Get Mystery Box with random crypto!

⛪✥HUNDEE AMANTAA✥⛪

የቴሌግራም ቻናል አርማ naataniim — ⛪✥HUNDEE AMANTAA✥⛪ H
የቴሌግራም ቻናል አርማ naataniim — ⛪✥HUNDEE AMANTAA✥⛪
የሰርጥ አድራሻ: @naataniim
ምድቦች: ያልተመደበ
ቋንቋ: አማርኛ
ተመዝጋቢዎች: 1.80K

Ratings & Reviews

4.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

1

4 stars

0

3 stars

1

2 stars

0

1 stars

0


የቅርብ ጊዜ መልዕክቶች 3

2022-04-23 22:56:34 Watch "Faarfannaa Du'aa Ka'umsaa Gooftaa Keenya Iyyesuus Kiristoos" on YouTube


563 viewsJossy Z Tewahido, 19:56
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-04-22 15:14:03 Dhaddacha Guyyaa Jimaataa

Guyyaan jimaata uummata kiristaanaa biraatti guyyaa akka salphaatti lakka'amuu miti. Wantii  guyyaa kana adda taasisu tokko,  guyyaa ilmi nama itti Umamee yoo ta'uu dabalees guyyaa ilma namaaf jedhe Gooftaan Fannoo irra ooleedha. Hunda caalaa kan nama ajaa'ibu immoo murtoo guyyaa kana darbeedha. Waaqni teessoo isaa irra taa'ee Ummata Israa'elirratti murteessuuf jiru itti murta'uuf fuula namaa dura yeroo dhaabbatu akkam nama saalfachiisaa. Yaa Philaaxoos maal taate kan dhaddachaf sii fuldura  dhaabbate jiru uuma samii fi lafaadhaam maal jettee itti murteessuuf asi baate.

Yaa Gooftaa obsaaf gadi ofii qabummaa kee yoomu ajaa'ibsiifadhe hin xumuruu. Osoo beeka biyyaa lafaa ykn namoota bara keenyaatu dhaddachatti dhiyaate taa'e, ati Eenya waan taateef narratti murteessita, ani nama akkasitii, ani fira abalu dha jedhe abbaa murti dorsisa ture. Ati garuu Waaqa taate osoo jirtuu akka nama hoomaa hin beeknetti callistee. Callisuun kee yaa gooftaa dhaddacha guyyaa sanaaf  deebii sirrii kennee.

Gaafa dhaddachi jallatus walii iyyaannoo hin fudhannee, eenyuuti si caalaas eenyutti iyyaatta malee? Namni gaafa murtii haqaa dhabuu gara keetti iyyaataa ati garuu dhaddacha dogoggora ilaalte callistee dhiistee.

Dhugaa jallisanii soba sitti murteessaan, badii kee malee waan meeqan si adaban.
Waaqa hundaaf jireenya kenneetti murtii du'aa murteessaan. Harkaa isaan uumee dagatanii mismaaraan waraanan. Dhiiga Qulqulluu dhangalaasaan. Dhaddachi abaaramaaf loogiin itti baay'atee dhaddacha guyyaa Jimaataa.

Kiraalaayisoon

Guutamaa

https://t.me/DooniiNoh
602 viewsJossy Z Tewahido, 12:14
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-04-21 22:55:56 Hojii Gooftaa Guyyaa jimaataa

Guyyaan kun guyyaa warri ayihuudota badii fi cubbuu tokko male qulqulluu kan ta'e Gooftaa keenyaa Iyyasuus kiristoosin itti fannisaniidha. Ega guyyaa har'a Gooftaan keenyaa Iyyasuus kiristoos fayyisaa addunyaa Hunda kan ta'e waadaa Addaam fi ijoollee isaaf gale raawwachuuf fannifame qaaraniyoo gubba irra oole itti yaadannudha. (Maat 27:35-75)

Dabarsee Gooftaa kan kenne yihuudaan akka faradame yommuu hubate gaabbee, meetii soddomman deebisee luboota warra angafootaa fi maanguddootatti fidee, "Ani dhiiga nama yakka hin qabnee dhangala'uutti dabarsee kennuu kootiin yakkeera" isaaniin jedhe. Isaan garuu, "Nuun maaltu dhibe ree? Atumtuu faladhu malee!" jedhan. Yihudaan kana irratti meeticha mana qulqullummaa keessatti darbatee gatee, achii adeeme, dhaqes of rarraase. Luboonni warri angafoonni garuu meeticha fuudhanii, "Meetiin kun horii dhiiga namaa dhangalaasise waan ta'eef, horii mana qulqullummaatti dabaluun seera miti" jedhan. Ergasii mari'atanii iddoo awwaala warra ormaaf akka ta'utti, lafa namicha suphee dha'u tokkoo ittiin bitan. (Maat 27:3-9)

Guyyan kun guyyaa abaarsi sanyii ilma namaa inni dadarbaa dhufee sun xumura itti argateedha. Ummanni kiristaanaas guyyaa jimaataa kan fannifamu, dhukkubsachuu fi du'u gooftaa guyyaa itti yaadataniidha. Akka seera fi sirna warra Roomaanotatti fannoon namoota warra jalootaf kan ta'u mallattoo adabamtota yoo ta'u Gooftaan keenyaa dhiigasaan qulqulleessun faajjii moo'icha guyyaan itti nu taasiseedha.

Itti fufa......

Kiraalaayisoon!
https://t.me/DooniiNoh
603 viewsJossy Z Tewahido, 19:55
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-04-19 22:11:11 Hojii Gooftaa Guyyaa Roobii

Guyyaa kanati hojiiwwan raawwataman keessaa:- Guyyaan kun guyyaa angafoonni lubootaa fi barsiisonni seeraa Gooftaa akkamitti akka qaban itti mari'ataniidha. Kanaaf guyyaa "walii galtees" jedhame ni waamama. walii galteen kunis kan taasifame bartoota keessaa tokko kan ta'ee Yihuudaa wajjin yoo ta'u walii galteen kun murtee hammeenyaaf ture. Walii galtee kana erga raawwatee booda gara gooftaa fi waldaa duuka bu’ootaatti deebi’e.

Roobii kaasee hanga kamisa galgalaattis homaayyuu akka hin uumamne fakkeessee dabarse. Kunis sirriitti Yihuudaan nama fakkeessaa fi hamaa akkamii akka ture nutti agarsiisa.

Qulqulluun Pheexiroos haalli isa sodaachisnaan Gooftaa isaa si’a sadaffaa “hin beekuun” jedhee erga ganee booda Gooftaan keenya si’a tokko miil’atee yoo ilaaluun qofa fuula gooftaa isaa jabina ittiin ilaalu dhabee boo’icha hadhaawaan mooraa keessaa ba’e.

?Yihuudaan garuu yeroo dabarsee laachuuf walii galtee uumee kaasee sagalee isaa balleessuun akkuma durii isaa gooftaa wajjin taa’uu si’a tokkollee hin qaanofne. Yaada mataa isaa burqisiisee, ofii isaa gara shangoo deemuun qarshii fudhachuuf abdii godhatee deebi’ees ija gooftaa keenyaa ilaaluun “Dabarsee kan si kennu ana ta’aa laata?” jedhee gaafachuufis ija jabina qaba ture. Yihuudaan gowwoomsuu yoo barbaadeenis Gooftaan hundumaa beeku garuu “fakkeessituu nana” jedhee hin ifanneef obsa uumaa ni ajja’ibsiifanna.

Guyyaan kun ammas guyyaa urgaa gaarii qabuu fi imimmaaniis hin jedhama. Kunis immoo sababa Maariyaam urgooftuu dibata gati-jabeessa shurrubbeetti qabattee gara Gooftaa keenyaa dhufte isa dibdeefi waa'ee cubbuu ishee fi baay'iftee itti boosse waan ta'eef. (Maat 26:3-13 7, Marq 14:1-11 Luq 22:3-6). Maariyaam gara gooftaa dhuftee gaafa isheen urgooftuu dibdu "Urgooftuun kun akka meetii dhibba sadii caalaatti gurguramee, warra hiyyeessotaaf kennamuu in danda'a ture" waliin jedhan; isheettis in dheekkaman. Iyyasuus garuu, "Ishee dhiisaa! Maaliif rakkiftu? Isheen waan gaarii anaaf goote. Warra hiyyeessota, yeroo hundumaa of biratti argattu, yeroodhuma feetanittis gaarii gochuufii in dandeessu, ana garuu yeroo hundumaa of biratti hin argattan. Isheen waan dandeesse hojjetteetti; dhaqna koos duraan dursitee awwaalaaf dibdeetti. Ani dhuguman isiniin jedha, biyya lafaa guutummaatti iddoodhuma wangeelli itti lallabametti, wanti isheen goote immoo seenaa isheetiif in dubbatama" jedhe.

Warreen osoo urgooftuun kun gurguramee hiyyeessotaaf kennamee jedhan kun dhuguma hiyyeessotaf yaadanii osoo hin taane urgooftuun sun yoo gurgurame tokko kurnee argamu barbaacha malee! Abbaan yaada kanaas yihuudaa ta'u hin hafu!

Kiraalaayisoon
https://t.me/DooniiNoh
640 viewsJossy Z Tewahido, 19:11
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-04-18 23:32:42 Hojii Gooftaa Guyyaa kiibxataa

Guyyaan kun hojiiwwan Gooftaa keenyaa guyyaa wiixataa hojjeteefi dubbate irratti gaaffii warri Ayuudootaa dhiyeesaaniifi guyyaa inni deebii itti kennedha. Sababuma kanaaf guyyaan kun guyyaa gaaffii fi baruumsaa jedhamees beekama. Gaaffii kanas warreen barreessiitotaa fi fariisotaan kan gaafatame yoo ta'u barumsa barsiiftu, raajii raawwattu fi warreen gurguran mana kiristaanaa keessaa kan hariitu "Gooftummaa maaliitiin kana hundumaa kan gootu? Gooftummaa kanas eenyutu siif kenne?" (Maat 21: 23) jedhaniin kan gaafataniidha."

Barsiisonni seeraafi Fariisonni kun gaaffii kan gaafataniif kiristoosin wallalanii osoo hin taane aangoon isaanii waan jalaa xuqameef; seera barsiisu malee, ofii waan hin kabajneef hojii isaanii isa badaa sana dhoksachuuf karaa isaan qaban kiristoosiin hadheessu qofa waan ta'eef malee.

Hojiiwwan barsiisotaa fi warra fariisotaa kan hojjetan har'as mana kiristaanaa guutan. Lafa cidhaatti iddoo ulfinaa, manneen sagadaattis taa'umsa olaanu warreen jaallatan, Gabaa keessattis namoonni gugguufanii akka nagaa isaan gaafatan, barsiisaa guddaa akka isaaniin jedhanis kabaja Waaqayyoo caalaa kabaja mataa isaaniif warri jiraatan heddummataniiru. Garuu warra hojii akkasii hojjetaniif wayyoo!

Gooftaan keenyas "Waan isaan isinitti himan hundumaa godhaa, eegaas! Garuu hojii isaanii duukaa hin bu'iinaa! Isaan in dubbatu malee, isa dubbatan hojiidhaan hin raawwatan." Akkuma jedhe isaan keessaa tokkoon isaaniillee baruumsa inni barsiiseen hin deebine Yohaaniis cuuphaas hin dhageenye." Yommuu Yohaannis cuuphaan qajelummaa isin barsiisuu dhufe, isin isa hin amanne; qaraxxoonnii fi gaalamootonni garuu isa in amanan. Isin immoo erguma kana argitanii booddee iyyuu, gaabbitanii isa hin amanne" isaaniin jedhe. (Maat 21: 32)


Kiraalaayisoon
https://t.me/DooniiNoh
583 viewsJossy Z Tewahido, 20:32
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-04-17 22:33:29 Hojii Gooftaa Guyyaa Wiixataa

Akkuma qulqulluun Maatiwoos barii isaatti ni beela’e (Mat21:18) jedhe, ayyaana Hosaa’inaa barii Gooftaan Biitaaniyaa irraa gara Iyyarusaalemitti seenuun wantoota lama taasise.

Tokkoffaan muka baala malee firee ofirraa hin qabne abaareera. Lammaffaa immoo gara mana qulqullummaatti seenuudhaan warreen gurguranii fi jijjiiran achi keessaa isaan baaseera (Mat 21:19). Egaa Gooftaan saba Isaa Israa’elootaaf maannaa samiirraa buusuun soore; Eeliyaasiif nyaata samiirraa ergamaa fi allaattiidhaan ergee soore, namoota 5000 ol ta’an buddeena shanii fi qurxummii lama maaddessee nyaachise ofii Isaatiif ni beela’e yoo jedhamu mee hammam nama haa ajaa’ibuu! Kanatti dabalees guyyaa afurtamayyuu nyaata malee kan ture guyyaa tokkotti ni beela’e jechuunuu nama ajaa’iba.

Egaa mukni firii dhabuun Isaa Isiraa’elirraa amantaa fi gocha gaarii dhabuu isaanii kan ibsu yoo ta’uu, abaaruunis mukti firii hin qabne akkuma badu namni firii amantaa hin qabne akka badu ibsuufiidha. Kannaaf fakkeenya mukichaan kan abaaraman Israa’eloota warra foonii bakka firii buusuu caala Gooftaaf qoraattii warra qopheessantu abaarame.

Beelli Gooftaan beela’e qajeelummaa dha; qajeelummaa ykn qulqullummaa kanas saba Isaa irraa barbaadee argachuu hin dandeenye. Kanaanis Gooftaan keenya akka beela guddaa dhala namaa irraa qabu ibsee, kan qulqullummaa irraa barbaadee dhabe abaaramuuf akka jiru ibsuufii dha. Kanas hayyichi mana kiristaanaa keenyaa qulqulluun Yohaannis Af-Colleen (st.John Chrysosytom), ‘’Kunoo namoota muka firii hin qabneen fakkeeffaman dheekkamsi ajaa’ibsiisaan guddaan Waaqayyoon biraa akka isaan irratti bu’u amma dhageenye’’ jechuun dubbichi fakkeenyummaaf raawwatamuu isaa dubbateera.

Kiraalaayisoon
https://t.me/DooniiNoh
553 viewsJossy Z Tewahido, 19:33
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-04-17 16:34:00 Sirnoota Torbee Dhukkubbii

Uumaan uumamoota hundaa Waaqayyo dhala namaa kabaja gonka ta'een uumuun abboommii inni eeguu qabu waliin bakka kabajaa isa kaa'e. Addaamii fi Hewaanis osoo abboommii kana hin diigiin waggaa 7 fi guyyaa 47 eeganii jiraatan. Booda garuu dogoggora Seexanaan ajaja isaaniif kenname diigan. Waaqayyos Addaam akka cubbuu isaatti gaabbee dubbatuuf (nuzaazee) "Addaam eessa jirta" jedhe. Akkuma lubni cubbuu keenya akka himannuuf nu gaafatu jechuudha.

Addaamis cubbuu isaa dubbate (tanaazzaze). Waaqayyos guyyaa shanii fi walakkaaf (waggaa 5500'f) qannoonaa isaaf kenne. Addaamiinis bakka isaa Gannata irraa ari'e. Addaamis bakka gammachuu kana irraa yommuu ari'amu boo'ichaan gara lafaa kana dhufe. Akkuma har'a daa'imman bakka gammachuudhaan jiraatan garaa haadha isaanii keessaa gara biyya lafaa kana yommuu dhufan boo'an jechuudha.

Torbeen gidiraa kunis gidiraa waggaa 5500 torbee ittiin yaadannu dha. Kana ilaalchisee sirnootni torbee kana keessa hin raawwatamne ni jiru. Isaan keessaa muraasni:-
1. Guyyaa kamisaa irraa kan hafe kadhannaan qiddaasee hin gaggeeffamu. Gaafa kamisaas kan gaggeeffamu guyyaa itti iccitiin qurbaanaa hundaa'e waan ta'eefidha. Sirni kadhannaa qiddaasee guyyaa kanaas kanneen guyyaa biraa irraa adda dha.
Lubootni sagalee isaanii gadi qabuun qaddasu. Kunis Ayihuudotni sagalee isaanii gadi qabuun (asaasuun) fayyisaa keenya akka qabatan agarsiisa. Qaacilliin hin rukutamu. Bakka qaacillii tsinaatsilliitti fayyadamu.....

2. Cuuphaan Kiristaanummaa hin gaggeeffamu. Mat 3:16 irraa akkuma dubbisnu gooftaan keenya cuuphamee kan cuuphaa kiristaanummaa nuuf bu'uure kakuu haaraatti dha. Torbee gidiraa kana garuu kan yaadannu akka bara gidiraa (bara 5500tti) dha.

3. Kadhannaan hiikumsaa (Fitihaatii) nama du'eef hin gaggeeffamu. Waaqayyo aangoo hidhuu fi hiikuu kan lubootaaf kenne kakuu haaraatti dha. Mat 16:19 "Kan lafa irratti hiiktan samii irratti kan hiikame ta'a. Lafa irratti kan hiitan samii irratti kan hiikame ta'a." kan jedhaman kakuu haaraatti yoo ta'u torbeen gidiraa garuu bara gidiraa kan ittiin yaadannu dha. Namoota torbee kana keessa du'aniif dursamee gaafa hoosaa'inaa kadhannaan hiikumsaa ni gaggeeffama.

4. Torbee kana keessatti ayyaanotni kanneen biroo kam iyyuu hin kabajaman. Ayyaanotni kun dursanii ykn ayyaana du'aa ka'umsaa booda akka kabajaman ni taassifama.

5. Dubbisa afuurawaatiin walhin dubbisan. Rom 16:16 irratti qulqulluun Phaawuloos "Dubbisa eebbifamaan wal dubbisaa" jedheera.
Garuu torbee kana keessa Yihuudaan gooftaa keenya dhungachuudhaan dabarsee kennuu isaa yaadachuudhaan wal hin dubbisnu (wal hin dhungannu). Akkasumas yeroo gaddaa waan ta'eef fi wal dubbisuun immoo mallattoo gammachuu waan ta'eef.

6. Fannoo gooftaa luboota harkaa hin dhungannu. Gooftaan keenya kan fannifamu jimaata waan ta'eef.

7. Torbeen kun mana kiristaanaa ooluun kitaaba waa'ee gidiraa gooftaa keenyaa akkaa dhaggeeffanne, akkaa sagadne, isa duraa caalaatti (yoo danda'ame hanga galgala sa'aa tokkootti) akkaa tsoomne kan dabarsinu dha.

Madda: Fuul-barruu, Endalew Melese
15/08/2011 B.A

@DooniiNoh

https://t.me/DooniiNoh
552 viewsJossy Z Tewahido, 13:34
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-04-10 14:47:36 Watch "Dn Damee Daggafaa||Qabsookee||Faarfannaa Ortodoksii Afaan Oromoo" on YouTube


792 viewsJossy Z Tewahido, 11:47
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-04-05 09:29:12 Waaqni inni samii irraa jaalala dhala namaaf jedhee xoofoo fi rakkinoota addaa addaa kan itti simate,du'a isaatiin du'a jalaa bilisa kan nu baasee sanyii addaam hunda du'a du'aa jalaa kan fayyise jaalala isaas addunyaa hundaaf kan mul'ise dhiiga isaa fannoo irratti lolaasuun addunyaa kan bilisoomse,dhukkubbii fannoo obsaan simatee qulqulleetti lubbuu isaa foon isaa qulqulluu irraa fedha isaan kan adda baase yaaddannoo fannifamuu Uumaa keenya fayyisaa keenyaa fi qoricha keenya iyyesuus kiristoos har'a kabajama.



Baga Guyyaa Eebbifamaa Kanaan Geessan!
920 viewsJossy Z Tewahido, 06:29
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-04-04 14:25:32 https://www.facebook.com/107821798559783/posts/107836935224936/?app=fbl
1.2K viewsJossy Z Tewahido, 11:25
ክፈት / አስተያየት ይስጡ