2022-04-17 16:34:00
Sirnoota Torbee Dhukkubbii
Uumaan uumamoota hundaa Waaqayyo dhala namaa kabaja gonka ta'een uumuun abboommii inni eeguu qabu waliin bakka kabajaa isa kaa'e. Addaamii fi Hewaanis osoo abboommii kana hin diigiin waggaa 7 fi guyyaa 47 eeganii jiraatan. Booda garuu dogoggora Seexanaan ajaja isaaniif kenname diigan. Waaqayyos Addaam akka cubbuu isaatti gaabbee dubbatuuf (nuzaazee) "Addaam eessa jirta" jedhe. Akkuma lubni cubbuu keenya akka himannuuf nu gaafatu jechuudha.
Addaamis cubbuu isaa dubbate (tanaazzaze). Waaqayyos guyyaa shanii fi walakkaaf (waggaa 5500'f) qannoonaa isaaf kenne. Addaamiinis bakka isaa Gannata irraa ari'e. Addaamis bakka gammachuu kana irraa yommuu ari'amu boo'ichaan gara lafaa kana dhufe. Akkuma har'a daa'imman bakka gammachuudhaan jiraatan garaa haadha isaanii keessaa gara biyya lafaa kana yommuu dhufan boo'an jechuudha.
Torbeen gidiraa kunis gidiraa waggaa 5500 torbee ittiin yaadannu dha. Kana ilaalchisee sirnootni torbee kana keessa hin raawwatamne ni jiru. Isaan keessaa muraasni:-
1. Guyyaa kamisaa irraa kan hafe kadhannaan qiddaasee hin gaggeeffamu. Gaafa kamisaas kan gaggeeffamu guyyaa itti iccitiin qurbaanaa hundaa'e waan ta'eefidha. Sirni kadhannaa qiddaasee guyyaa kanaas kanneen guyyaa biraa irraa adda dha.
Lubootni sagalee isaanii gadi qabuun qaddasu. Kunis Ayihuudotni sagalee isaanii gadi qabuun (asaasuun) fayyisaa keenya akka qabatan agarsiisa. Qaacilliin hin rukutamu. Bakka qaacillii tsinaatsilliitti fayyadamu.....
2. Cuuphaan Kiristaanummaa hin gaggeeffamu. Mat 3:16 irraa akkuma dubbisnu gooftaan keenya cuuphamee kan cuuphaa kiristaanummaa nuuf bu'uure kakuu haaraatti dha. Torbee gidiraa kana garuu kan yaadannu akka bara gidiraa (bara 5500tti) dha.
3. Kadhannaan hiikumsaa (Fitihaatii) nama du'eef hin gaggeeffamu. Waaqayyo aangoo hidhuu fi hiikuu kan lubootaaf kenne kakuu haaraatti dha. Mat 16:19 "Kan lafa irratti hiiktan samii irratti kan hiikame ta'a. Lafa irratti kan hiitan samii irratti kan hiikame ta'a." kan jedhaman kakuu haaraatti yoo ta'u torbeen gidiraa garuu bara gidiraa kan ittiin yaadannu dha. Namoota torbee kana keessa du'aniif dursamee gaafa hoosaa'inaa kadhannaan hiikumsaa ni gaggeeffama.
4. Torbee kana keessatti ayyaanotni kanneen biroo kam iyyuu hin kabajaman. Ayyaanotni kun dursanii ykn ayyaana du'aa ka'umsaa booda akka kabajaman ni taassifama.
5. Dubbisa afuurawaatiin walhin dubbisan. Rom 16:16 irratti qulqulluun Phaawuloos "Dubbisa eebbifamaan wal dubbisaa" jedheera.
Garuu torbee kana keessa Yihuudaan gooftaa keenya dhungachuudhaan dabarsee kennuu isaa yaadachuudhaan wal hin dubbisnu (wal hin dhungannu). Akkasumas yeroo gaddaa waan ta'eef fi wal dubbisuun immoo mallattoo gammachuu waan ta'eef.
6. Fannoo gooftaa luboota harkaa hin dhungannu. Gooftaan keenya kan fannifamu jimaata waan ta'eef.
7. Torbeen kun mana kiristaanaa ooluun kitaaba waa'ee gidiraa gooftaa keenyaa akkaa dhaggeeffanne, akkaa sagadne, isa duraa caalaatti (yoo danda'ame hanga galgala sa'aa tokkootti) akkaa tsoomne kan dabarsinu dha.
Madda: Fuul-barruu, Endalew Melese
15/08/2011 B.A
@DooniiNoh
https://t.me/DooniiNoh
552 viewsJossy Z Tewahido, 13:34