Get Mystery Box with random crypto!

Walaloon Jaalala

የቴሌግራም ቻናል አርማ walaloon_jaalala — Walaloon Jaalala W
ርዕሶች ከሰርጥ:
Kutaa
Dhaalaa
Surree
Ansiif
Bilisummaa
All tags
የቴሌግራም ቻናል አርማ walaloon_jaalala — Walaloon Jaalala
ርዕሶች ከሰርጥ:
Kutaa
Dhaalaa
Surree
Ansiif
Bilisummaa
All tags
የሰርጥ አድራሻ: @walaloon_jaalala
ምድቦች: ያልተመደበ
ቋንቋ: አማርኛ
ተመዝጋቢዎች: 53.64K
የሰርጥ መግለጫ

Telegram irraa qarshii argachuuf link kana fayyadamaa.
https://telega.io/?r=l9NDCHx-
Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot

Ratings & Reviews

2.50

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

1

3 stars

0

2 stars

0

1 stars

1


የቅርብ ጊዜ መልዕክቶች 17

2023-07-05 20:21:55 Waan Haaraa

Fayyadamtoota Instagram hundaaf. Itti goraa

https://instagram.com/kaachuu_yw?igshid=MzNlNGNkZWQ4Mg==
2.8K views17:21
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2023-06-29 12:56:29 Utuun si jaalladhuu
Onnee banaa dhiiftee
Utuun si abdadhuu
Summii jibbaa biiftee
~
Keessa koo waraantee
Jaalalaan madeessaa
Godaanuu filatte
Onnee kiyya keessaa
~
Keessi koo si dhabee
Halkan guyyaa fiigaa
Madaan godaansa kee
Kulkulee na dhiigaa
~
Akkaataan jiruu kee
Sichi naaf hin ta'uu
Ta'us
Sin jaaladhu malee
Si jibbuun danda'uu...

By Boontuu
7.0K views09:56
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2023-06-22 23:27:27 ATI...

Callisnikee yoo danoomu
akkan gogee soora soomu...
na dheessitaa gaafan shakku
onnee nagaa akkan yakku...

Finnummaakoo akka moote
beekuu beekta shaggaa gootee!

Maaliif garuu...?
Of dhaamsitee, of ibsuunkee,
mataa miiraa miliqsuunkee,
akka hibboon na dhaaluufii?
moo... dhikkisakoo madaaluufi?

Waan keessakoo gurraan dhugdee,
kankee seeqaan kan haguugde,
akkan ofiin tilmaamuufii?
moo... akkan kiyyaan si waamuufi?

Gaaffii gaaffiin naaf deebisuun,
deebiin hawwu baattee usuun,
akka gaabbiin na marsuufii?
moo... akkan qalbii dabarsuufi?

Maaf hin baastu waan si keessaa?
afaan deebii maaf si dheessa?
maaf jijjiirta mata-duree
gaaffii dhiisuun qaban turee?

Tarii ati...
Jabdu-laaftuu akka cabbii
ol fagaattuu akka Rabbii
Hin dubbannee akka suuraa
tarii yoona at hafuuraa

Aga Guda
12.6K views20:27
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2023-06-22 20:20:23 Badhaasa Qarshii 1000

Gareen Fiilmii fi Tiyaatira jedhamu Facebook irratti gaaffii yeroo yerootti baasu namoota dursanii deebisan sadiif badhaasa qarshii 1000, 700 fi 500 qopheesseera. Liinkii gadi jiruun dafaa itti makamaa. Waliif qooduun wal biraan ga'aa!

Liinkiin isaa

https://facebook.com/groups/fiilmii/
29.7K views17:20
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2023-06-11 16:39:54 Hawwattuu 𝑎𝑘𝑘𝑎𝑠𝑎𝑎 hin qabne
Boojituu homtuu hin qaqqabne,

Atoo,
Akka mi'aa qabdutti
Umrii osoo qabaattee
Silaa, dhimmi qoonqoo
Qalbiirraa nu fagaatte!
Namuu isa hin yaadatu
Hojiis maqaa hin dha'u
Takkaa bargaanfannaan
Manaa gadi hin ba'u.

Gaarummaansaa,

Ogeessichi si uumes
Dursee san beekkatee
Mi'aa siif arjoomee,
Turtiimmoo waakkate!

Raga Isayas
3.4K views13:39
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2023-06-10 11:29:16 Oduu Gammachiisa

Jaalattoota fi dinqisiifattoota Aartii Oromoo maraaf. Gareen Fiilmii fi Tiyaatira jedhu waan addaa tokko isiniif qabatee dhufeera. Dafaa itti dhiyaadhaa. Carraawwan gurguddoo karaa sana dhufan dursaatii fayyadamaa. Waliif qooduun wal biraan ga'aa!

Liinkiin isaa

https://facebook.com/groups/fiilmii/
3.8K views08:29
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2023-06-09 19:07:16 Balleessaan Koo

Si'iin sijaalladhee
Sitti firoomuukoo
Firakoo lagadhee
Siin firoomfachuukoo

Bu'aan sirraa argaaf
Argaa Koo naqabdee
Edaa hunduu sobaa
akkittiin siyaadee

Humaadha bu'aankee
Hin qabuyyuu gatii.
Mijuu fakkeessitee
Nagatta qileetti

@Walaloon_jaalala
Natiyo Alex's
4.9K views16:07
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2023-06-08 18:03:45 Ofi'n jajin

TikTok irratti nu hordofaa. Video babbaredoo guyyaa guyyaan lakkisnuun bohaaraa! Follow, Comment, Share fi copy link gochuu hin dagatinaa.



https://vm.tiktok.com/ZM2rQ49q8/
10.3K views15:03
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2023-06-08 10:08:53
Tortoraaf suunqoo qotu
samaan suunqoo nagadu
Shafoo akka kee kanaaf
maalif Kan qalbiin na badu?
.
Atoo kabeelaa kanaa
haftuu dubartii beeraa
Onneen koo si kanarraa
maal dhabee maal kejeelaa?
.
Atoo fokkiftuu kanaa
fokkiftuu budaan jibbu
Atoo coolligduu kanaa
maalif na duraan dhibduu?
.
Sifaan boobee tumaaree?
Siifaan boo'ee du'aaree?
.
Maagaalleen gatiin dhibba
diimtuun gatiin shantamaa
Kan akka keetii kanaaf
hin kaffaluum digdama!
.
Sababa keen hurreessa
hin kabaju siif duudhaa
Farda malee dhufeetaan
gabbara malee si fuudhaa
.
Siifan boobee tumaaree?
Siifan boo'ee du'aaree?
.
By Isuu Koo
5.7K views07:08
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2023-06-05 19:06:54
1.5K views16:06
ክፈት / አስተያየት ይስጡ