Get Mystery Box with random crypto!

Fayfayoo bareedduu Kuullee ija kuulaa Sirraa fagaadhullee Suma | Kaayyoof Jiraanna

Fayfayoo bareedduu
Kuullee ija kuulaa
Sirraa fagaadhullee
Suman yaadaa bulaa

Bu'aa ba'ii jiruuf
Hin kutadhu garaa
Haaluma jiruutu
Na fageeyse sirraa

Karaan fagaatullee
Yaannikoo si biraa
Qaama malee qalbiin
Yoomiyyuu si biraa

Qalbiitoo na fuutee
Qaama qofa dhiiftee
Ana halkaniif guyyaa
Adda wallaalchiftee

Waaqatti hirkadhee
Hundumtuu ni taraa
Fageenyakoo laaltee
Nan dheeysin hadaraa

Boruufin si eegaa
Har'arra taa'eetii
Nan miidhin yaa lubbuu
Ani jooraa keetii

Hogguu suman yaada
Barrisii naaf koottu
Yeroo sanin fayyaa
Ijaan yoo na laaltu

Halkan ibisituukoo
Akkuma addeeysaa
Gubaa laphee kooti
Siitu qabbaneeysaa

Fagoos yoo jiraatte
Siitu natti aanaa
Capha lafee kootii
Sumaatu wal'aanaa

Qaamaaf qalbiidhaan
An sirraa hidhamee
Daddafii na baasi
Waabii si godhamee

Waan ajaa'ibaati!
Walaloo Gurratti Mi'ooftu Tana Dhaggeeyfadha!
Hiriyoota Keeysaniifis #Share godhaa!
#Chanaala_Kana_Join_Godha
wan Isin fayyadu Bayye
qabaa Irra fayyadama

https://t.me/dhamdhamajaalalaa
https://t.me/kaayyoofjiraanna