2023-08-07 12:22:10
Bor haa deebisu!
-
Silaa,
Gogaa jiidhaatti maru
Mana ganamaan haru,
Firaafii alagaa baru!
Silaa,
Bobaa fagootti hin fiigan
Qe'ee ofirratti hin diigan!
Silaa,
Gorsa alagaa baqatu
Dutna firaa abdatu!
Silaa,
Alagaa fuula hoosisu
Qe'eetti garaa deebisu!
Garuu,
Karaa baasu hin barre
Gogaa jiidhaatti hin marre
Fira diinomu hin beekkanne
Aantee jiraatu hin eegganne
Isuma taa'anii fannisan
Buusuuf ofum rakkisan,
Qe'eettis gaaffii harkisan!
Ammahoo!?
Waan darberraa maal baratan,
Maal dhabanii maal argatan!?
Ijaaruree qe'ee diigan,
Deebisuuree nagaa dhiiban?
...
Fira kaleessaa- alagaa har'aa,
cabsuu qofaaf mijeeffatu
...Moo...
Eenyummaa hin fudhanne,
kan ormi ittiin abaaru,
qe'ee ganamaa sirreeffatu?
Kanaa'ol Badhaadhaa
@Walaloon_Jaalala
14.6K views09:22