Get Mystery Box with random crypto!

Walaloo Jaalalaa™ — የቴሌግራም ቻናል

የቴሌግራም ቻናል አርማ walaloo_jaalalaa24 — Walaloo Jaalalaa™ W
የቴሌግራም ቻናል አርማ walaloo_jaalalaa24 — Walaloo Jaalalaa™
የሰርጥ አድራሻ: @walaloo_jaalalaa24
ምድቦች: ስነ-ጽሁፍ
ቋንቋ: አማርኛ
ተመዝጋቢዎች: 15.12K (መረጃው እስከ 02.10.2026)
የተፈጠረው፦ 2023
የመጨረሻ ልጥፍ፦
ተመሳሳይ ቻናሎች ስነ-ጽሁፍ
የሰርጥ መግለጫ

ይህ ቻናል የፍቅር ግጥሞችን ለመሰብሰብና ለማጋራት የተከፈተ መድረክ ነው። ደንበኞች የራሳቸውን ግጥም ልከው እንዲያካፍሉ ይጠየቃሉ፣ አስተዳዳሪውም በየቀኑ ማለት በሚቻል ድግግሞሽ አዲስ ግጥም ይለጥፋል። አስፈላጊው ዝርዝር ግን የመድረኩ ቋንቋ ራሱ ነው፦ ሁሉም ግጥሞች የተጻፉት በአፋን ኦሮሞ ነው (የላቲን ፊደል፣ እንደ walaloo፣ jaalalaa፣ Rabbii የመሳሰሉ ቃላት)፣ ግዕዝ ፊደል የሚጠቀም አማርኛ ጽሑፍ አልተገኘም። ስለዚህ ገፁ ለአማርኛ ብቻ ለሚያነብ ተጠቃሚ በቀጥታ የማይገባ ይዘት ይይዛል፣ ኦሮምኛ ለሚያውቅ ግን ጠቃሚ ምንጭ ነው።

የግጥሞቹ ጭብጥ በአብዛኛው ፍቅር፣ መለያየት፣ ናፍቆት እና ትዕግስት ነው፤ ደጋግሞ የሚመጣ ገጸ-ባህሪ ደግሞ እምነት ላይ የተመሠረተ መጽናናት ነው (Rabbi/ፈጣሪ የሚል ማጣቀሻ በተደጋጋሚ ይታያል)። ከግጥሞቹ አንዱ ለቡና ራሱ የተዘጋጀ ምስጋና ሲሆን፣ ቡና በኦሮሞ ማህበረሰብ ውስጥ ያለውን ማህበራዊና ኢኮኖሚያዊ ቦታ በዝርዝር ይገልጻል። እያንዳንዱ ግጥም ተመሳሳይ የመዝጊያ ማስጌጫ (ልብ ምልክትና ስም) ስለሚይዝ ቻናሉ ወጥ የሆነ የእይታ ማንነት አለው። ከግጥሞቹ በተጨማሪ በተደጋጋሚ ሌሎች ቻናሎችን የሚያስተዋውቁ የስፖንሰርድ ፖስቶች ይታያሉ፤ እነዚህ ብዙ አገናኞችንና ኢሞጂዎችን የያዙ ሲሆኑ ከግጥም ይዘቱ ጋር ምንም ግንኙነት የላቸውም።

በተመለከትነው የፖስት ናሙና ውስጥ ከአስራ ስድስት ፖስቶች አስራ አራቱ ራሳቸው ግጥሞች ሲሆኑ ሁለቱ ብቻ የሌሎች ቻናሎች ማስተዋወቂያ ናቸው፤ ይህም የቻናሉ ዋና ትኩረት አሁንም ግጥም መሆኑን ያሳያል፣ ማስተዋወቂያው ግን ችላ የማይባል ድርሻ ይይዛል። ርዝመታቸው ከሁለት እስከ ሃያ መስመር የሚደርስ ሲሆን፣ አጫጭሮቹ ቀጥተኛ የልብ ስሜት መግለጫዎች፣ ረዣዥሞቹ ደግሞ በተደጋጋሚ ተምሳሌት (እንደ ገላውና ውቅያኖስ፣ ብርሃንና ጨለማ) የተገነቡ ናቸው።

ጥንካሬ፦ ግጥሞቹ በራሳቸው ጥራት ያላቸው፣ ስሜት የሚነኩ እና ተከታታይነት ያለው የአጻጻፍ ስልት ይከተላሉ፤ የመለጠፍ ድግግሞሽም ከፍተኛ ነው። ድክመት፦ የደራሲ ስም ወይም ምንጭ አይገለጽም፣ ስለዚህ ግጥሞቹ በራሱ በአስተዳዳሪው የተጻፉ ወይም ከተጠቃሚዎች የተሰበሰቡ መሆናቸው ግልጽ አይደለም። እንዲሁም የማስተዋወቂያ ፖስቶች ብዛት ንፁህ የግጥም ልምድን ይረብሻል፣ አንዳንዴም ከረዥም አገናኝ ዝርዝር የተነሳ ማንበብ የሚያደክም ይሆናል። ለማን ይመቻል፦ አፋን ኦሮሞ የሚያነብና አጭር የፍቅር ግጥም የሚወድ ተጠቃሚ ይህን ቻናል ጠቃሚ ያገኘዋል፤ አማርኛ ብቻ የሚያውቅ ተጠቃሚ ግን አብዛኛውን ይዘት መረዳት አይችልም።

የቻናሉ የመጀመሪያ መግለጫ

Walaloo jaalalaa toora kanaan ni argattu, walaloo jaalalaa yoo qabaattan share nuuf godhaa https://adsly.me/@walaloo_jaalalaa24 Buy ads: https://telega.io/c/walaloo_jaalalaa24

የቻናል ስታትስቲክስ
የተሳትፎ መጠን
17.6%
እይታዎች / ልጥፍ
2 664
ምላሾች / ልጥፍ
24.3
ልጥፎች / ቀን
0.6

የቅርብ ጊዜ መልዕክቶች

10 dets 2025
Picture 1 from Walaloo Jaalalaa™ 2025-12-10 19:28:05
Yaa kan rabbii guddaan
Babbareechee uumee
Hin jabaatin garaa
Sirraa hin qabamee
Baasee sitti himuuf
Afaan na hidhamee
Jaalalaa fi yaadaan
Akka maleen miidhamee

Maal jedheen sitti hima
Jaalalan siif qabu
Jaalalti naaf haarayaa
Muuxannoo itti hin qabu
Ati anaaf lubbuudha
Hin fedhu si dhabuu

Jaalala koo itti himuuf
Nin dhabaan sodaadhee
Waa’ee isii yaadaatuma
Jiraachuun filadhe
Yoo itti himuu dhiises
Na jalaa heerumtii
Osoon isii jaaladhuu
Kan nama biraa taatii
Mee maal koo haa ta'u
Maalin godhuu qabaa
Jiruu koo fuulduraaf
Isii argachuun qabaa

React

@Walaloo_Jaalalaa24
3.27K views16:28
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
11 nov 2025
Kan wal rige sidha
inni abidda tufe
Gubachuu keef sababni
yoom fageenyaa dhufe?

Jaalala fakkeessaa
walitti riiqattee
Isa homaan beekne
of-gidduutti nyaatte!

Hamaakee goksuudhaf
hin kaawwatiin dhuka
Kan bosona fixe
Abiddaa miti muka!

Diinagdee Dabalee Dureessaatiin,

React

@Walaloo_Jaalalaa24
4.57K views13:50
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
30 sept 2025
INJIRAAN MUDHII...

Qara laphee na cabsaa
Hammeenya kiyya labsaa
Gurgubbeetiin na kolaastee
Imimmaan kiyya lolaastee...
An ammas...
Ciiggaasisaa lakkuu yaadaa
Gaadi'eetan si barbaadaa
Harki kiyya karra cufnaan
Atis deemuuf natti dhufnaan...
Karra tisiisaan luftee
Baqa kootiin kuftee...

Kufa keen...
Cabsitee eelee
Anis...Beela keen leelee
Yoos...Dhabee galaa
Gaabbii dhalaa
Buusee balaa...

Laga cubbuu si buusee
Budaa ta'ee sitti yuusee
Ayyaanni koo si nyaatee
Atis halkaniin manaa baatee
Fira budoomaa taate!
Ee...
Awwaala si seensisee
Galaana si ceesise
Atis...
Guyyaa muraasa bultee
Qabarichoo na ultee
Ciniinnaan garaa siif gamnaan
Nyaata koorr'aa hiikamnaan
Budummaan koo diigamnaan...
Har'a...
Ciniinnaan kee mudhii na lixee
Qabattoo jalaan foon koo fixee
Qalbiin koo si faana kaatee
Injiraan mudhii natti taatee...
Jennaan an...
Budooma biraaf laatamee
Nyaata keerratti nyaatame

Magan

Keenboon

React

@Walaloo_Jaalalaa24
884 views10:42
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
10 sept 2025
Picture 1 from Walaloo Jaalalaa™ 2025-09-10 21:30:08
Mallattoo dubartii jaalala siif hin qabne ittiin adda baafattu 15... As tuquun dubbisi!

               
         See More
         See More
                
2.59K views18:30
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
12 aug 2025
Har'umee..!

Na kadhadhu jetta, sin hubachuun yaala
Silaa; na hubadhuun dura naaf hubadhuu caala.
Eeyyee; si kadhadhee,siif hubadhee akka namaa
Si qolachuun waan hintaane yaada hamaa

'Gaariin siif haa ta'u
Garaa sihaa ga'u
Sin mufachiisini
Sin gufachiisini'

Siin jechuunkoo sibiratti gatii dhabee
Waadaankee obboroo dimimmisaan cabe

Calaqqisa argite hunda warqee seetee
Ormaaf eegee dhaabdee natti Eelaa feete

Bultii keenya ijaaruuf innin mala dha'e
Siif hubachuu darbee siif gubachuu ta'e

Madaa dabalachaa miidhagsuurra qe'ee
Atis naaf hubadhu quufnikee na gahe

Har'umee... Bor-hin beekne...

Hamman sobakee amanu
Siif jedhee of-ganu
Yeroo meeqa siif-dhiisu
Ofittummaakee kunuunsu
Mataatti si baadhu
Si argachuuf kaadhu

Maafin hin boqodhu, daandiikoo hin ciradhu
Siif mo'amuu dhiisee tasa sin baqadhu!
Amalakee badaa, danda'uuf dadhabaa
Maalifan qorama, maal abaarsan qaba?

Si dhiiseera har'umee..!


@Walaloo_Jaalalaa24
 
2.64K views05:55
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
7 aug 2025
Sin jaaladha jettee
Afaaniin na ultee
Dhuftee na sossobdee
Siree koorra bultee

Ani dhugaan se'ee
Jaalala fakkeessaa
Silaa ol sin galchuu
Gola kiyya keessaa

Ati garuu kuultee
Soba kee aarsitee
Sin dhiisu, sin gatu
Jettee na faarsitee

Afaaniin na sobaa
Fedhii kees bahattee
Iddoo garaa keetii
Hundumaa gahattee

Akka gootus gootee
Anaan na haleeltee
Har'a eessa buute
Eessatti qajeeltee

Humni kiyyas dhumtee
Keessi kiyyas heeltee
Diqaalaa dhala kee
Fuutee natti huddeeltee

Har'a eessa jirta
Dhala kee dagattee
Karaatti na baaftee
Maalumaaf na gattee

Sumaan iyyaafatti
Si yaaddee dhalli kee
Baatee maaliif hafte
Maaf hafe galli kee

Akka durii mitii
Manaatii baaneerraa
Dhala kee wajjiiniin
Kadhattuu taaneerraa

Karaarratti baanee
Teenyee hidhii boollaa
Maaloo nutti goraa
Namaan jechaa oollaa

Suuqatti ol gallee
Muka jala huuxa
Kan qabu nuuf kenna
Gariin hidhii xuuxa

Waa'ee hojii keetii
Maal himnu maal jennu
Rabbi hojii kan kee
Dachaan siif haa kennu!

Jiruu koo sakaaltee
Galgala keef wayyoo
Hojii kee lakkaa'ee
Siif kenna waaqayyoo

@Walaloo_Jaalalaa24
 
681 views12:55
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
3 aug 2025
Siifan boobee tumaaree?
Siifan boo'ee du'aaree?

Tortoraaf sunqoo qotu
Samaan suunqoo nagadu
Shafoo akka kee kanaaf
Maalif kan qalbiin na badu?
.
Atoo kabeelaa kanaa
Haftuu dubartii beeraa
Onneen koo si kanarraa
Maal dhabee maal kajeelaa?
.
Atoo fokkiftuu kanaa
Fokkiftuu budaan jibbu
Atoo coolligduu kanaa
Maalif na duraan dhibduu?
.
Siifan boobee tumaaree?
Siifan boo'ee du'aaree?
.
Maagaalleen gatiin dhibba
diimtuun gatiin shantamaa
Kan akka keetii kanaaf
hin kaffaluum digdama!
.
Sababa keen hurreessa
hin kabaju siif duudhaa
Farda malee dhufeetaan
gabbara malee si fuudhaa
.
Siifan boobee tumaaree?
Siifan boo'ee du'aaree?

@Walaloo_Jaalalaa24
 
2.1K views12:47
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
22 juuli 2025
Picture 1 from Walaloo Jaalalaa™ 2025-07-22 21:23:01
WALALOO JAALALA

Lubbuu koo sin jaalla
Siin jedhee tiruu koo
Feetu siifan du'aa
Sif dhisee jiruu koo

Si fayyada taanaan
Lubbuu koon siif laadha
Jaalala kee uruurseen
Mataa kootti baadha
Miira kiyya maraan
Ittin waa dubbisi
Onnee koo banadhuu
Keessatti shubbisi

Qaamni koo kan keetii
Ittin dhimma ba'ii
Fayyaa kankoo fudhuu
Akka feete ta'ii

Harki kiyya keetii
Ittiin waa hojjedhu
Milli koo, koo miti
Fudhuu ittin ejjedhu

Fudhu qaama koo hunda
Hin eegin mallattoo seeraa
Mallattoof falmii malee
An of siif laadheeraa

Of siif kennee ka'ee
Sin gaafadhu lamuu
Homtuu nan fudhatu sirraa
Jabaaf beekaan kamuu

Homtuu na sin gaafatu
Tokko sin seenin mamiin
Ani dhuunfaa keetii
Ragaadha decheef samiin

Eenyummaan kiyya keetii
Qulqulluun hin faalamne
Situ na horatee
Kan lamuu hin dhaalamne
Ani of siif laadheera dhugaa
Kan booda hin haalamne
Ana ana ha urgaa'uu
Hafuurri ati baafattu
Deebiin kee ana ha ta'uu

Gaaffiin ati gaafattu
Lafa nan kaayin tasa
Na dhiistee manatti
Homaas na cinaa hin kaa'in
Hin qixxeessin anatti
Ani keeti siin jedheeraa
Na hin ilaalin akka ormaatti
Lafa na keessee hin imalin
Na fannifadhu mormatti

Erga na dhuunfattee
Eenyuunuu nan caalchisin
Duutu na fudhuu du'i
Homaa nan dhaalchisin!

@Walaloo_Jaalalaa24
 
847 views18:23
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
12 juuli 2025
YAADAMTUU KOO

Akkam naaf jirta Nagaadha?
anoo yaada keen araada
Waa'ee kee yaadun natti cime
malli maali natti himi mee

Ciisee ka'us suman yaada
oolee bulees sin barabaada
Mucaa warra sanyii mootii
siifan bita warqeef lootii

Sin jaalladha, Garaa hin hiru
ati turtus abdii hin muru
Jimmaan jirtamoo, Aggaaro
Obsuu dide koo garaanoo

Siifan dhufa ta'us, Geeraa
Yaanni kan kee na hubeera
Yaa bareedduu morma lookoo
Sin jaalladha dhugaa foonkoo

Mudhiin kan kee qalloo sonsa
Kanaaf na dhorkeem obsa
Ilkaan kee adii waashaa
Koo maaf diimate waansaa

Kan hammannaan nama hin quuqne
Kan jaallatan hin quufne
Yaa simbo qabeettii intalaa
Maaloo natti himi fala

Hirriibaa ka'een suura kee ilaala
Galaana jaalalaan yaadan yabala
Ibsuuf yaalus hin dandeenye
Siin dagachuus hin dandeenye

Sagalee kee yoon dhaga'u
Onneen kiyya akka ta'u
Dha'annaansaa ni dabala
Kolonii kee jalan gala

Fageenya nu gidduun dagadha
Kan dabarsinen yaadadha
Atoo laata ni yaadattaa
Moo tarii na dagatta

Ati diddee jettus 'imbi'
Keessa koo hin jiru jibbi
'But, I love you forever'
'I can't forget you never'

Maal jetteree egaa Maashoo
Furmaatnisaa maali, maaloo?
Sin dagadhu, waadaa hin haalu
Si naaf haa eegu, Rabbi inni hunda caalu!

@Walaloo_Jaalalaa24
 
3.26K views19:16
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2 juuli 2025
Picture 1 from Walaloo Jaalalaa™ 2025-07-02 15:32:39
Kufaatiidhaan eegala
Jalqabni milkaa'inaa
"Gufadheera" jettanii
Bakka sana hin taa'inaa!
       

https://gaggeessummaa.com/galma-geessa/
2.63K viewsedited  12:32
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
26 aug 2024
Hunduu Waan Qabu Kenna!
•═•
Lagni bishaan siif kenna
Gaafa ati dheebottu
Manni ho’a siif kenna
Gaafa ati dhaamottu
Muka bosonaa argatta
Kan mana ittiin ijaartu
Galaanni immoo qurxummii
Kan affeellattee nyaattu

Mi’a gatii jabeessa
Gabaa qaalii irraa argatta
Riqicha bishaan qabu
Bidiruudhaan dabarta
Waan hin qabne argachuuf
Isa qabu harka ilaalta
Atis waan qabdu hiixadhu
Xiqqaatu tokko in caalta!

Garuu......

Xaddee foon hin kadhatin
Qoraattiin si waxalti
Salphoo ulfina hin kadhatin
Udaaniin siqabatti
Machooftuu hin hammatin
Bulgaatiin si lollaati
Nama badii hin qoccolin
Dhuftee hiriyaa kee taati
Addaggeetti hin shirkoomiin
Mataa irratti ol si baati
Daa’ima qullaa hin baatin
Wayyaa kee irratti albaati

Kotte duudaa hin hooksiin
Ilkaantu sirraa dhuma
Hunduu waan qabu kenna
Jireenyatu akkasuma.

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
。\|/。
Walaloo Jaalalaa
2.8K views 𝗚𝗲𝗰𝗵 𝗔𝗯𖣔ꠋꠋꠋꠋꠋꠋꠋꠋꠋꠋꠋꠋꠋꠋꠋꠋꠋꠋꠋꠋꠋꠋꠋꠋꠋꠋꠋꠋꠋꠋꠋꠋꠋ, edited  17:37
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
24 juuli 2024
Jaalallee Koo
.
Ani Bara Haaratti
Machaa'uu Dhiiseera
Karaan Koof Kan Jimaas
Adda Adda Goreera
Fedhii Kankee Guutuf
Hundumaa Gateera
Atis Araada Kooti
Har'arraa Jalqabee
Siinis Si dhiiseeraa!
.

@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
1.6K views , 04:15
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
22 juuli 2024
Gaabbii koo!

Isan gaabbe sitti himuu?

Isan onnee tokko fuudhee
Aarsaa godhee si'iif qale
Isan otoo'ti nan waamiin
Dhufee bobaa keetti gale

Isan dhufee sitti halladhe
Isan safuu siif dagadhe
Isan kumaatama dheessee
Sit' baqadhe
Isan si argachuuf jedhee
Of hanqadhe.

Isan gaabbe!

@Walaloo_Jaalalaa24
1.7K viewsGetu A. Oneta✟, 08:15
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
19 juuli 2024
Sin eega....

Waadaa kankeen qaba
Irbuu kankee cabsu
Dhugaa kee awwaalee
Haqa kankee dabsu

Gufuu takaalladhee
Kufeeyyuu yoon cabe
Iddoo beellamaa kee
Dhufees yoon si dhabe

Haalotaan dhiibamte
Mana kootiin baatu
Isan siif olkaa'ee
Ormi dhufee nyaatu

Tarkaanfii dadhabee
Takaallamus miilli koo
Afaan koo callisus
ni dubbata miirri koo

Gubaa mar'ummaan koo
Waraansa laphee jalaa
Maal taate hin jedhin!
Dhibeen koo siif gala


Arrabni koo hidhamee
Jechas yoo waakkate
ni dubbata miirri koo
Inni deemsaaf rakkate

Hidhiin koo hidhamee
Dubbiis yoo lagate
Garaan koo si Yaada
Yoomiin si dagate?


Haqa kee dabsinaan
Mana kootu deegaa
Sirraa abdiin kutu
Boriyyuu sin eega...

@Walaloo_Jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
1.9K viewsMegertu Dhugasa, 15:56
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
16 juuli 2024
Ogeettii Jaalalaa

Suphituu caba laphee
Irksituu mogolee koo
Jireenya koo borii
Dhaabbiif dagalee koo

Aabjuu koo bara dheeraa
Mul'ata bor milkaa'uu
Dhoksaa gola onnee
Isan boriif olkaa'uu

Hidda dhukaaf lafee
Ribuuf maashaa danuu
Balbala gola onnee koo
An siif malee banu

Situ dur cufee deeme
Akka saaqamnetti takkaa
Anis achuman jira kunoo
Hin geeddarreem bakka

Onneen koos siin madaa'ee
Madaasaatu achii kulkulaa
Halkanis na raffisuu didee
Suuraa kee hammadheen bula

Godaannisni koo bara danuu
Miidhamni koo onneef kalee
Hin fayyuum madaan koo
Barruu harka keetiin malee

@Share

@walaloo_jaalalaa24
@Walaloo_Jaalalaa24
1.7K viewsMegertu Dhugasa, 19:57
ክፈት / አስተያየት ይስጡ

ተደጋግመው የሚነሱ ጥያቄዎች

ስለ Walaloo Jaalalaa™ በተደጋጋሚ የሚነሱ ጥያቄዎች

Walaloo Jaalalaa™ (@walaloo_jaalalaa24) በ Telegram Store ካታሎግ ውስጥ የተዘረዘረ የቴሌግራም ቻናል ነው። በዚህ ገጽ ላይ ያለው «ወደ ቻናሉ ይሂዱ» አዝራር ቻናሉን በቴሌግራም በኩል ይከፍታል።
በዚህ ገጽ ላይ «ወደ ቻናሉ ይሂዱ» ይጫኑ ወይም በቴሌግራም @walaloo_jaalalaa24 ብለው ይፈልጉ። ቻናሉን አሁንም መቀላቀል ይቻል እንደሆነ ቴሌግራም ራሱ ያሳያል።
የ Telegram Store ካታሎግ ለዚህ ገጽና ሊንክ ክፍያ አይጠይቅም። ቻናሉ ነፃ መሆኑን የሚወስነው በቴሌግራም ላይ ባለቤቱ ነው።
በካታሎጉ ውስጥ ለ Walaloo Jaalalaa™ 15.12K ተመዝጋቢዎች ተመዝግበዋል (መረጃው እስከ 02.10.2026)። የአሁኑ ቁጥር በቴሌግራም ይታያል።
በካታሎጉ ውስጥ የ Walaloo Jaalalaa™ ቋንቋ አማርኛ ተብሎ ተመዝግቧል።
አዎ፣ ተመሳሳይ ቻናሎች በዚህ ገጽ ከታች ተዘርዝረዋል።
ይህ ገጽ ስለ Walaloo Jaalalaa™ የካታሎግ መረጃና የቻናሉን ሊንክ ያሳያል። ልጥፎቹ ራሳቸው በቴሌግራም ይነበባሉ። «የቻናል ስታትስቲክስ» ክፍል የቅርብ ጊዜ ልጥፎችን አሃዞች ያሳያል።
Walaloo Jaalalaa™ avatar
Walaloo Jaalalaa™ @walaloo_jaalalaa24
በቴሌግራም ይክፈቱ