Get Mystery Box with random crypto!

Bule Hora University

የቴሌግራም ቻናል አርማ bulehorauniversity — Bule Hora University B
የቴሌግራም ቻናል አርማ bulehorauniversity — Bule Hora University
የሰርጥ አድራሻ: @bulehorauniversity
ምድቦች: ትምህርት
ቋንቋ: አማርኛ
ተመዝጋቢዎች: 15.23K
የሰርጥ መግለጫ

Bule Hora University Official telegram

Ratings & Reviews

2.33

3 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

1

2 stars

2

1 stars

0


የቅርብ ጊዜ መልዕክቶች 10

2022-12-27 17:15:27 ታህሳስ 18/2015
በቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲ ለ2014ዓ.ም የ12ኛ ክፍል ሀገር አቀፍ ፈተና በተለያዩ ምክንያት ያልተፈተኑ 4770 ተማርዎች በዛሬው ዕለት የመጀመሪያ ፈተናቸውን በሰላም መውሰድ ጀምረዋል፡፡

የ2014 የ12ኛ ክፍል ብሄራዊ ፈተና ማጠቃለያ በዩንቨርሲቲው የተመደቡ 4,470 ተማሪዎች ጊቢ ከመግባታቸው ቀን ጀምሮ በቅበላ ኮሚቴ አስፈላጊውን አገልግሎት ሁሉ እንዲያገኙ የተደረገ ሲሆን
በዚህም መሰረት ፈተናውን ለመውሰድ የመጡ ተማሪዎች በትላንትናው ዕለት በፈተናው ዙሪያ እና በጊቢ ቆይታ ለሚኖራቸው ጊዜ ሰለ መብትና ግዴታቸው እንዲሁም አጠቃላይ ስለፈተናው የክላስተር አስተባባሪ በሆኑት አቶ አሸናፊ ተሻለ እና የፕሬዚዳንት ጽ/ቤት ሀላፊ አቶ ሊበን ገልገሎ ኦረንቴሽን ተሰጥቷቸዋል፡፡
ፈተናውም እስከ ቀን 21/04/2014 ዓ.ም ድረስ የሚቀጥል ይሆናል።

ቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲው
ለላቀ ለውጥ እንተጋለን!
927 viewsTsega, 14:15
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-12-26 18:39:20 How to prepare online exit exams for the student.
የቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲ መምህራን ከዚህ ሊንክ ለይ ግንዛቤ እንዲታገኙ ተጋብዛችኋል።
Barsiisonni Yuunivarsiitii Bulee Horaa liinkii kanarraa hubannoo akka argattan affeeramtaniittu.

1.2K viewsAbdisa Dido, 15:39
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-12-25 16:52:01
MUDDEE 16/2015.
DAADHII DHUGUU DOKTORA KABAJAA YUUBA AAGAA XENXENOOTTI GADDI GUDDAAN KAN ITTI DHAGA’AME TA’UU BARATTOONNI YUUNIVARSIITII BULEE HORAA HIMAN.
*******
BULE HORA UNIVERSITY STUDENTS HAVE EXPRESSED THEIR CONDOLENCES FOR THE DEATH OF THE FORMER GUJI OROMO ABBA GADAA, YUUBA AAGAA XENXANO.
610 viewsTsega, 13:52
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-12-25 14:52:57 MUDDEE 16/2015.
DAADHII DHUGUU DOKTORA KABAJAA YUUBA AAGAA XENXENOOTTI GADDI GUDDAAN KAN ITTI DHAGA’AME TA’UU BARATTOONNI YUUNIVARSIITII BULEE HORAA HIMAN.
BARATTOONNI KUNNIIN KAAYYOO GUDDAA OROMTICHAA ISAAN LAFA QABSIISANII BIRAA DEEMAN KUNUUNSANII DHALOOTA DHAALCHISUUF QOPHII TA’UUS DUBBATANIIRU.
Bara 1937 A.L.I’tti abbaan isaanii Xenxenoo Guyyeefi haadha isaanii Aadde Galgaluu Halakee irraa Godina Gujii Lixaa Aanaa horsiisee bulaa surroo Barguddaa ganda woleenaa Bokossaatti kan dhalatan Dr.kabajaa yuubni Aagaa Xenxenoo Guyyee akkuma umuriin isaanii jabbiifi loon tikaaf geetteen akkuma nama kamiittuu worra isa dhaleef ergamaa, lafas qotaa kan guddate yuubni kun aadaa boonsaa amma ittiin beekkamee Oromoo guutuu ittiin beeksise tana abbaa isaa Xenxenoo Guyyee jalatti waan guddateef aadaa tana abbaa isaa irraa gandisaa waan guddateef irraa dhaaluu isaa seenaa isaattuu ragaadha.
Doktorri kabajaa Yuubni Aagaa Xenxenoo Guyyee akkuma guddatee qeerdhomeen aadaa Gujii Gurraachaa keessatti dhalatee waan guddateef sirbee sirbisiisee, loollee loollisuun eegasii immoo gara amantaa waldaa warra wangeelaa makkaanee Iyyesuusiitti makamee ture.
Bara 1990’tti immoo ulaagaa gadoomaa waan guutanuuf ergaa gadoomaaf itti kenname fudhachuun waggoottan saddeetiif abbaa gadaa 72ssoo gadaa fincaan Halchiisaa ta’uun bara 2000’tti waggoottan gadooma isaa saddeettan salalaan fixachuun baalli isaa abbaa gadaa 73ssoo finchaan Dhallanaatti dabarsanii kennanii turan.
Doktorri kabajaa yuubni Aagaa Xenxenoo Guyyee aadaan Oromoo guutuu afriikaa irra darbee sadarkaa addunyaa guutuutti akka beekkamuuf addunyaanis aadaa baallii ittiin woliif dabarsanii kennan tana aaraafi fuurii malee akka adeemsifattuuf gahee guddaa nama taphachaa turaniidha.
Doktorri kabajaa yuubni Aagaa Xenxenoo Guyyee abbaa nageyaa, abbaa araaraa, abbaa misaa mirgaa, abbaa barnootaa, abbaa aadaafi abbaa seenaa turan.
Gahee guddaa yuubni kun taphachaa turaniin aadaan Oromoo guutuu sadarkaa addunyaatti beekkamuun aadaan Oromtichaa galmee barnootaa saayinsiifi aadaa dhaabbata mootummoota Gamtoomanii /UNESCO/’tti galmeeffamee ture.
Dabalataan barnoonni sirna gadaa kaarkulamii barnootaatti dabalamuu akka qabu gahee guddaa isaan bahaa turaniin, Yuunivarsiitiin Bulee Horaa bara 2008’tti isaafi waa’ela isaanii maanguddoo argaa dhageettii maanguddoo Borbor Buleetiif Doktoreetii kabajaa kenneefii ture.
Doktorri kabajaa yuubni Aagaa Xenxenoo Guyyee dhukkubsatanii dhiboo sanirraa dandamachuu dadhabuun muddee 13/2015’tti umurii isaanii 78ssoo’tti daadhii dhuguun isaanii Oromiya, Itiyoophiyaafi Afriikaa irraa darbee addunyaa guutuudhaaf rifuu guddaa ta’eera.
Tasa daadhii dhuguu doktora kabajaa yuubaa Aagaa Xenxenoo Guyyee Miidiyaaleen biyya keessaafi biyya alaa walharkaa fuudhanii gabaasaa jiruu.
Daadhii dhuguu Doktora kabajaa yuuba Aagaa xenenoo guyyeetti gaddi guddaan kan itii dhage’ame ta’uu barattoonni Yuunivarsiitii Bulee Horaa kanneen muummeewwan garagaraa irratti barachaa turan himaniiru.
Barattoonni kunniin aadaa boonsaafi haammataa isaan addunyaa ittiin tokkoomsaa turan tana kunuunsanii dhaloota duubaa dhufutti dabarsuudhaaf qophii ta’uu dubbataniiru.
Barattoonni kunniin daadhii dhuguu yuuba Aagaa Xenxenoo Guyyeetti gaddi guddaan kan itti dhage’ame ta’uu isaa dubbachuun hawaasa Oromoofi guutuu afriikaatiin jajjabaadhaa jechuun Gujiin Duddaa, Daawwaafi Galaanaa, kontomaafi Daarimuun akkasumas, maayaa maatiin, firaa fiixaan, jaalaa soddaan, irraa hafaa jedhaniiru.

Yuunivarsiitii Bulee Horaa.
1.0K viewsTsega, 11:52
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-12-25 14:52:47
912 viewsTsega, 11:52
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-12-24 19:40:55 Muddee 14/2015
Walta’iinsa Ministeera Barnootaafi Yuunivarsiitii Bulee Horaatiin, Hubannoon Waa’ee Qorumsa Bahumsaa /Exit Exam/ Eebbifamtoota Bara 2015’tiif Kennamu Barsiisotaafi Qaamolee Dhimmi Ilaallatuuf Kennameera.
Hubannoo qormaata bahumsaa kana Ministeera Barnootaa irraa karaa toora viidiyoo konfiraansiitiin dhiyaachuun yaada walii galaa hirmaattotaaf kan kennan Ministeera Barnootaatti Hojii Gaggeessaan Olaanaan Dhimma Barnootaa Dr. Eebbaa Miijanaa yoo ta’an qorumsi ba'umsaa baranaa barattoota eebbifamtoota bara 2015 ta'aniif qophaa'e kun sadarkaa biyyoolessaatti itti yaadamee mootummaan kan murtaa'e ta'uu ibsaniiru.
Barsiisota Yuunivarsiitichaa dabalatee, Diiniiwwa kolleejjotaafi Daayirektaroonni akkasumas, qaamoleen hoggansaafi Pireezidaantonni hirmaattota marii kanaati.
Ibsa waa’ee qorumsa bahumsaa irratti kenname bu’uureffachuun qabxiileen eeraman, qorannoo fiinootee kaartaa dhimma barnootaa irratti adeemsifame bu'uureffachuun qulqullinni barnootaa Itiyoophiyaa gadi bu'aa ta'uun, riifoormiin sirna barnootaa akka barbaachisee fi barataan xummura koorsiiwwanii irratti qorumsa ba'umsaa (exit exam) akka qoramu murtaa'e jedhaniiru.
Bu'uuruma kanaan qophiiwwan barattootaafi barsiisotaa akkasumas, Kolleejjotaafi Yuunivarsiitii mootummaa fi qaamolee qooda fudhattoota milkii qorumsa ba'umsaa ta'an hundarraa itti gaafatama bahuttuu eeggama jechuun dhaamaniiru.
Yuunivarsiitii Bulee Horaatti Bakka Bu’aan Itti Aanaan Pireezidaantii Dhimmoota Akkaadaamiifi Gargaaraan Piroofeesaraa Gammadaa Oddoo koorsiiwwan qorumsichaaf adda baafaman (core competencies) sadarkaa Yuunivarsiitotaa hundatti qoodamanii waan jiraniif, akka Yuunivarsiitii keennaattis qooda nurraa eeggamu bahuu qabna jedhaniiru.
Gama biraatiin immoo haga guyyaan qormaataa sun gahutti barattoota keenna karaalee tiitoorii kennuutiin dadammassuu, haala shaakala qorumsaas mijessuu, koree qorumsaa dhaabuu fi malleen qorumsa darbuu barattootaa adda adda fayyadamuun barattoonni akka milkaa'an irratti hojjachuu akka danda'an ibsaniiru.
Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Bulee Horaa Dr.Taammiruu Aanolee yaada kennaniin akka jedhanitti, sadarkaa dorgommii keessa seenneerra; barattoota teenna harka caalu milkeessuu qabna jechuun; akka biyyaafi Yuunivarsiitii keennaattis baay’inarratti adoo hin taane qulqullinarratti xiyyeeffannaan waan hojjannuuf hojiin hojjannu kamiiyyuu of eeggannoon, tokkummaan, itti gaafatamummaafi walmorkiin ta’uu qaba jedhaniiru.
Barsiisonni marii kanarratti hirmaatanis nuuti gama keennaan waan ogummaa keennaan wolqabaturratti of qusannaa tokko malee qooda keennaa bahuuf qophiidha jedhaniiru.
Jijjiirama Fulla’aaf Hojjanna!
Yuunivarsiitii Bulee Horaa.
990 viewsTsega, 16:40
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-12-24 19:40:54
823 viewsTsega, 16:40
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-12-24 19:40:53
786 viewsTsega, 16:40
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-12-24 19:40:53
772 viewsTsega, 16:40
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-12-24 19:40:52
760 viewsTsega, 16:40
ክፈት / አስተያየት ይስጡ