Yaa kan rabbii guddaan Babbareechee uumee Hin jabaatin garaa | Walaloo Jaalalaa™

Picture 1 from Walaloo Jaalalaa™ 2025-12-10 19:28:05
Yaa kan rabbii guddaan
Babbareechee uumee
Hin jabaatin garaa
Sirraa hin qabamee
Baasee sitti himuuf
Afaan na hidhamee
Jaalalaa fi yaadaan
Akka maleen miidhamee

Maal jedheen sitti hima
Jaalalan siif qabu
Jaalalti naaf haarayaa
Muuxannoo itti hin qabu
Ati anaaf lubbuudha
Hin fedhu si dhabuu

Jaalala koo itti himuuf
Nin dhabaan sodaadhee
Waa’ee isii yaadaatuma
Jiraachuun filadhe
Yoo itti himuu dhiises
Na jalaa heerumtii
Osoon isii jaaladhuu
Kan nama biraa taatii
Mee maal koo haa ta'u
Maalin godhuu qabaa
Jiruu koo fuulduraaf
Isii argachuun qabaa

React

@Walaloo_Jaalalaa24
Walaloo Jaalalaa™

Walaloo Jaalalaa™

@walaloo_jaalalaa24
14.88K ተመዝጋቢዎች
ስነ-ጽሁፍ ምድብ
Walaloo jaalalaa toora kanaan ni argattu, walaloo jaalalaa yoo qabaattan share nuuf godhaa . https://adsly.me/@walaloo_jaalalaa24. Buy ads: https://te...