wareegeera
Qoofnii taa'ee si eegeera!
Garuu,
Wareeruunkoo na'a lapheeti
Si eeguunkoos natti bareeti.
-
Abjuu milkiin gaggabuukoo,
Ta'aa laataan dadhabuukoo,
Ijji wixxee na dha'achuu,
Qalbiin diddee naan taphachuu,
Akkan jiidhaa gogaa ta'u,
Waaqnif lafti ragaa ba'u!
Garuu,
Ragaa ba'anis maal fayyada?
Baatii bade galchiin bada.
-
Hamacamee of nyaadheera
Gadis bu'ee ol kaadheera
Of si'eessee dafqeera
Fiixee obsaa argeera
Fedhii bule karaa itti argamu
Naan utaala yaadni hin sarmu
Lagan bu'a tulluun ba'a
Garuu dhumni sanum ta'a!
Egaa,
Sirna ganamaa ega dhaqanii
Waamii galgalaa hin hafanii
Si eegeera hamma namaa
Kana booda an nan deema!
- -
Reebanii reebanii,
sangaa didaa taasisu
Eeganii eeganii,
lafaa gaabbii hambisu!
Siin si eegeera karaa amanee;
carraa ganee
Amma deemeera karaa ganee;
karra banee!
* * *
Kanaa'ol Badhaadhaa
Qarqara arbaa
2022
13.4K views17:14
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2023-10-10 21:01:43 Page Facebook miseensota 10k ol qabu kan active ta'ee fi kan gurguramu namootni qabdan @Walaloo_bot irraan nu qunnamaa
14.1K views18:01
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2023-10-09 20:43:08 Bitii gali naan jettaa, bitii galii goodarree
Goodarree bitun galuu
Karameellaa eeggattaa
Fili gadi naan jettaa, fili gadi goofaree
Goofaree gad hin filuu
Shurrubbaa koo jaallattaa

Gabaa sambateen dhaqaa
Galan arga ija kee
Magaala shaggaa gurbaa
Nan dabarsiin bifa kee

Ela yennaan manaa ba'uu
Ela yennaan si dharra'uu

Shurrubbaan shananadhaa
Shoreen gadi gadhiifadhaa
Karaarran dhadhaabbadhaa
Lafa laalaan dubbadhaa

Ela yennaan gala ga'uu
Miila kiyyan gorfadhaa
Guggubaan hafarfadhaa
Lapheen qabbaneeffadhaa

Taliilee
@Walaloon_Jaalala
14.4K views17:43
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2023-10-05 01:17:13 Na dhaanu na waaranu
Xiqqoollee naan gaddanuu

Maqaa kiyya hadheessuu
Haqa kiyya haqaaqsuu

Fagoodhaa wal maamanii
Mudaa koo gad guuranii

Natti kolfu in qasa'uu
Haga laagaan tarsa'uu

An homaa itti hin maqnee
Liqaafis kadhaa in dhaqnee

Maal ta'anii na jibbuu
Ilkee arrabaan na hidduu?

Garuu.....

Garuu namni filatee
Rakkinaaf harka in laatuu
Maaf qoosaa godhatanii
Maqaa kootiin jiraatuu

Anis filadhee mitii
Caba keessaa fi alaa
Dirqama natti taanaan
Harka itti laadhe tola

Sinoo maaf na roorriftuu
Waanjoo narra keessanii
Hagan baachuu dadhabu
Ba'aa narra tuultanii

Isiin...

Isin humnas qabdu aangoo
Isatti hirkattanii
Ana kan humna in qabne
Maaf hiituu gaaditanii

Obsuu dadhabee hamman
Murtoo cimaa filadhuu
Humna in jirre kanaan
Madaa koo kulkulfadhuu

Jecha in qabu anoo siniif
Uumaan bakka buufadha
Filadhee miti hundayyuu
Kanan ta'e argadhaa!

Yerosan Oljiratiin
@Walaloon_Jaalala
13.9K views22:17
ክፈት / አስተያየት ይስጡ