Get Mystery Box with random crypto!

Kaayyoof Jiraanna

የቴሌግራም ቻናል አርማ kaayyoofjiraanna — Kaayyoof Jiraanna K
የቴሌግራም ቻናል አርማ kaayyoofjiraanna — Kaayyoof Jiraanna
የሰርጥ አድራሻ: @kaayyoofjiraanna
ምድቦች: ብሎጎች
ቋንቋ: አማርኛ
ተመዝጋቢዎች: 2.29K
የሰርጥ መግለጫ

Lubbuyyee

Ratings & Reviews

2.00

3 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

1

3 stars

0

2 stars

0

1 stars

2


የቅርብ ጊዜ መልዕክቶች 2

2023-01-23 12:36:49 beysisa kana itti fayyadamaa Guyya Arraa badhasa baredaa Qopheysine Jirra badhasni kun Gafii fi deebiidha sagantan tun Gaafii jaalalaati Namni Gaafi Kana debise kardii abba birr 100 hanga 500 Ni Argattu Links kana tuquun Carraa keeysan mokkoraa Asirratti Tuqii http://bit.ly/3wg7fJN
http://bit.ly/3R5RBdC
https://bit.ly/3jS3x6B
4.4K viewsedited  09:36
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-12-28 20:25:38
Fayfayoo bareedduu
Kuullee ija kuulaa
Sirraa fagaadhullee
Suman yaadaa bulaa

Bu'aa ba'ii jiruuf
Hin kutadhu garaa
Haaluma jiruutu
Na fageeyse sirraa

Karaan fagaatullee
Yaannikoo si biraa
Qaama malee qalbiin
Yoomiyyuu si biraa

Qalbiitoo na fuutee
Qaama qofa dhiiftee
Ana halkaniif guyyaa
Adda wallaalchiftee

Waaqatti hirkadhee
Hundumtuu ni taraa
Fageenyakoo laaltee
Nan dheeysin hadaraa

Boruufin si eegaa
Har'arra taa'eetii
Nan miidhin yaa lubbuu
Ani jooraa keetii

Hogguu suman yaada
Barrisii naaf koottu
Yeroo sanin fayyaa
Ijaan yoo na laaltu

Halkan ibisituukoo
Akkuma addeeysaa
Gubaa laphee kooti
Siitu qabbaneeysaa

Fagoos yoo jiraatte
Siitu natti aanaa
Capha lafee kootii
Sumaatu wal'aanaa

Qaamaaf qalbiidhaan
An sirraa hidhamee
Daddafii na baasi
Waabii si godhamee

Waan ajaa'ibaati!
Walaloo Gurratti Mi'ooftu Tana Dhaggeeyfadha!
Hiriyoota Keeysaniifis #Share godhaa!
#Chanaala_Kana_Join_Godha
wan Isin fayyadu Bayye
qabaa Irra fayyadama

https://t.me/dhamdhamajaalalaa
https://t.me/kaayyoofjiraanna
20.8K viewsedited  17:25
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-12-28 20:24:18
Siif Quudhe jaalala!
Kanin sirraa hafee
Jabaa meeqaatam
Caccabsite lafee

Goota sodaatamu
Meeqa luuyna goote
Gamna jabaa namaa
Qabdee gowwoomsite

Qaroo meeqaatam
Ijasaa jaamsitee
Kaan osoo dhagahuu
Gurrasaa duuchite

Tokko sirraan hafu
Yeroo qabuu kaate
Gariif garaa laafta
Garii maraachitee

Bahaa fi dhihatti
Kaabaa fi kibbatti
Ardii mara geeysa
Hanga sekonditti

Meeqaa biyyaa bahe
Kan sirraa tuqame
Kuunis sumaaf jecha
Lubbuu wareegame

Halkan qaaxiraan
Hirriiba dhoorkitaa
Guyyallee yaadaan
Olii fi gadi ooftaa

Nama hojii qabu
Hojjatuu dhoorkitee
Deddeemaa goota
Mala wallaalchiftee

Osoo mana qabu
Manasaati baaftaa
Mooraa namaa jala
Akka jooru gootaa

Bu'aa tokkoon malee
Ganda keeysa ooftaa
Hoggaa feete ammas
Gaashireetee buuftaa
#Chanaala_Kana_Join_Godha
wan Isin fayyadu Bayye
qabaa Irra fayyadama

https://t.me/dhamdhamajaalalaa
https://t.me/kaayyoofjiraanna
28.2K viewsedited  17:24
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-12-13 14:31:50
SIN MARARFADHA

sin mararfadha sin jaaladha
qaamakoo qaama guutuu
jaalalakeef nan caba
siif lubbuunkoo haa duutuu

siif maaltu na mararaa
dabarseen siif of kennaa
dhugaanan si jaaladhaa
isa hin gaafanne beenyaa

mareekoo mararteekoo
kumakoo kitilakoo
umphaa koottuu na fudhu
kichuukoo biqilakoo

keessikoo siif gadoodaa
onneenkoo siif harganaa
guyyuu si dhabee hin turuu
si arguufan sardamaa

si argees natti hin furuu
osoon sin quufin deemtaa
qaamaan narraa fagaattee
yaadaan natti olseentaa

yerootu diina kootii
guyyaan daqiiqaa ta'aa
karaan dhumu hin mul'atuu
akkamittiin nu ga'aa

nun ga'u mararteekoo
kanaafan sihin hawwaa
hin fagaatin anarraa
si dhabnaan natti qaawwaa

jechoonni barraa'anii
toora yoo galaniyyuu
si ibsuu hin danda'an
mararteekoo yoomiyyuu

kanaafuu saruleekoo
bucheekoo qaroo waataa
narraa hin fagaatiinii
keessikoo na dhaabbataa

iiji kiyya simalee
lafa arguu dadhabdee
onneenkoo hojii dhaabdee
ati deemnaan gaggabdee
28.6K views11:31
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-12-02 18:20:35
#Dhaamsa_Maatii

Dhufee si wal'aannachuf
Karaan natti cufame
Siniif awwallachuuf
Dandiitu uggurame

Silaa siin birmadhaa
Akkan si jaallufoo
Eenyuutu hubata
Isan dhuge xoofoo

Jirta jedhee amanuuf
Boqottee naan jedhanii
Dhufta jedhee si eeguuf
Abdii koo na muranii

Edaa atimee Daroo
Darii mucaa kichuu
Xobbeen narraa citteho
Ija hin godhanne michuu.

Anoo barte xumurtee
Bakka guddaan siif eega
Atimmoo qaxxamurtee
Na bochiistaaree harqaa

Dhalakee utuun eeguu
Dhala kankoo dhabee
Si qabuuf utuun figuu
Si oolchuu dadhabee

Kunoo humna fixeen
Halkanii guyyaa iyyaa
Garaa taa'uu na didnaan
Ilmoo dhabee biyyaa..
#Chanaala_Kana_Join_Godha
wan Isin fayyadu Bayye
qabaa Irra fayyadama

https://t.me/burqawalaloo
https://t.me/kaayyoofjiraanna
28.6K viewsedited  15:20
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-11-29 21:33:25
Sin jaaladhaf malee
osootiin si jibbee
Lapheen koon rukuttu
sagal akka dibbee

Dhugaan sin jaalladha
jaalala onneerraa
Si malee hin argatu
keessi kiyya faara

Shakkii tokko malee
onneen kiyya keeti
Mee anaan faayadhu
na godhadhu meetii

14.9K viewsedited  18:33
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-11-28 19:12:52
#Walaloo
~
Dhugaa Dubbachuudhaf
Ati Kaanin Addaa
Akka Samiif Lafaa
Akka Lafoof Fardaa
~
Daangaa Jaalala Kee
Namuu Biran Ga'uu
Akka Kee Eenyumtuu
Dhala Namaan Ta'uu
~
Sin Ibsa Yoon Jedhuu
Jechi Na Hanqataa
Callisee Taa'udhaaf
Raajii Natti Taataa
~
Dungoo Kooti Ati
Ibsituu Dukkanaa
Ofii Keetif Dhumtee
Anaaf Ifa Kennaa
~
Daawwitii Kooti Atii
Ofan Laala Siinii
Ormi Irra Keessaa
Akka Keen Ta'anii
~
Soora Kooti Ati
Hundee Jireenya Koo
Dawoo Kee Jalattii
Takkaan Argu Rakkoo
~
Onnee Kooti Ati
Calaltuu Kiyya Dhiigaa
Waa'ee Olmaa Keetii
Rabbiyyuu Naaf Ragaa
~
Amman Jechuu Qabu
Kumaatama Keessaa
Jechi Si Madaaluu
Hin Argamu Tasaa
~
Dungoo Kooti Ati
Ibsituu Dukkanaa
Ofii Keetiif Dhumtee
Anaaf Ifa Kennaa
4.2K views16:12
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-11-26 21:13:07
Sagalee keen yaadeem
Akkam jirta dhiigakoo
Ati anaaf lubbuudha
Na hooganta miirakoo!

Situ narraa dhoowwara
Bakakkaaf rooba cimaa
Oolmaa keef 'jechan' dhabe
Kam dhiisetan kam himaa?

Bara fakkaattuukoo
Fungee ilkaan cabbiidhaa
To'attuu waa marakoo
Mootuu miiraf qalbiidhaa!

Waa'eekeen ibsa jedheen
Bakkaafi akka dhabee
Ba'aa jaalalaa baattee
Anaaf Onneen si cabe

Waggaa Kuma jiraadhu
Naaf tahiitoo dagalee
Nagahakoon siif hawwa
Giiftii kiyyaa jaalallee!
4.0K views18:13
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-11-26 16:54:40
HahuPayን በመጠቀም ውጭ ሀገር ከሚኖሩ ወዳጅ ዘመዶቾ የአየር ሰአት በቀላሉ ያስልኩ።  PROMO:እስከ ታህሳስ 22 ብቻ የሚቆየውን የ50% ቦነስ ያግኙ!
27.6K views13:54
ክፈት / አስተያየት ይስጡ