Get Mystery Box with random crypto!

Walaloon Jaalala

የቴሌግራም ቻናል አርማ walaloon_jaalala — Walaloon Jaalala W
ርዕሶች ከሰርጥ:
Kutaa
Dhaalaa
Surree
Ansiif
Bilisummaa
All tags
የቴሌግራም ቻናል አርማ walaloon_jaalala — Walaloon Jaalala
ርዕሶች ከሰርጥ:
Kutaa
Dhaalaa
Surree
Ansiif
Bilisummaa
All tags
የሰርጥ አድራሻ: @walaloon_jaalala
ምድቦች: ያልተመደበ
ቋንቋ: አማርኛ
ተመዝጋቢዎች: 53.64K
የሰርጥ መግለጫ

Telegram irraa qarshii argachuuf link kana fayyadamaa.
https://telega.io/?r=l9NDCHx-
Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot

Ratings & Reviews

2.50

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

1

3 stars

0

2 stars

0

1 stars

1


የቅርብ ጊዜ መልዕክቶች 14

2023-08-21 09:29:47 Maali Bu'aan Isaa?
~
Maal taate jetteetoo
otuu nan gaafatin
Maal rakkoon jetteetoo
osoo nan qoratin
Ana yakkisiisuuf
Badaa jechisiisuuf
namatti hin hamatin
~
Ani ilma namaati
miiraa qaba silaa
Ni hubatta ture
wanta ana jalaa
Soba yoo hin ta'in
koof kee kan jaalalaa
~
Wal cinaa yoo hin taane
dugda yoo wal-laanne
Yoo garaa jabaannee
yoo karaa faagaannee
~
Yaada jenna malee
maali bu'aan isaa?
Waliif jirra jechuun
hedduu nama aarsa
~
YW Kaachuu
@Walaloon_Jaalala
12.8K views06:29
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2023-08-19 18:44:00 Onneekoo dhiifama!

Anatu...
Anatu ol fuudhee sirratti lallabee,
Kan siif hin taanetti anatu gaggabe!
Osoon dhagahuu duudee
Osoon arguu jaamee
Natu si dhukkubse
Natu sitti waame!
Eeyyee…
Natu sitti waame mana ormaa dhaqee,
Anatu marmaaree ibidda sitti naqe
Natu Jilla didee
Hundaaf si amana
Natu si tuttuqee
Si dhowwa qabbana
Onneekoo dhiifama!
Kana booda...
Lammatan jaaladhu-Heera Uumaan dabsa
Lammatan amanu-Seer- Jaalalaan cabsa
Jedhee garuu
Waadaan seenu!
Hin maseenu!
Jaalalaaf uumamte dhukkubsachaa seeqi
Ammas jiileen taa’u jaaladhuu na jeeqi!

DaaBee...
@Yaadota
13.2K views15:44
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2023-08-16 20:25:13 "Haadha laalee
Intala Fuudhetan
Isheen ala baatee
Manatti gale an"
Jedhe namichi
13.3K views17:25
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2023-08-15 21:44:16

13.5K views18:44
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2023-08-13 19:36:42
Tikkeettii seensaa Tiyaatira Ganamee badhaafamuu barbaadduu?

Fb irratti link gadii kanaan seenaatii dorgomaa


https://facebook.com/groups/fiilmii/
13.7K views16:36
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2023-08-13 16:00:02 Beeksisa

Namootni chaanaala miseensa 35k ol qabdaniifi beeksisa nu faana hojjachuu barbaaddan @Walaloo_bot irratti nuuf barreessaa!
12.6K viewsedited  13:00
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2023-08-11 13:45:51 Halkan Tokko.

Gammachuun barootaaf kuulleekoo dagate
Kolfi yeroo dheeraa addunyaa dhokate
Ilkaanshee ajjeesaan, mul'achuu sodaate
Naaf deebi'a taanaan nyaarri na baqate...

Mo'achuudhaan itti cichee abjuu rakkoo
Yoo jiraate nan bitadha halkan-tokko.

@abdimegersa

@humnajaalalaa
@humnajaalalaa
13.5K views10:45
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2023-08-07 12:22:10 Bor haa deebisu!
-
Silaa,
Gogaa jiidhaatti maru
Mana ganamaan haru,
Firaafii alagaa baru!
Silaa,
Bobaa fagootti hin fiigan
Qe'ee ofirratti hin diigan!
Silaa,
Gorsa alagaa baqatu
Dutna firaa abdatu!
Silaa,
Alagaa fuula hoosisu
Qe'eetti garaa deebisu!

Garuu,
Karaa baasu hin barre
Gogaa jiidhaatti hin marre
Fira diinomu hin beekkanne
Aantee jiraatu hin eegganne
Isuma taa'anii fannisan
Buusuuf ofum rakkisan,
Qe'eettis gaaffii harkisan!

Ammahoo!?
Waan darberraa maal baratan,
Maal dhabanii maal argatan!?
Ijaaruree qe'ee diigan,
Deebisuuree nagaa dhiiban?
...
Fira kaleessaa- alagaa har'aa,
cabsuu qofaaf mijeeffatu
...Moo...
Eenyummaa hin fudhanne,
kan ormi ittiin abaaru,
qe'ee ganamaa sirreeffatu?

Kanaa'ol Badhaadhaa
@Walaloon_Jaalala
14.6K views09:22
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2023-08-04 20:46:14 Eessaan Dhufta?

Walaloo bareedaa qabiyyee jaalalaa qabu kana daawwadhaa. Achumaan fuula TikTok keenya follow godhaa!

https://vm.tiktok.com/ZM2WBdC5S/
23.0K views17:46
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2023-08-03 23:43:46 Nama ajaayibsiisa.

Shokokii halkanii
suksuka galgalaa
akka gogorrii daggalaa
Qaamaan hin arganii
afuura ol mi'aawutu,
yaadarra maggala.

Nama jechisiisa.

Hawwamaan akka dharraa,
dhabamaan akka carraa,
dukkana uffatee maal fuudhaa namarraa?

Nama gumgumsiisa.

Inni argee arguu
haa kolfu kaakkisee, fuula namaatti
Inni arguuf dhabu
haa boo'u hiiqqisee, fula garaatti
Garaatti maaltu ulfaataa?,
Ajaayyuu ni baataa!

Nama nuffisiisa.

Ganama ganama abjuuf boorachuun
Galgala galgala abjuu soorachuun!

*
Kanaa'ol Badhaadhaa
@Walaloon_Jaalala
12.7K views20:43
ክፈት / አስተያየት ይስጡ