Get Mystery Box with random crypto!

⛪✥HUNDEE AMANTAA✥⛪

የቴሌግራም ቻናል አርማ naataniim — ⛪✥HUNDEE AMANTAA✥⛪ H
የቴሌግራም ቻናል አርማ naataniim — ⛪✥HUNDEE AMANTAA✥⛪
የሰርጥ አድራሻ: @naataniim
ምድቦች: ያልተመደበ
ቋንቋ: አማርኛ
ተመዝጋቢዎች: 1.80K

Ratings & Reviews

4.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

1

4 stars

0

3 stars

1

2 stars

0

1 stars

0


የቅርብ ጊዜ መልዕክቶች 2

2022-08-22 09:57:04 Bagaa Geessaan

Du’a Ka’umsaa Hadhaa Keenya Qulqulleetti Dubree Maariyaam
Waa'ee Giiftiin keenya durbeen Maariyaam heyyama Ilma isheetiin du'a keessaa ka'uu isheef Abbooni Ortodooksii yeroo barsiisan macaafa qulqulluu keessaa ragaan isan caqasan "Far 131÷8 irra kan jiru "Maaloo gara boqonnaa keetiitti ka'i; atii fi Taaboonni mana Qulqullummaa kee!" kan jedhudha.

Caqasa kana du'aa ka'uu durbee Maariyaam waliin wal qabsiisanii caqasuun har'a kan jalqabame osoo hin taane baroota heedduu kan lakkoofsisedha. Phaaphaasiin Iskiindiriyaa 33ffaa Abbaa Tewoofoosiyaas Abboonni isa dursanii ka'an waa'ee du'aaf ka'uu durbee Maariyaam irratti ergaa isaan dabarsan waggoota 1500n har'aa yoo barressu; hayyoota Dubbii Maariyaam biratti "Doctor of dormision" jedhamuun kan beekamu Hayyicha Yohaannis isa Damaasqoo; Manneetiin kiristaanaa duuka bu'ootaa hunduu barreeffamoota isaanii keessatti yeroo kaasan hunda fi ayyaana Ol-ba'uu ishee yeroo kabajan hunda kutaan macaafa qulqulluu isaan dubbisan "Maaloo gara boqonnaa keetti ka'i; atii fi Taabonni mana qulqullummaa kee" kan jedhu faarsaa Daawwitidha.

Dhugumatti caqasa kana Durboo Maariyaam waliin maaltu walitti fida? 'Maariyaam kaateetti' kan jedhu qabaa? Kan jedhu barruu gabaabduu kanaan ilaalla. Isaan dura garuu hima ijoo tokko haa dursinu!

Kiristaanota kakuu haaraatti amannuuf, kiristaanota Wangeelaan geggeeffamnuuf kitaabonni kakuu moofaa maal nuuf godhu? Seeronni musee, macaafonni raajotaa, faarsaawwan kiristaanotaaf maal nufayyadu? Jennee gaafachuudhaan eegalla. Deebiin gaaffichaas " Seerota Musee fi faarfannoota raajotaa keessatti waa'ee koo kan barreeffaman hunduu raawwachuun ni imala" akkuma jedhe kitaabonni kakuu Moofaa icciitiidhaan kan dubbatan waa'ee Kiristoos waan ta'eef dha. (Luq 24÷44). “Musee fi Raajotarraa eegalee waa'ee isaa kan barreeffame isaaniif hike” jedhamee kan ibsaaniif dubbatame karadeemtonni Eemaahus “Daandii irratti yeroo inni nutti dubbatee macaafota nuuf hiikaa ture lapheen keenya gubachaa hin turree?” Jedhanii akkuma dubbatan kakuun moofaa dhugumatti waa'ee Kiristoos; kiristoos akka dubbatan yoo hubanne lapheen keenya booji'ama gadfagoo irraa kan ka'e ni gubate/boba'e.

Fuullee ija Hiikkaa Macaafa Qulqulluu kan abboota keenya durii kana ija keenyatti yoo godhanne kakuu moofaa dubbisaa galaana kakuu haaraa keessa daakuun ni danda'ama. Bifa adda addaatiin(typology) sababa inni dursee itti dubbatame(primary application) fi xumura isaa (fulfillment) yoo hubanno seenaa fi raajii hunda keessa Iyyesuus Kiristoosiin argaa jiraanna.
Seenaa Addaam isa Gannata keessa ciisee cinaacha isaa keessaa haadha hunda keenyaa kan taate Hewaaniin argamsiisuu isaa yeroo dubbifnu gaafa guyyaa jimaataa Muka fannoorra ciisee/Mugee(አንቀላፍቶ) bishaan Cuuphaa cinaacha isaa keessaa dhangalaaseen haadha hunda keenyaa kan taate Bataskaana kan argamsiise Kiristoosiin yaadanna. Seenaa Wayinii dhugee machaa'uun kufnaan ilma Kaam kan ta’e Kana’aan itti qoose, Seem fi Yaafet qullaa isaa kan dhoksaniif seenaa Nohiin yeroo dubbifnu Xoofaa du'aa dhugee jaalala namaan machaa'ee qullaa isaa kan fannifame fi Yihuudonni yoo itti qoosan Ji'aa fi Aduun qullaa isaa kan dhoksaniif Kiristoosiin agarra. Seenaa Abrihaam Ilma isaa Isaaqiin aarsaa gochuuf heyyamuu isaa fi Hoolaa aarsaa gochuu isaa yeroo dubbifnu Ilmasaa tokkicha dabarsee hanga aarsaa kennutti Addunyaa kana kan jaallate Waaqayyo Abbaa fi Ilmasaa tokkicha hanga du'aatti ajajamaa ta'e Waaqayyo Ilmaa Hoolicha Qulqulluu Kiristoosiin arganna. Daawwit Gooliyaadiin mo'atee Israa'eloota bilisa baasuu isaa yeroo ilaallu Seexana mo'atee Ilmaan namootaa bilisa baasuu Kiristoostu nutti mul'ata.

Israa'eloonni yeroo gammoojjii keessa deemaa turan sana dhagaan uleen dha'amee bishaan burqisiisnaan dhuguu isaanii yeroo ilaallu Cinaachi Kiristoos eeboon waraanamee dhiiga isaan dheebuu keenya kan nubaasuu Fayyisaa Addunyaa/መድኃንአለምን/ nutti mul'annaan qulqulluu Phaawuloos waliin “Dhagaan sunis Kiriatoos ture” jenna.
318 viewsJossy Z Tewahido, 06:57
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-08-05 09:45:34 Sooma Filsataa

Filsataa jechuun godaansa;deemsa;mul'annaa jechuudha.Kunis olfudhatamuu haadha keenya durbee maariyaamii agarsiisa.Kunis haati keenya durbee maariyaamiin erga boqattee booda getesemenii gara gannataa olfudhatamuu boodas foon ishee gannata muka jireenya iddoo turtee ka'uu kan agarsiisudha.Soomni kun sooma labsii torban mana kiristaanaa keessa tokko.

Durboo maariyaamiin waggaa sadi mana abbaa fi haadha ishee;waggaa kudha lama mana qulqullummaa;ji'a sagal mana yoosef;waggaa soddomii sadiif ji'a sadii gooftaa keenya iyyesuus kiristoos waliin;waggaa kudha afur wangeelawwicha yohannis waliin erga jiraattee booda waggaa 64tti boqatte.

Galatoo duuka bu'ootaan erga awwaalamtee booda akka sanyi namaa kaanii du'a ka'umsa osoo hin eegiin aangoo ilma isheen faarfannaa ergamootaa waliin gara samiitti olbaate.


Baga Geessan!


Obboloota koo afuuraa adaraa keessan kadhannaa keessaniin WaldeTinsa'e jedhaa na yaaddadhaa!
Fuula Telegiraamiin Miseensa ta'uuf
@Naataniim
Fuula yutuubin subscribe gochuuf
https://www.youtube.com/c/TaodokosTube

Yaadaaf Gaaffii asiin na quunnamaa!
@Rabuuniikoo
186 viewsJossy Z Tewahido, edited  06:45
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-06-17 16:22:44 Hubachiisa!

Miseensonni chaanala Hundee Amantaa hundumti keessan nagaan waaqayyoo bakka jirtanitti isiniif haa baayyatu.
Barnoonni karaa chaanala kanaan darbaa ture irraa waa muraasa waliin barachaa turuun keenya waan yaadatamudha.


Ammas tajaajila kana babal'isuuf karaa yuutubii "Ta'odokos tube"erga eegalle bubbulleerra.Isinis tajaajilli kun daran akka babal'atuuf kadhannaan dabalatatti liinkii gadii kanaan chaanala keenya subscribe,share fi like taasisuun nu waliin turaa!

Liinkii kana fayyadamaa

https://www.youtube.com/c/TaodokosTube
855 viewsJossy Z Tewahido, 13:22
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-06-17 15:52:35

435 viewsJossy Z Tewahido, 12:52
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-06-16 12:10:17

455 viewsJossy Z Tewahido, 09:10
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-06-13 22:54:29 Sooma Duukaa bu'ootaa fi Sooma Fayyinaa

Ayyaana Phiraaqilxoos [guyyaa 50ffaa] booda soomawwan gurguddoon lama eegalu. Isaanis sooma duukaa bu'ootaa fi sooma fayyinaa [Roobii fi Jimaata] yammuu ta'an soomawwan torban keessatti ni lakkaawamu.

Kitaabolee qulqullaa'oo irratti barreeffamee akkuma argannu kakuu moofaa keessatti raajicha Museen seera oriitii Waaqayyoo irraa fudhatee osoo uummata osoo hin barsiisiin dura soomeera. (S. Bah. 34:28). Qulqulloonni raajonnis raawwii jecha waadaa sana akkaa eeggatan Waaqayyoodhaan bu'i dhaladhu, akkaa jedhan soomaa kadhachaa turan.

Gooftaan keenya qorichi keenya Iyyessuus Kiristoos soomni jalqabbii hojii hundumaa ta'uushee nu barsiisuuf osoo wangeela hin barsiisiin dura soomeera. (Mat 4:1-14). Duukaa bu'oonnis erga ayyaana phiraaqilxoositti Afuurri Qulqulluu isaaniif bu'ee booda seera wangeelaa uummataaf osoo hin barsiisiin dura soomaniiru. Nuyis isaanirraa barannee; sirna isaaniin qajeelfamnee; Afuurri Qulqulluun isaanirra bule nurras akka buluuf waggaa waggaatti sooma duukaa bu'ootaa fi sooma fayyinaa, soomawwan biroos kabajnee soomuu akka qabnu qannoonaa mana kiristaanaatiin murtaa'eera. (Haqa Moototaa 15:586)

Soomni duukaa bu'ootaa sooma duukaa bu'oonni Afuura Qulqulluu erga fudhatanii booda addunyaa hundarra naanna'anii wangeela barsiisuun dura soomanidha. Soomni fayyinaa immoo akkuma moggaasni isaa ibsu 'sooma fayyinaa' jechuu yoo ta'u, kunis soomawwan kakuu moofaa sooma Asterii fi sooma Yoodit kan bakka bu'u sooma kakuu haaraati. Kakuu moofaa keessatti sababa Haamaatiin duuti Israa'el irratti labsamee ture sooma Asteeriin akkuma hafe, kakuu haaraattis marii guyyaa Roobii gooftaa keenyarratti raawwateen xaxaan seexanaa waan kufeef bakka sooma Asteer guyyaa Roobii ni soomna.

Kakuu moofaatti sababa sooma Yooditiin Holoohornis akkuma moo'ame, kakuu haaraatti immoo aarsaa qorichi keenya guyyaa Jimaataa fannoo irratti kanfaleen Diyaabiloos waan moo'ameef bakka sooma Yooditii guyyaa Jimaataa ni soomna. Guyyaan Roobii guyyaa itti mariin du'aa gooftaa keenyarratti taasifame, guyyaan Jimaataas guyyaa gooftaan keenya itti fannifame waan ta'eef, aarsaa fannoorratti nuuf kanfalame yeroo hunfa yaadachuun waan nurraa eegamuuf yeroo hunda akka soomnu qulqulluu Sinoodoosiin sirni nuuf hojjetameera. Soomni guyyaawwan lamaan kanaa [Roobii fi Jimaata] sooma fayyinaa jedhama.

Walumaagalatti soomni duukaa bu'ootaa fi soomni fayyinaa akkuma sooma Nanawee fi sooma guddaa lakkoofsa guyyaa ayyaanotaa fi soomawwanii eeguuun kan dhufan fi soomawwan torban keessatti kan ramadamanidha. Xumurri sooma duukaa bu'ootaa guyyaa yaadannoo boqonnaa Qulqulluu Phaawuloos fi Qulqulluu Pheexiroos [Adoolessa 5] yoo ta'u, soomni fayyinaa garuu waqtii du'aa ka'umsaa irraa kan hafe waggaa guutuu kan soomamu waan ta'ee xumurri isaa ayyaana du'aa ka'umsaati.

Bara kana soomi duukaa bu'ootaa waxabajjii 6; soomni fayyinaa immoo waxabajjii 8 ni jalqaba. Kana ta'uusaatiin kan fayyadamnu gocha gaarii matuma keenyaan, kan ceepha'amnus gocha badaa matuma keenyaan ta'uu isaa hubannee kun kan Lubootaati, kan monoksootaati sababa jedhu osoo hin uumiin hundumti keenya tokkummaadhaan yoo soomne qabeenyaabfi kennaan Waaqayyo irraa argannu nuuf baay'ataatii mataa keenya soomaaf of haa qopheessinu.

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Madda:-Marsariitii Waldaa Qulqullootaa

https://t.me/DooniiNoh
490 viewsJossy Z Tewahido, 19:54
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-06-05 11:58:59 ++#DHANGAA_ABBOOTII_IRRAA++

"Lafa kanaaf bara jireenya kee hundumaa osoo kenniteefii kan isheen siif kennitu awwaalcha duwwaadha. Samiif garuu osoo of kennite dhuma irratti kan isheen siif kennitu teessoodha. [jireenyadha]!"

#Q_Efreem isa Sooriyaa

"Waaqayyo cubbamaa irraa ni fagaata jedhanii yaaduun biiftuun waan ishee hin argineef jaamaa irraa fagaatti jedhanii yaaduu waliin tokkodha.

#Q_Inxoons

"Waaqayyo siif jedhee gadi of qabe. Ati garuu matuma keef jettee illee gadi of qabuu akkamiin dadhabda!"

#Q_Meqaariyoos

"Kan qaamni kee fedhu hundaa qaama keef yoo kennite, qaamni kee immoo kan ati hin barbaadne hunda siif kenna. Qaama [fedhii] keerratti moo'i malee ati qaama keef hin bitamiin!"

#Abbaa_Kaaraas

"Gochi seexanni fakkeessuu hin dandeenye gadi-of-qabummaa qofadha"

#Q_Yohaannis kan Siwaasewu [Yaabbannoo]

"Solomoon, 'Callisuunis, duubbachuunis yeroo qaba' jedhe. Callisuu kan durseef yammuu callisnu ogummaa dubbachuu waan barannuufidha!"

#Q_Gorgooriyoos isa Nuusis

"Dheekkamsi, hamma jirtutti haadha ijoolleewwaan gammachuu hin qabnee hedduu taatee ni jiraatti!"

#Q_Yohaannis kan Siwaasewu [Yaabbannoo]


#Eebbi isaanii nurra haa bulu!

https://t.me/DooniiNoh
659 viewsJossy Z Tewahido, 08:58
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-05-28 19:39:56 ++++ #BAGA_GEESSAN +++++

#DEBRE_MIXMAAQ [Tulluu Mixmaaq]

◆Ayyaanni kun #Caamsaa_21 kabajama. Guyyaa kanatti haati keenyi qulqulleettiin dubroo Maariyaam biyya Gibxi tulluu mixmaaq jedhamuu irratti gulilaata bataskaana maqaa isheen ijaaramte irratti markaba ifa fakkaatuun guyyaa itti muldhattedha. Namootni baay'een warreen Kiristaana ta'aaniif warreen amantaa biroo ishee ilaalaniiru. Ishee waliiniis ergamootnii fi qulqullootnii ni jiru ture. Ergamootnis akkas jechaa galateeffatuun ture, "Waaqayyoo Abbaan samii irra ta'ee ilaalee, akka kee kan ta'u garuu hin arganne; ilma isaa tokkicha gara kee erge,innis sirraa nama ta'e!"
Qulqullootni, wareegamtoonni hunduu gara ishee dhufanii kabaja isheef ni sagadu ture. Warreen achi turanis isheedhaan eebbifamaa turan, kan abbaa fi haati jalaa du'e, gara ishee dhufanii haadha koo ykn abbaa koo nuuf agarsiisi yeroo jedhan ni agarsiistiin turte. Maarraba isaanii gara haadha keenyaa kanneen darbataniis jiru ture. Isheeniis kan jaallatte ofitti fudhachaa deebistee kennitiif ture. Isaaniis eebbaaf ni hiratu ture.

◆ Akkasiin guyyaa shaniif Kiristaanootnii fi warreen amantaa biroo ishee ilaalaniiru. Muldhatni haadha keenya tulluu mixmaaq jedhamutti muldhatte kun agarsiisa araarsummaa haadha keenyaa fi namoota ilma ishee Kiristoosiin amananiif abdii kan itti agarsiistedha. Warreen ishee arganiis akkuma qulqulluun Daawiit faarfatee, ishee dhaan akkas jedhanii galateefataniiru,
"Waaqayyo iddoo buufata Yaaqoob hunduma caalaa mandara Tsiyoon karra ishee wajjin in jaallata. Yaa mandara Waaqayyoo, wanti ulfina-qabeessi waa'ee keef in dubbatama;" Faarf. 87፥2-3.

◆ Sababa kanaaf guyyaan kun ayyanota haadha keenya 33'n keessa tokko ta'ee ni kabajama. Waaqayyo Jaalala Tsiyoon haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam laphee keenyarra, mi'awaa maqaa ishee immoo afaan keenyarra nuuf haa bulchu! Ameen!

✣ #AYYAANA_GAARII ✣

Maddi:Channaalii biroo Irraa.



#SHARE
@Kadhannaa_Qulqullootaa
@kadhannaa_Qulqullootaa
748 viewsJossy Z Tewahido, 16:39
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-04-26 09:36:11 #Afuurummaa_Tibba_Ayyaana_Shantamaffaa

Dubbisuun #share gochuun ni danda'ama.

Du'aa ka'umsaa kaasee hanga guyyaa Phiraaqilixoositti guyyoonni jiran tibba ayyaana shantamaffaa jedhamuun beekamu. Tibba kana guyyoota Roobiifi Jimaata dabalatee soomnis tahe saganni hin jiru. Sababnisaa guyyoonni kuni dhugumatti guyyoota gammachuuti. Ta'us guyyoota gammachuu jennee yeroo nuti gonka afuurummaa keenya dagannu bal'inaan ni mul'ata. Haa tahu iyyuu malee yeroo gammachuus nama afuuraa ta'uun ni danda'ama.

Gammachuufi afuurummaan waliin hin deeman jennee yoo yaanne; akkamiin bakka gammachuun barabaraa jirtu Mootummaa Waaqaatti namoota Afuuraa tahuu dandeenyaree? Sababnisaa jireenyi nuti tibba kana taasifnu jireenya guyyaa dhufaatiisaa booda jirtu bakka qulqullootaaf qophoofte jireenya Mootummaa Waaqayyoo keessaan waan fakkeeffamtuuf.

Tibba kana Soomniifi Saganni jiraachuu baatanis Kadhannaan, dubbisa Kitaaba afuurummaan, Yeedaloofi Faarfannaan bakka buusuu dandeenya. Duuka bu'aan qulqullichi Yaa'iqoob faarfannaa ilaalchisee akkas jedhee jira. " ....Kan gammade yoo jiraate inni haa faarfatuu!" Yaq5:13

Du'aa ka'umsa booda jaallalli Waaqayyoo duuka bu'oota waliiin guyyaa afuuratama tureera. " .... guyyaa afurtamaaf akka isa argan godhe, waa'ee mootummaa Waaqayyoos isaanitti in dubbate." (Hoj1:3). Waa'ee mootummaa Waaqayyoo yaaduufi barachuun dabarsuu qabna jechuudha.

Tibba kana faarfannaa daawwit dubbisuun, kadhannaa dhuunfaa sirnaan taasisuun akkasuma waa'ee hojiisaa dinqiif Waaqayyoon galateeffachuun, Waaqayyoon faana dubbachaa isa waliin ta'uu bartee godhachuu dandeenya. Kanaaf wantoota Waaqayyo waliin ta'uu irraa, isarraas nu dhorkaniifi fageessan irraa fagaachuutu nurra jiraata jechuudha.

Jireenya gammachuu, Waaqayyo waliin jiraachuu qabna malee humna ooli nyaachuuniifi dhuguun gammachuu foonii keessa jiraachuun nurra hin jiraatu.

Soomni hin jiru jechuun garuu fedhii nyaata keessaa turuu(jiraachuu) miti. Soomni bakka hin jirrettis of bituun barbaaachisaadha.

Galanni Waaqayyoof haa tahu! Ameen!
Madda: Words of Spiritual Benefit

https://t.me/Araaraat
1.1K viewsJossy Z Tewahido, 06:36
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-04-24 11:21:19 DU'AA KA'UMSA
(Resurrection)

"Kiristoos du'aa ka'e
Humnaa fi aangoo guddaan
Seexana hidhe
Addaamiin bilisa baase
Nagaan
Kana booda
Nagaa fi gammachuun ta'e"

#Kutaa_Xumuraa

....... Egaa Saaduqoonni warren du’aa Ka’umsatti hin amannee (Maarq 12:18) fi Yihudoonnii fi angafoonni lubootaa, Kiristoos akka waanta du’aa hin kaanee fakkeessuudhaaf yaalii guddaa gochaa turaniiru. Jalqabatti loltoota ciccimoo bakka awwaalcha gooftaa eeganiin, kanfaltii isiniif kennina, Kiristoos du’aa ni ka’e osoo hin taane, duuka bu’oota isaatu reeffa isaa osoo nuti rafnuu dhufanii hatan jedhaa jechuun du’aa ka’umsa gooftaa keenyaa ganan (Maat 28:11-15).

Barumsa jal'ootaa fi jarreen hamoo kanaa balleessuudhaaf duuka bu’oonni Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos sirriitti cimsanii waa’ee du’aa ka’umsa isaa barsiisuutti ka’an. Nutis dhugaa baatota du’aa ka’umsa Isaatiidha; (HDB 1:22) jechuudhaan humna cimaadhaan du’aa ka’umsa isaa ragaa ba’aa turan (HDB 4:33). Qulqulluun Phaawuloosis, Kiristoos warren du’aniif (muganiif) angafa ta’ee ka’eera, jechuudhaan barumsa du’aa ka'umsa Gooftaa fi du’aa Ka’umsa dhala namaa sirriitti barsiiseera (1Qor 15:20-55). Egaa dhugumatti Waaqayyoon keenya yeroo du’aa ka’uttis, lubbuun Isaa Si’oolitti kan hafte osoo hin taane, foon Isaas bosbosuu kan hin argine ta’uu dhugaa ba’uu qabaanna (HDB 2:31).

Gooftaan keenyas, du’aa ka’umsa isaa akka nuti hin shakkineef:

➸Qaamaan qaamatti Maariyaam ishee Maqdallaatti mul’ateera

➸Luqaasii fi Qaliyoophaattis (Kara deemtota Eemaawuusitti) of agarsiiseera.

➸Hin shakkiinaa, An ekeraa mitii, ekeraan qama lafee hin qabuu jedhee lukaa fi harkasaa itti agarsiise. Luq. 24:38-40

➸Toomaasiinis kunoo madaa koo quba kaa’ii ilaali jechuun itti agarsiiseera (Yoh 20:25-29)


Egaa waa’een du’aa ka’umsa Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos bu’uura cimaa kan ta’ee fi kan duuka bu’oonnillee barumsaanis ta’ee qaamaan tuqanii nuuf dhugoomsaniidha.

Kanaaf nutis du’a mo’ame Kanaan, “Yaa du’aa mo’ichi kee meerre? Waraantuun kee hoo jechuuf (1Qor 15:55), duuti du’aan du’uu fi du’a ka’umsa Kiristoositti sirriitti amanuu qabaanna. Akkuma hundee amantaa keenya irratti, “Guyyaa sadaffaatti du’a mo’ee ka’e” jennu, duuti karaa dhala namaa waanta dhufeef, du’aa ka’umsi karaa Kiristoosiin ta’eera (1Qor 15:21), jechuu qabaanna. Nutis du’aa ka’umsa lammataa kan amannu du’aa ka’umsa Gooftaa keenyaa yoo amanne qofaadha (Room 6:5).

Nuti warreen du’aa ka’umsa Kiristoositti amannu, Kiristoos dhugumatti du’aa ka’eera. Erga du’aa ka’ees guyyoota Afurtamaaf biyya lafaa irra foon waloomfateen deddeebi’eera jenna.

Akkuma hayyuun mana kirstaanaa Qulqulluun Atinaatewoos, “Du’aa erga ka’een booda, foon isaatiin kan hin dhukkubsannee fi kan hin duune ta’e jedhe, (Amantii Abbootii 25:24), nutis Waaqummaa isaa foon tokkummeeffateen jiraate jenna. Kanaaf, ergamoonni Seexanaa sobdoonni, Kiristoos hin kaane warreen jedhan waan jiraniif, warreen akkanaa kunniin amala gaarii waan balleessaniif hiriyoota hamoo akkasii irraa of eeggachuu akka qabaannu hubannee, (1Qor 15:32-33), akka ergamoota Waaqayyoo Isaan qulqulluu, Kiristoos akkuma dubbate ka’eera jechuu qabaanna.

Erga du’aa ka’ees Kiristoos dadhabaa miti; du’aa ka’umsaan booda akka bara foonummaa akka namaa sanatti ilaaluu hin dandeenyu. Luba irraan kan hafes eenyuu Isa hin tuqu; du’aan booda Waaqa gonkaawaa ta’eeraatii. Waktii foonii (ስጋ ወራት) kan jennu waktii Iyyasuus Kiristoos biyya lafaarra turee hojii foonii raawwachaa turedha (Ibr 5:7). Har'as fooniin jiraatullee garuu foon yeroo biyya lafaa ture mo'atamuyyuu inni har'aa garuu hin mo'atamu. Inni sun du'aa fi dhukkubsataa ta'us garuu har'a akkas miti.

Kanaaf hiikti yeroo foonawaa yeroo foon mo'atamaan lafarra ture du'aa ka'umsaan dura jechuudha. Qulqulluun Phaawuloos, ergaa isaa uummata Qoronxoosiif erge keessattis (2Qor 5:16), “Kiristoos fooniin kan barre ta’us ammaan booda garuu akkasitti hin beeknu” jedheera. Itti dabalees, “Kiristoos du’oota keessaa ka’ee, gara fuulduraattis akka hin duune;, duutis gara fuulduraatti akka Isa irratti aangoo hin qabne ni beekna” (Rom 6:9) jedheera.
713 viewsJossy Z Tewahido, 08:21
ክፈት / አስተያየት ይስጡ