2023-06-22 23:27:27
ATI...
Callisnikee yoo danoomu
akkan gogee soora soomu...
na dheessitaa gaafan shakku
onnee nagaa akkan yakku...
Finnummaakoo akka moote
beekuu beekta shaggaa gootee!
Maaliif garuu...?
Of dhaamsitee, of ibsuunkee,
mataa miiraa miliqsuunkee,
akka hibboon na dhaaluufii?
moo... dhikkisakoo madaaluufi?
Waan keessakoo gurraan dhugdee,
kankee seeqaan kan haguugde,
akkan ofiin tilmaamuufii?
moo... akkan kiyyaan si waamuufi?
Gaaffii gaaffiin naaf deebisuun,
deebiin hawwu baattee usuun,
akka gaabbiin na marsuufii?
moo... akkan qalbii dabarsuufi?
Maaf hin baastu waan si keessaa?
afaan deebii maaf si dheessa?
maaf jijjiirta mata-duree
gaaffii dhiisuun qaban turee?
Tarii ati...
Jabdu-laaftuu akka cabbii
ol fagaattuu akka Rabbii
Hin dubbannee akka suuraa
tarii yoona at hafuuraa
Aga Guda
12.6K views20:27