Get Mystery Box with random crypto!

SIN MARARFADHA sin mararfadha sin jaaladha qaamakoo qaama guu | Kaayyoof Jiraanna

SIN MARARFADHA

sin mararfadha sin jaaladha
qaamakoo qaama guutuu
jaalalakeef nan caba
siif lubbuunkoo haa duutuu

siif maaltu na mararaa
dabarseen siif of kennaa
dhugaanan si jaaladhaa
isa hin gaafanne beenyaa

mareekoo mararteekoo
kumakoo kitilakoo
umphaa koottuu na fudhu
kichuukoo biqilakoo

keessikoo siif gadoodaa
onneenkoo siif harganaa
guyyuu si dhabee hin turuu
si arguufan sardamaa

si argees natti hin furuu
osoon sin quufin deemtaa
qaamaan narraa fagaattee
yaadaan natti olseentaa

yerootu diina kootii
guyyaan daqiiqaa ta'aa
karaan dhumu hin mul'atuu
akkamittiin nu ga'aa

nun ga'u mararteekoo
kanaafan sihin hawwaa
hin fagaatin anarraa
si dhabnaan natti qaawwaa

jechoonni barraa'anii
toora yoo galaniyyuu
si ibsuu hin danda'an
mararteekoo yoomiyyuu

kanaafuu saruleekoo
bucheekoo qaroo waataa
narraa hin fagaatiinii
keessikoo na dhaabbataa

iiji kiyya simalee
lafa arguu dadhabdee
onneenkoo hojii dhaabdee
ati deemnaan gaggabdee