Har'umee..! Na kadhadhu jetta, sin hubachuun yaala Silaa; na | Walaloo Jaalalaa™

Har'umee..!

Na kadhadhu jetta, sin hubachuun yaala
Silaa; na hubadhuun dura naaf hubadhuu caala.
Eeyyee; si kadhadhee,siif hubadhee akka namaa
Si qolachuun waan hintaane yaada hamaa

'Gaariin siif haa ta'u
Garaa sihaa ga'u
Sin mufachiisini
Sin gufachiisini'

Siin jechuunkoo sibiratti gatii dhabee
Waadaankee obboroo dimimmisaan cabe

Calaqqisa argite hunda warqee seetee
Ormaaf eegee dhaabdee natti Eelaa feete

Bultii keenya ijaaruuf innin mala dha'e
Siif hubachuu darbee siif gubachuu ta'e

Madaa dabalachaa miidhagsuurra qe'ee
Atis naaf hubadhu quufnikee na gahe

Har'umee... Bor-hin beekne...

Hamman sobakee amanu
Siif jedhee of-ganu
Yeroo meeqa siif-dhiisu
Ofittummaakee kunuunsu
Mataatti si baadhu
Si argachuuf kaadhu

Maafin hin boqodhu, daandiikoo hin ciradhu
Siif mo'amuu dhiisee tasa sin baqadhu!
Amalakee badaa, danda'uuf dadhabaa
Maalifan qorama, maal abaarsan qaba?

Si dhiiseera har'umee..!


@Walaloo_Jaalalaa24
 
Walaloo Jaalalaa™

Walaloo Jaalalaa™

@walaloo_jaalalaa24
14.88K ተመዝጋቢዎች
ስነ-ጽሁፍ ምድብ
Walaloo jaalalaa toora kanaan ni argattu, walaloo jaalalaa yoo qabaattan share nuuf godhaa . https://adsly.me/@walaloo_jaalalaa24. Buy ads: https://te...