Get Mystery Box with random crypto!

Siif Quudhe jaalala! Kanin sirraa hafee Jabaa meeqaatam Caccab | Kaayyoof Jiraanna

Siif Quudhe jaalala!
Kanin sirraa hafee
Jabaa meeqaatam
Caccabsite lafee

Goota sodaatamu
Meeqa luuyna goote
Gamna jabaa namaa
Qabdee gowwoomsite

Qaroo meeqaatam
Ijasaa jaamsitee
Kaan osoo dhagahuu
Gurrasaa duuchite

Tokko sirraan hafu
Yeroo qabuu kaate
Gariif garaa laafta
Garii maraachitee

Bahaa fi dhihatti
Kaabaa fi kibbatti
Ardii mara geeysa
Hanga sekonditti

Meeqaa biyyaa bahe
Kan sirraa tuqame
Kuunis sumaaf jecha
Lubbuu wareegame

Halkan qaaxiraan
Hirriiba dhoorkitaa
Guyyallee yaadaan
Olii fi gadi ooftaa

Nama hojii qabu
Hojjatuu dhoorkitee
Deddeemaa goota
Mala wallaalchiftee

Osoo mana qabu
Manasaati baaftaa
Mooraa namaa jala
Akka jooru gootaa

Bu'aa tokkoon malee
Ganda keeysa ooftaa
Hoggaa feete ammas
Gaashireetee buuftaa
#Chanaala_Kana_Join_Godha
wan Isin fayyadu Bayye
qabaa Irra fayyadama

https://t.me/dhamdhamajaalalaa
https://t.me/kaayyoofjiraanna