Siifan boobee tumaaree? Siifan boo'ee du'aaree? Tortoraaf sun | Walaloo Jaalalaa™
Siifan boobee tumaaree?
Siifan boo'ee du'aaree?
Tortoraaf sunqoo qotu
Samaan suunqoo nagadu
Shafoo akka kee kanaaf
Maalif kan qalbiin na badu?
.
Atoo kabeelaa kanaa
Haftuu dubartii beeraa
Onneen koo si kanarraa
Maal dhabee maal kajeelaa?
.
Atoo fokkiftuu kanaa
Fokkiftuu budaan jibbu
Atoo coolligduu kanaa
Maalif na duraan dhibduu?
.
Siifan boobee tumaaree?
Siifan boo'ee du'aaree?
.
Maagaalleen gatiin dhibba
diimtuun gatiin shantamaa
Kan akka keetii kanaaf
hin kaffaluum digdama!
.
Sababa keen hurreessa
hin kabaju siif duudhaa
Farda malee dhufeetaan
gabbara malee si fuudhaa
.
Siifan boobee tumaaree?
Siifan boo'ee du'aaree?
@Walaloo_Jaalalaa24