Get Mystery Box with random crypto!

⛪✥HUNDEE AMANTAA✥⛪

የቴሌግራም ቻናል አርማ naataniim — ⛪✥HUNDEE AMANTAA✥⛪ H
የቴሌግራም ቻናል አርማ naataniim — ⛪✥HUNDEE AMANTAA✥⛪
የሰርጥ አድራሻ: @naataniim
ምድቦች: ያልተመደበ
ቋንቋ: አማርኛ
ተመዝጋቢዎች: 1.80K

Ratings & Reviews

4.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

1

4 stars

0

3 stars

1

2 stars

0

1 stars

0


የቅርብ ጊዜ መልዕክቶች 4

2022-04-02 09:50:17 "ተክለ ሃይማኖት"

TEKLE HAYMAANOOT jechuun BIQILTUU AMANTAA jechuu dha.

Qulqulluun Abbaan keenyi Tekle Haymaanoot dhugumatti biqiltuu amantaa dha.

Biqiltuun miidhaginaaf balbala ufii irra dhaabbatan ni jira,

Qulqullichi Tekle Haymaanootis miidhagina amantaa isaatiin biyya keenyaaf miidhagina guddaa nuuf ta'eera.

Biqiltuun urgaa'a isaatiin nama booji'us ni jira,

Qulqullichi Tekle Haymaanootis urgaa'a wangeelaatiin baay'ee keenya Kiristoosiif booji'eera.

Biqiltuun qorcha naamaaf ta'us ni jira,

Qulqullichi Tekle Haymaanootis
Kadhannaan isaa biyya keenyaaf qoricha nuuf ta'eera.

Biqiltuun ol guddatee dagaagee gaaddisa namaaf ta'us ni jira,

Akkuma kanaa Qulqullichi Tekle Haymaanootis eebbaaf kadhannaa isaatiin gaaddisa guddaa nuuf ta'eera.

Biqiltuun firii mi'aawaa naqatee soorata namaaf ta'us ni jira,

Qulqullicha Tekle Haymaanoot irraas firii eebbaa funaannannee nyaanneerra.
Fak.10፥6

Kanaafuu Qulqulluun Abbaan keenyi Tekle Haymaanoot dhugumatti biqiltuu amantaa dha.

Eebbi isaa hunduma keenyarra oolee haabulu!

Ameen!!!

M/G/Q/A W/Gabri'eel Abbabaa 24/05/2014 B.A
.......Tulluu jireenyaa irraa

https://t.me/DooniiNoh
853 viewsJossy Z Tewahido, 06:50
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-03-26 21:13:19 GAARA EJERSAA (ደብረ ዘይት)=

Moggaasa

Tulluu Ejersaa (Dabra zayit) Dabra zaayit jechuun gaara mukni ejersa irratti argamu jechuudha. Gaarri kun Eyyrusalem irraa gara bahatti argama.
Gaara kanarrattii Gooftan waa’ee diigamuu maagaala Eyaarusalem fi darba addunyaa (dhufaati isaa) dubbate ture.Mar 13:3
Gaafa Hoosayinaatis gara Eyaarusalem kan deeme gaara kanarrayi. Mar 11:1
Gaafa kamisaas yihuudotaf dabarsee of kan kenne lafa gaara kana jalatti argamtu Geetasemaniti.Mat.26:30
Erga du’a ka’ee gara samiitti kan olbahe gaara kanarraati.Luq 24:51 fi HDB.1:12.

Barumsa

Torbeee kana keessa waa'ee bara dhumaatu barsiifama. Bara dhumaa yoo jennu, wantoota baay'ee of keessaa qaba. Innis:
➢Dhiyaachuu mootummaa Kiristoos (Ciniinsuu jalqabaa)
➢Dhufaatii Kiristoos fi
➢Du;aa Ka'umsa warra du'anii fi
➢Kennama murtootii.

Akkuma Iziraan jedhe garuu, “Dhufaatiin Mootummaa Waaqayyoo fi kennamuun mootummaa samii akka dhaloota Eesawuu fi Yaa'iqoobii dha" waan ta'eef kan walirraa fagaatu miti.

Yammuu sanattis duuka bu’ootni dhufaatii lamaffaa akkamitti fi yoom akka ta’e gaafachaa turan.Gooftanis mallatoolee bara dhuma kan itti hime gaara kanarratti waan ta’ef torbe bara dhuma fi murtii bara dhuma itti yaadannu dha.

Barri kessa jirru immoo barri dhuma dhiyaachuun isaa kan ittiin ibsamuu beelli, waaranni, jaalalli qorruu fi dhibeen cimuu daabalatee akkasumas raajotni sobduun baay’achuun ragaa dha.

Mallatooleen amma tarrefaman kun gooftan duuka bu’oota isaaf ibse ture. "Gooftan kabajaa fi simboodhaan ifatti ni dhufa hin callisuus abiddis fulduratti isatti ni boba’a” jedhee faarfataan Daawwit waa’ee dhufaatii Gooftaa dubbate ture. (faar 49:3). Kunis, Ifatti ni dhufa kan jedheef akka jalqaba nama ta’uuf dhufe sanatti dhufa osoo hin tane amala Waaqummaa isaa ifatti ibsa jechu yoo ta’u; hin callisu inni jedhe immoo akka yeroo duraa yihuudotni kaballan rukkutan fi hogganaa seexana Bii’elzebul jedhanii itti qoosan sana osoo hin tanee akka hojii isanitti ni kanfalaaf jechuudha.

Kana waan ta’eef torbee kanatti Iyyasus Kiristoos Mat 24:20 irratti yeroo hunda qophaa'aa jiraadhaa; goodansi kessan sanbataa fi ganna akka hin tanee kadhadhaa jedhe inni dubbatee ni lallabama. Kunis Qophaa'aa jechuun isaa gaabbii galaa fooni fi dhiiga koo isa fayyina bara baraaf isiniif kenname fudhadhaa jechuu ibsuufidha. Godaansi keessan sanbata hin ta’in kan jedheef sanbatni guyya boqonnaati waan ta’eef hojiif namni of qophessu hin jiruu waan ta’ee fi dha. Goodansi kessan ganna hin ta’in kan jedhef immoo :-

Ganni yeroo roobaa fi yeroo lafti dhoqqaawu waan ta’eef fiigani jala bahuu fi arii’anii qabuuf illee hin miijatu waan ta’eef, isinis dhufaatiin koo yeroo isinitti fiigicha afuuraa keessan dhaabdanii boodatti deebitanii jirtanitti akka hin taane of eeggadhaa jechuuf

Ganni yeroo baala qofaa malee firiiwwan muka irratti mul'atan waan hin taaneef, isinis yammuun dhufu firii kam hin qabne akka hin taane of eeggadhaa jechuuf.

Akka barumsa Gooftaa keenyaa fi raajii raajotaatti barri dhumaa kun hamaa kan ta'edha; keessa darbuufis tsoomaa fi kadhannaa cimaa kan gaafatu bara hamaadha. Bara kanas beeknee bituuf amantii cimaa, tsoomaa fi kadhannaa guddaa nu gaafata. Akkuma Phaawuloos, “Guyyooliin sun hamoodhaatii baricha bitaa" (Efe 5:16) jedhes bara amantiin cimnee bituun hamma xumuraatti dhaabbachuun barbaachisaa dha.

Kutaalee kitaaba qulqulluu dubbifaman

➢Luba dursaa: Mat 24:1-36
➢Luba gargaaraa: HDB 24:1-22
➢Daaqonii dursaa: 1Tas 4:13-18
➢Daaqonii gargaaraa: 2Phex 3:7-15

Faarfannaa Daawwit (Misbaakii)

Waaqayyoon ifatti ni dhufa
Waaqni keenyi hin callisuu
Ibiddis ni boba'a dura isaatii

( Faar Daw 49:3)

Qiddaasee (sirna galatoo)

➢Qiddaasee Atnaatewoos

"Maaloo Yaa Gooftaa yeroo dhufaatii keetti mootummaa keerraatti nu yaadadhu" #Kitaaba Qiddaasee


Torban gaarii!

Sooma guddaa @DooniiNoh waliin
889 viewsJossy Z Tewahido, 18:13
ክፈት / አስተያየት ይስጡ