Get Mystery Box with random crypto!

Sagalee keen yaadeem Akkam jirta dhiigakoo Ati anaaf lubbuudha | Kaayyoof Jiraanna

Sagalee keen yaadeem
Akkam jirta dhiigakoo
Ati anaaf lubbuudha
Na hooganta miirakoo!

Situ narraa dhoowwara
Bakakkaaf rooba cimaa
Oolmaa keef 'jechan' dhabe
Kam dhiisetan kam himaa?

Bara fakkaattuukoo
Fungee ilkaan cabbiidhaa
To'attuu waa marakoo
Mootuu miiraf qalbiidhaa!

Waa'eekeen ibsa jedheen
Bakkaafi akka dhabee
Ba'aa jaalalaa baattee
Anaaf Onneen si cabe

Waggaa Kuma jiraadhu
Naaf tahiitoo dagalee
Nagahakoon siif hawwa
Giiftii kiyyaa jaalallee!