INJIRAAN MUDHII... Qara laphee na cabsaa Hammeenya kiyya lab | Walaloo Jaalalaa™

INJIRAAN MUDHII...

Qara laphee na cabsaa
Hammeenya kiyya labsaa
Gurgubbeetiin na kolaastee
Imimmaan kiyya lolaastee...
An ammas...
Ciiggaasisaa lakkuu yaadaa
Gaadi'eetan si barbaadaa
Harki kiyya karra cufnaan
Atis deemuuf natti dhufnaan...
Karra tisiisaan luftee
Baqa kootiin kuftee...

Kufa keen...
Cabsitee eelee
Anis...Beela keen leelee
Yoos...Dhabee galaa
Gaabbii dhalaa
Buusee balaa...

Laga cubbuu si buusee
Budaa ta'ee sitti yuusee
Ayyaanni koo si nyaatee
Atis halkaniin manaa baatee
Fira budoomaa taate!
Ee...
Awwaala si seensisee
Galaana si ceesise
Atis...
Guyyaa muraasa bultee
Qabarichoo na ultee
Ciniinnaan garaa siif gamnaan
Nyaata koorr'aa hiikamnaan
Budummaan koo diigamnaan...
Har'a...
Ciniinnaan kee mudhii na lixee
Qabattoo jalaan foon koo fixee
Qalbiin koo si faana kaatee
Injiraan mudhii natti taatee...
Jennaan an...
Budooma biraaf laatamee
Nyaata keerratti nyaatame

Magan

Keenboon

React

@Walaloo_Jaalalaa24
Walaloo Jaalalaa™

Walaloo Jaalalaa™

@walaloo_jaalalaa24
14.88K ተመዝጋቢዎች
ስነ-ጽሁፍ ምድብ
Walaloo jaalalaa toora kanaan ni argattu, walaloo jaalalaa yoo qabaattan share nuuf godhaa . https://adsly.me/@walaloo_jaalalaa24. Buy ads: https://te...