2024-03-13 13:31:37
#Update
Barattoota Kolleejjii Fayyaa Qormaata Gahuumsa ogummaa fudhattan maraaf!
Muummee Medicine, Nursing, Public Health, Anesthesia, Pharmacy, Medical Laboratory Science, Midwifery, Dental Medicine, Medical Radiology Technology, Environmental Health, Psychiatric Nursing, Pediatric & Child Health Nursing fi Emergency & Critical Care Nursing'tiin barattoonni qormaata bahuumsaa wal ta'iinsa Ministeera Fayyaafi Ministeera Barnootaatiin Gurraandhala 06/2016 isiniif kenname fudhattan martuu, Bitootessa 04/2016 irraa kaasuun karaa marsariitii http://hple.moh.gov.et/hple/candidates/index4 irra seenuun Maqaa keessan guutuufi #Username Ministeera barnootaatiin isiniif kenname galchuun firii qormaata keessanii ilaallachuu dandeessu.
#Hubachiisa
Barattoonni martuu digirii isaanii gahumsa qabaachuuf qormaata bahuumsaa darbuun dirqama waan ta'eef, barattoonni qormaata bahuumsaa darbitan maqaan keessan hoggantoota fayyaa naannoof ergamee waan jiruuf, gara naannoo keessaniitti imaluun waraqaa eyyama hojii ogummaa keessanii fudhachuu dandeessu.
Namoonni gaaffii qabaattan guyyaa firiin qormaataa ifoomee kaasee guyyoota hojii walitti aanan 10 keessatti lakkoofsa bilbilaa 0118275936 irratti bilbiluun ykn karaa regulatory.moh@moh.gov.et irratti maqaa keessan guutuu, Username fi Muummee keessan qofa guutuun iyyata keessan dhiyeeffachuu dandeessu.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA
MIIDIYAA @ABDII_SABAA
ODEEFFANNOO BARNOOTAAF
@ABDIISABAA
Karaa Fuula Feesbuukiin Nu Hordofuuf!
https://www.facebook.com/AbdiiSabaaFb
15.8K views10:31