Get Mystery Box with random crypto!

#Walaloo ~ Dhugaa Dubbachuudhaf Ati Kaanin Addaa Akka Samiif | Kaayyoof Jiraanna

#Walaloo
~
Dhugaa Dubbachuudhaf
Ati Kaanin Addaa
Akka Samiif Lafaa
Akka Lafoof Fardaa
~
Daangaa Jaalala Kee
Namuu Biran Ga'uu
Akka Kee Eenyumtuu
Dhala Namaan Ta'uu
~
Sin Ibsa Yoon Jedhuu
Jechi Na Hanqataa
Callisee Taa'udhaaf
Raajii Natti Taataa
~
Dungoo Kooti Ati
Ibsituu Dukkanaa
Ofii Keetif Dhumtee
Anaaf Ifa Kennaa
~
Daawwitii Kooti Atii
Ofan Laala Siinii
Ormi Irra Keessaa
Akka Keen Ta'anii
~
Soora Kooti Ati
Hundee Jireenya Koo
Dawoo Kee Jalattii
Takkaan Argu Rakkoo
~
Onnee Kooti Ati
Calaltuu Kiyya Dhiigaa
Waa'ee Olmaa Keetii
Rabbiyyuu Naaf Ragaa
~
Amman Jechuu Qabu
Kumaatama Keessaa
Jechi Si Madaaluu
Hin Argamu Tasaa
~
Dungoo Kooti Ati
Ibsituu Dukkanaa
Ofii Keetiif Dhumtee
Anaaf Ifa Kennaa