2022-04-24 11:21:19
DU'AA KA'UMSA
(Resurrection)
"Kiristoos du'aa ka'e
Humnaa fi aangoo guddaan
Seexana hidhe
Addaamiin bilisa baase
Nagaan
Kana booda
Nagaa fi gammachuun ta'e"
#Kutaa_Xumuraa
....... Egaa Saaduqoonni warren du’aa Ka’umsatti hin amannee (Maarq 12:18) fi Yihudoonnii fi angafoonni lubootaa, Kiristoos akka waanta du’aa hin kaanee fakkeessuudhaaf yaalii guddaa gochaa turaniiru. Jalqabatti loltoota ciccimoo bakka awwaalcha gooftaa eeganiin, kanfaltii isiniif kennina, Kiristoos du’aa ni ka’e osoo hin taane, duuka bu’oota isaatu reeffa isaa osoo nuti rafnuu dhufanii hatan jedhaa jechuun du’aa ka’umsa gooftaa keenyaa ganan (Maat 28:11-15).
Barumsa jal'ootaa fi jarreen hamoo kanaa balleessuudhaaf duuka bu’oonni Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos sirriitti cimsanii waa’ee du’aa ka’umsa isaa barsiisuutti ka’an. Nutis dhugaa baatota du’aa ka’umsa Isaatiidha; (HDB 1:22) jechuudhaan humna cimaadhaan du’aa ka’umsa isaa ragaa ba’aa turan (HDB 4:33). Qulqulluun Phaawuloosis, Kiristoos warren du’aniif (muganiif) angafa ta’ee ka’eera, jechuudhaan barumsa du’aa ka'umsa Gooftaa fi du’aa Ka’umsa dhala namaa sirriitti barsiiseera (1Qor 15:20-55). Egaa dhugumatti Waaqayyoon keenya yeroo du’aa ka’uttis, lubbuun Isaa Si’oolitti kan hafte osoo hin taane, foon Isaas bosbosuu kan hin argine ta’uu dhugaa ba’uu qabaanna (HDB 2:31).
Gooftaan keenyas, du’aa ka’umsa isaa akka nuti hin shakkineef:
➸Qaamaan qaamatti Maariyaam ishee Maqdallaatti mul’ateera
➸Luqaasii fi Qaliyoophaattis (Kara deemtota Eemaawuusitti) of agarsiiseera.
➸Hin shakkiinaa, An ekeraa mitii, ekeraan qama lafee hin qabuu jedhee lukaa fi harkasaa itti agarsiise. Luq. 24:38-40
➸Toomaasiinis kunoo madaa koo quba kaa’ii ilaali jechuun itti agarsiiseera (Yoh 20:25-29)
Egaa waa’een du’aa ka’umsa Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos bu’uura cimaa kan ta’ee fi kan duuka bu’oonnillee barumsaanis ta’ee qaamaan tuqanii nuuf dhugoomsaniidha.
Kanaaf nutis du’a mo’ame Kanaan, “Yaa du’aa mo’ichi kee meerre? Waraantuun kee hoo jechuuf (1Qor 15:55), duuti du’aan du’uu fi du’a ka’umsa Kiristoositti sirriitti amanuu qabaanna. Akkuma hundee amantaa keenya irratti, “Guyyaa sadaffaatti du’a mo’ee ka’e” jennu, duuti karaa dhala namaa waanta dhufeef, du’aa ka’umsi karaa Kiristoosiin ta’eera (1Qor 15:21), jechuu qabaanna. Nutis du’aa ka’umsa lammataa kan amannu du’aa ka’umsa Gooftaa keenyaa yoo amanne qofaadha (Room 6:5).
Nuti warreen du’aa ka’umsa Kiristoositti amannu, Kiristoos dhugumatti du’aa ka’eera. Erga du’aa ka’ees guyyoota Afurtamaaf biyya lafaa irra foon waloomfateen deddeebi’eera jenna.
Akkuma hayyuun mana kirstaanaa Qulqulluun Atinaatewoos, “Du’aa erga ka’een booda, foon isaatiin kan hin dhukkubsannee fi kan hin duune ta’e jedhe, (Amantii Abbootii 25:24), nutis Waaqummaa isaa foon tokkummeeffateen jiraate jenna. Kanaaf, ergamoonni Seexanaa sobdoonni, Kiristoos hin kaane warreen jedhan waan jiraniif, warreen akkanaa kunniin amala gaarii waan balleessaniif hiriyoota hamoo akkasii irraa of eeggachuu akka qabaannu hubannee, (1Qor 15:32-33), akka ergamoota Waaqayyoo Isaan qulqulluu, Kiristoos akkuma dubbate ka’eera jechuu qabaanna.
Erga du’aa ka’ees Kiristoos dadhabaa miti; du’aa ka’umsaan booda akka bara foonummaa akka namaa sanatti ilaaluu hin dandeenyu. Luba irraan kan hafes eenyuu Isa hin tuqu; du’aan booda Waaqa gonkaawaa ta’eeraatii. Waktii foonii (ስጋ ወራት) kan jennu waktii Iyyasuus Kiristoos biyya lafaarra turee hojii foonii raawwachaa turedha (Ibr 5:7). Har'as fooniin jiraatullee garuu foon yeroo biyya lafaa ture mo'atamuyyuu inni har'aa garuu hin mo'atamu. Inni sun du'aa fi dhukkubsataa ta'us garuu har'a akkas miti.
Kanaaf hiikti yeroo foonawaa yeroo foon mo'atamaan lafarra ture du'aa ka'umsaan dura jechuudha. Qulqulluun Phaawuloos, ergaa isaa uummata Qoronxoosiif erge keessattis (2Qor 5:16), “Kiristoos fooniin kan barre ta’us ammaan booda garuu akkasitti hin beeknu” jedheera. Itti dabalees, “Kiristoos du’oota keessaa ka’ee, gara fuulduraattis akka hin duune;, duutis gara fuulduraatti akka Isa irratti aangoo hin qabne ni beekna” (Rom 6:9) jedheera.
713 viewsJossy Z Tewahido, 08:21