2022-12-25 14:52:57
MUDDEE 16/2015.
DAADHII DHUGUU DOKTORA KABAJAA YUUBA AAGAA XENXENOOTTI GADDI GUDDAAN KAN ITTI DHAGA’AME TA’UU BARATTOONNI YUUNIVARSIITII BULEE HORAA HIMAN.
BARATTOONNI KUNNIIN KAAYYOO GUDDAA OROMTICHAA ISAAN LAFA QABSIISANII BIRAA DEEMAN KUNUUNSANII DHALOOTA DHAALCHISUUF QOPHII TA’UUS DUBBATANIIRU.
Bara 1937 A.L.I’tti abbaan isaanii Xenxenoo Guyyeefi haadha isaanii Aadde Galgaluu Halakee irraa Godina Gujii Lixaa Aanaa horsiisee bulaa surroo Barguddaa ganda woleenaa Bokossaatti kan dhalatan Dr.kabajaa yuubni Aagaa Xenxenoo Guyyee akkuma umuriin isaanii jabbiifi loon tikaaf geetteen akkuma nama kamiittuu worra isa dhaleef ergamaa, lafas qotaa kan guddate yuubni kun aadaa boonsaa amma ittiin beekkamee Oromoo guutuu ittiin beeksise tana abbaa isaa Xenxenoo Guyyee jalatti waan guddateef aadaa tana abbaa isaa irraa gandisaa waan guddateef irraa dhaaluu isaa seenaa isaattuu ragaadha.
Doktorri kabajaa Yuubni Aagaa Xenxenoo Guyyee akkuma guddatee qeerdhomeen aadaa Gujii Gurraachaa keessatti dhalatee waan guddateef sirbee sirbisiisee, loollee loollisuun eegasii immoo gara amantaa waldaa warra wangeelaa makkaanee Iyyesuusiitti makamee ture.
Bara 1990’tti immoo ulaagaa gadoomaa waan guutanuuf ergaa gadoomaaf itti kenname fudhachuun waggoottan saddeetiif abbaa gadaa 72ssoo gadaa fincaan Halchiisaa ta’uun bara 2000’tti waggoottan gadooma isaa saddeettan salalaan fixachuun baalli isaa abbaa gadaa 73ssoo finchaan Dhallanaatti dabarsanii kennanii turan.
Doktorri kabajaa yuubni Aagaa Xenxenoo Guyyee aadaan Oromoo guutuu afriikaa irra darbee sadarkaa addunyaa guutuutti akka beekkamuuf addunyaanis aadaa baallii ittiin woliif dabarsanii kennan tana aaraafi fuurii malee akka adeemsifattuuf gahee guddaa nama taphachaa turaniidha.
Doktorri kabajaa yuubni Aagaa Xenxenoo Guyyee abbaa nageyaa, abbaa araaraa, abbaa misaa mirgaa, abbaa barnootaa, abbaa aadaafi abbaa seenaa turan.
Gahee guddaa yuubni kun taphachaa turaniin aadaan Oromoo guutuu sadarkaa addunyaatti beekkamuun aadaan Oromtichaa galmee barnootaa saayinsiifi aadaa dhaabbata mootummoota Gamtoomanii /UNESCO/’tti galmeeffamee ture.
Dabalataan barnoonni sirna gadaa kaarkulamii barnootaatti dabalamuu akka qabu gahee guddaa isaan bahaa turaniin, Yuunivarsiitiin Bulee Horaa bara 2008’tti isaafi waa’ela isaanii maanguddoo argaa dhageettii maanguddoo Borbor Buleetiif Doktoreetii kabajaa kenneefii ture.
Doktorri kabajaa yuubni Aagaa Xenxenoo Guyyee dhukkubsatanii dhiboo sanirraa dandamachuu dadhabuun muddee 13/2015’tti umurii isaanii 78ssoo’tti daadhii dhuguun isaanii Oromiya, Itiyoophiyaafi Afriikaa irraa darbee addunyaa guutuudhaaf rifuu guddaa ta’eera.
Tasa daadhii dhuguu doktora kabajaa yuubaa Aagaa Xenxenoo Guyyee Miidiyaaleen biyya keessaafi biyya alaa walharkaa fuudhanii gabaasaa jiruu.
Daadhii dhuguu Doktora kabajaa yuuba Aagaa xenenoo guyyeetti gaddi guddaan kan itii dhage’ame ta’uu barattoonni Yuunivarsiitii Bulee Horaa kanneen muummeewwan garagaraa irratti barachaa turan himaniiru.
Barattoonni kunniin aadaa boonsaafi haammataa isaan addunyaa ittiin tokkoomsaa turan tana kunuunsanii dhaloota duubaa dhufutti dabarsuudhaaf qophii ta’uu dubbataniiru.
Barattoonni kunniin daadhii dhuguu yuuba Aagaa Xenxenoo Guyyeetti gaddi guddaan kan itti dhage’ame ta’uu isaa dubbachuun hawaasa Oromoofi guutuu afriikaatiin jajjabaadhaa jechuun Gujiin Duddaa, Daawwaafi Galaanaa, kontomaafi Daarimuun akkasumas, maayaa maatiin, firaa fiixaan, jaalaa soddaan, irraa hafaa jedhaniiru.
Yuunivarsiitii Bulee Horaa.
1.0K viewsTsega, 11:52