Get Mystery Box with random crypto!

Walaloon Jaalala

የቴሌግራም ቻናል አርማ walaloon_jaalala — Walaloon Jaalala W
ርዕሶች ከሰርጥ:
Kutaa
Dhaalaa
Surree
Ansiif
Bilisummaa
All tags
የቴሌግራም ቻናል አርማ walaloon_jaalala — Walaloon Jaalala
ርዕሶች ከሰርጥ:
Kutaa
Dhaalaa
Surree
Ansiif
Bilisummaa
All tags
የሰርጥ አድራሻ: @walaloon_jaalala
ምድቦች: ያልተመደበ
ቋንቋ: አማርኛ
ተመዝጋቢዎች: 53.64K
የሰርጥ መግለጫ

Telegram irraa qarshii argachuuf link kana fayyadamaa.
https://telega.io/?r=l9NDCHx-
Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot

Ratings & Reviews

2.50

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

1

3 stars

0

2 stars

0

1 stars

1


የቅርብ ጊዜ መልዕክቶች 16

2023-07-19 19:17:05 Biyyakoo....

Si keessatti uume
Si keessaa kalaqe
Ani si barbaachan
Biyya Ormaa dhaqe

Biyya Ormaa saaqee
Kanan banee laalu hundisaa cillima
Biyyakoo eessa jirtaa
Lakkii hin bubbuliin barrikoo ni dhuma!

Moo
Addunyaakoo baattee ati eessa teessee?
Tarii na dursitee Mana Waaqaa geessee?

Daraartuu Beekaa
@Walaloon_Jaalala
7.0K views16:17
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2023-07-18 17:46:04 Gaarren miiraa gubbaa
Ededa cabii qabu
Adamoo naaf hin galleef
Gaafan achi labu,

"Anaan ala- onaan alatti
Homtuu hin mul'atu natti."

Sagalee jedhu sanaaf
Ati osoo deebii hin taanee
Silaa, anaa fi qabbanni
Turre erga adda baanee!

Isa naaf hin galle
Bitas natti hin galle,
Isa isaan hin hubanne
Isa anis hin dubbanne...

Inni an itti oolu
Siin miira qabaata
Argamnikee, si'iikoo
Guyyaakoof hiika laata!

Raga Isayas
@Walaloon_Jaalala
7.9K views14:46
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2023-07-16 11:33:23 Abbaa manaatu dhukkubsatee erga du'uuf gahee, haadha warraasaa waamee, gaaffii barootaaf Isa dhiphisaa ture tokko gaafate:-

Dhirsa:- Ijoollee keenya torbanuu keessaa jaha wal fakkaatu. Mee dhugaamasaa natti himi, inni tokko kan nama biraadhaa?" gaafa jedhu niitiisaa boo'ichaaf eessatti qabu?

Niitii:- "Eeyyee" ... hiq hiq hiq

Dhirsa:- "Inni kan eenyuuti?"

Niitii:-" Inni kankeeti!"

Innaa... haalichi Wal-xaxaa ta'uu waan maluuf gaaffii hin baay'isinaa Addaamotni!

Madda:- Alex Taye
9.3K views08:33
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2023-07-16 10:54:01 Aniin si jaaladhu,

Si dhiisuuf sababa kuma
lakkaa'ee nan tarreessa
Kan sirraa nan fageessine
Sababni tokkommoo
Jirti na keessa

Inni fakkeessaa beeku,

Si waliin turuuf,
Sababa kuma qaba
Si dhiisuuf sababa tokkittii
Of biraas immoo qaba!

Amiin Waaree ti.
@Waareekoo
8.0K views07:54
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2023-07-14 17:17:33 Sirba gaafa cidhaa galgala, yeroo misirrittiin boossu, hamaamotni waa'ee #Durbummaa sirbanii aarsan

Maal maal jettee boossi isheenoollee?...(*2)

Qoraan dhaqee galeen
Qoraafamee gale... Jettee boossi isheenoollee...

Irraan gadee kufeen
Irraanfadhee dhufe... Jettee boossi isheenoollee...

Sokorruut gad cabe
Sokoksuun dadhabe... Jettee boossi isheenoollee ...

Lafa maasii bonee
Iddoonsaayyuu in one... Jettee boossi isheenoollee ...

Lafa maasii garbuu
An barbaadee hin argu... jettee boossi isheenoollee ...

Mana gidduu ba'een
Akka iyyuu ta'e... Jettee boossi isheenoollee ...

Lo'ee na qabatee
Boo'ee na kadhate... Jettee boossi isheenoollee ...

Madabiirran kaa'e
Darabiit arraabe... Jettee boossi isheenoollee ...

Gurbattiittan aaree
Guyyattiin abaare... Jettee boossi isheenoollee ...
.
.
.
Jedhanii itti sirbu.
Kanneen hafanimmoo... Ballaa Najoo tu beeka!
9.4K views14:17
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2023-07-13 21:40:55 ani kun
Si'i kanaan

Dur

Qalaman jaaladhuun
Bareechee si kaasee
Kuuleen si fannise

Jechootan filadhuun
Hanquu malee si barreessee
Jirtaakee amanee
Siin anaaf si qopheesse

Fakkiikeerraa homaa hin hir'isne
Qalamnikoos takkaa sin gulaalle
Si eeguukoos hin himanne
Hafte jedhees ka'ee hin galle
Turte jedhees hin mufanne

Akka bokkaa koomtoon gamaa
Hin dhuftaakeen taa'ee eega
An siif miti
Fakkiikoofan taa'ee gama

Amma

Si'iikoo sana
Ishee fakkiikoorraa
'sheen si barreesse
Ishee yaadakoorraa
Utuun eeguu
Hamman deegu

Anakoo qalamakoon kaasuuf ka'e
Kobbeekoo qareen ofiif gadi taa'e

Firaol 13/07/2023
@Walaloon_Jaalala
9.1K views18:40
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2023-07-12 18:17:41 Walaloo bareedaa TikTok irratti lakkifame daawwadhaa!

https://vm.tiktok.com/ZM2CdqVfN/
9.5K views15:17
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2023-07-12 14:20:40 Utuu akkan siyaadutii
Qalbiin nanaanna'ee...
Utuun akka gaaf-hundaa
Abjuudhaan sitti haasa'ee;

Utuu akka garaan yaadu
Hundumtuu wal ta'ee....
Silaa yoona carroomee
Haadha injifannoo ta'e!

Garuu......

Yaadatu naan sokkee
Callisee na joorsa
Si'ii nan yaadne yaadeen
Qalbiikoo raatessa!
.
.
.
Eewudhati?

Leensee Raggaasaa tii
9.5K views11:20
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2023-07-09 08:59:37 Wanuma keen yaada
Jiruu ko dagadhee
Ano sittan fiiga
Ofi ko baqadhee

Jiruu kootu badee
Jiruu keen falamee
Dhiiga kootti makamtee
Dhiigni koos lalamee

Galmee jiruu koo irraas
Sumatu dubbifama
Waa hunda koo jedhee
Kanafaan si wamaa

By Abdii mitiku merdasa
12.4K views05:59
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2023-07-08 15:07:05 Hin dhufin maleessaa

Inniti dhaabdee deemte
Gaaddisni beellama kee
Bututeera hin jedhu
Dunkaanni mallattoo kee

Abdii dhalee wal cora
Marabbaa kee ho'isa
Kafana siif ta'uudhaaf
Gogaa kootu of luqqisa

H𝑖𝑛 𝑑ℎ𝑢𝑓𝑖𝑛 𝑚𝑎𝑙𝑒𝑒𝑠𝑠𝑎𝑎

Akka qumbii mootii
Dubbannaa urgoofta
Shaakalan hin qabne
Masoodhaan na waamta
Galaa yaada kootii
Gudunfaa hiikkachiiftee
Duuba na deebiftaa....

H𝑖𝑛 𝑑ℎ𝑢𝑓𝑖𝑛 𝑚𝑎𝑙𝑒𝑒𝑠𝑠𝑎𝑎

Kiilolaa'uu qooqa kee
Dambalii rifeensa keetii
Bubbisa seeqa kee
Ofgataa hidhii keetii
Maraammartoo ija kee
Ni obsa na seeteetii?

H𝑖𝑛 𝑑ℎ𝑢𝑓𝑖𝑛 𝑚𝑎𝑙𝑒𝑒𝑠𝑠𝑎𝑎

Qananii wal'aaleetan
Dhaba keen of rakkisaa!

Dagaagaa Zarihuun
@Walaloon_Jaalala
12.3K views12:07
ክፈት / አስተያየት ይስጡ