Get Mystery Box with random crypto!

#Dhaamsa_Maatii Dhufee si wal'aannachuf Karaan natti cufame S | Kaayyoof Jiraanna

#Dhaamsa_Maatii

Dhufee si wal'aannachuf
Karaan natti cufame
Siniif awwallachuuf
Dandiitu uggurame

Silaa siin birmadhaa
Akkan si jaallufoo
Eenyuutu hubata
Isan dhuge xoofoo

Jirta jedhee amanuuf
Boqottee naan jedhanii
Dhufta jedhee si eeguuf
Abdii koo na muranii

Edaa atimee Daroo
Darii mucaa kichuu
Xobbeen narraa citteho
Ija hin godhanne michuu.

Anoo barte xumurtee
Bakka guddaan siif eega
Atimmoo qaxxamurtee
Na bochiistaaree harqaa

Dhalakee utuun eeguu
Dhala kankoo dhabee
Si qabuuf utuun figuu
Si oolchuu dadhabee

Kunoo humna fixeen
Halkanii guyyaa iyyaa
Garaa taa'uu na didnaan
Ilmoo dhabee biyyaa..
#Chanaala_Kana_Join_Godha
wan Isin fayyadu Bayye
qabaa Irra fayyadama

https://t.me/burqawalaloo
https://t.me/kaayyoofjiraanna