Get Mystery Box with random crypto!

Lalisa T Ayana CHANNEL

የቴሌግራም ቻናል አርማ lalisa_t_ayana — Lalisa T Ayana CHANNEL L
የቴሌግራም ቻናል አርማ lalisa_t_ayana — Lalisa T Ayana CHANNEL
የሰርጥ አድራሻ: @lalisa_t_ayana
ምድቦች: ብሎጎች
ቋንቋ: አማርኛ
ተመዝጋቢዎች: 3.41K
የሰርጥ መግለጫ

Eenyummaan kee kan madaalamu tilmaama namoonni siif kennaniin miti.
➢ Eenyummaan kee si keessa qofadha.
Thoughts from the Product Manager / CEO / Founder of @Qaroocompany
📥inbox @LalisaTAyana
🔵Facebook add ➡️ bit.ly/32A48B8
Website ➡️ www.Qaroo.org

Ratings & Reviews

2.33

3 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

2

2 stars

0

1 stars

1


የቅርብ ጊዜ መልዕክቶች 2

2022-07-09 21:26:45 Miltoo jijjiiramaaf

#share gochuu hin dagatinaa Galatoomaa

Follow my social media account

Facebook page http://www.facebook.com/lalisata.ta

Telegram channel T.me/Lalisa_T_Ayana
3.7K viewsLal isa, edited  18:26
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-07-09 21:26:35 Qaalii

#share gochuu hin dagatinaa Galatoomaa

Follow my social media account

Facebook page http://www.facebook.com/lalisata.ta

Telegram channel T.me/Lalisa_T_Ayana
2.8K viewsLal isa, edited  18:26
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-07-09 21:26:20 Kudhaama jaalalaa

#share gochuu hin dagatinaa Galatoomaa

Follow my social media account

Facebook page http://www.facebook.com/lalisata.ta

Telegram channel T.me/Lalisa_T_Ayana
2.3K viewsLal isa, edited  18:26
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-07-09 17:54:48
Hordoftoonni Amantaa Islaamaa Hundumti keessan, Hiriyyootikoo fagoofi dhiyoo baga Ayyaana IL Al Adah ( Arafa) nagaan geessan.

Ayyaana gaarii isiniif ha ta'u




▬▬▬▬▬▬ T.me/Lalisa_T_Ayana ▬▬▬▬

▬▬ Facebook Open ▬▬
2.3K viewsLeelloo OLA, edited  14:54
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-07-08 22:20:15 ​​Dr Hayilee Fidaa

Dr Hayilee Fidaa bara 1932 Wallagga Bahaa Naannoo Jimmaa Arjootti Abbaa isaa Obbo Fidaa Kumaa fi Haadha isaanii Aadde Guddinee Gadaa irraa dhalatan.Barnoota kutaa 1-5tti achuma Jimmaa Arjootti kan baratan yoo ta’u kutaa 6-8 Magaalaa Naqamteetti baratan.Yeroo sana akka biyyattiitti barattoota qorumsa biyyooleessaa kutaa 8tii qabxii olaanaan kanneen darban muraasa keessaa adda duree kan ta’e Dr Hayilee Fidaa Finfinnee geeffamuu dhaan Barattoota ciccimoo biyyattii kanneen biroo waliin mana barumsaa General Wingeet keessatti kutaa 9-12 barate.Qorumsa biyyooleessaa kutaa 12ffaas qabxii Afur fiduu dhaan adda dureen barataa badhaafame dha Dr Hayilee Fidaa.

Erga kutaa 12ffaa qabxii olaanaan xumuree booda mootiin Haayile Sillaasee “….ati kana caalaa kutaa galtee akka barattu gochuun ofumaa of dhamaasuu dha ati gaafuma dhalatte garaa haadha kee keessatti barnoota xumurtee dhufte waan ta’eef dhaqii warra kaan barsiisi….” jedhee gara magaalaa Hararitti erge .

Turtii muraasa booda Harar irraa Finfinneetti deebi’uu dhaan Yuuniversiitii Finfinneetti gosa barnootaa Geology and Physics jedhamuun digirii jalqabaa kan fudhate yoo ta’u digirii 2ffaa fi 3ffaa Biyya Faransaayitti gosa barnootaa Sociology and Social Anthropology jedhamuun fudhate.

Dr Hayilee Fidaa bakka deemu hundatti biyya alaattis ta’e biyya keessatti dhimma Siyaasaa irratti dammaqinaan kan hirmaachaa ture yoo ta’u gaaffiin uummata Oromoo yeroo sanaa akka deebii argatuuf namoota dhuunfaanis ta’e garee dhaan carraaqaa turan keessaa Dr Hayilee Fidaa isa tokko dha.Paartii Siyaasaa kufaatii Dargiitiif sababa kan ta’ee fi Oromoonni hedduun kan keessa turan paartii “MEISON” namoota ijaaran keessaa tokko kan ta’e Dr Hayilee Fidaa harka lafa jalaan Mootummaa kuffisuuf jettu jedhamanii Oromoota ciccimoo kanneen biroo waliin bara 1975 qabamanii mana hidhaa seenan.

Ilaalcha Siyaasa Oromoo yeroo ammaa kana guddatee jiruu fi Oromoo hedduun kan irratti walii galtu Biyyooleessummaa(Oromo Nationalism) kanneen bifa qabsiisan keessaa adda duree kan ta’e Dr Hayilee Fidaa bara 1975 qabamee hidhamuu isaarraan kan hafe jiraachuuf dhiisuu isaa maatiin illee kan hin beekne yoo ta’u isa waliin Paartii MEISON keessaa qabamee mana hidhaa tokkotti kan hidhame namni Andaargaachoo Xuruneeh jedhamu Dr.Hayilee Fidaa erga qabamee hidhamee waggaa lama booda “Red Terror(qey shibbir) jedhamuu dhaan bara 1979 akka ajjeefame ragaa ba’eera.

Oromoota ciccimoo duuti isaanii hanga ammaatti sirriitti hin beekamne hedduu keessaa Dr Hayilee Fidaa fi Nadhii Gammadaa yoom iyyuu kanneen dagataman miti.Dhaloonni ammaa kunis yoo xiqqaate Qubee Afaan Oromoo isaan dhiigaan asiin ga’an kana seeraan itti fayyadamuu dhaan dhaloota itti aanutti dabarsuun dirqama seenaati!!

Qubeen siin Afaan boollaarraa deebi'e.

Hayyuu fi Waaqni ofii olitti ilaalamee sodaatama; jaalatamas. Hayilee Fidaa. Hardhaa Siidaa lafarraa argattee. Siidaan Onneerraammoo Qubeedha.

#share gochuu hin dagatinaa Galatoomaa

▬▬▬▬▬▬ T.me/Lalisa_T_Ayana ▬▬▬▬

▬▬ Facebook Open ▬▬
2.6K views,000, edited  19:20
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-07-03 21:30:30 #repost

Namicha Hiyyeessaa Fi Imaltoota

➥ Namicha hiyyeessa tokkotu baay'ee rakkachuu irraan kan ka'e gasoodhan lafa qofforee midhaan facaafata. Imaltoonni wayii itti dhufanii "Maali namichoo akkamitti akkasitti dadhabdee lafa kana gasoodhan qottee facaafta sitti hin ulfaatuu?" jedhaniin.

◇ Namichis "kunis ni darba" jedheen. Kana caalaa deebii biraa itti hin deebifne. Imaltootni sunis deebii namichaatti ajaa'ibsiifanii bira kutanii imala isaanii itti fufan.

◇ Waggaa muraasa booda namichi sun sooromee qabeenya horatee jireenya gaarii jiraachuu jalqabe. Guyyaa biraa tokko imaltonni sun ammas osoo karaa deemanii aduun itti dhiinan mana namicha wayii nu bulchaa jedhanii kadhatanii buluuf ol galan. Taa'anii buna dhugaa haasawanii yoo wal qoratan namichi hiyyeessi gasoodhan lafa qotu sun akkasitti baay'ee sooromuun isaa raajii guddaa itti ta'ee akkamitti akkasitti sooromte garuu jedhanii yoo gaafatan "Kunis hin darba" ittiin jedhe namichi sooressichi sun.

◇ Isaanis achi bulanii daandii imala ofii itti fufan. Yeroo dheeraa booda imaltoonni sun daandii sanarra deebi'anii otoo galuuf jiranii Siidaa (Awwaala) nama tokkoo arganii itti goranii yoo maqaa ilaalan namicha sooressa mana isaa bulaniidha.

◇ Maqaa isaa jalatti jecha "KUNIS NI DARBA" jedhutu barreeffamee jira. lmaltoonni sun jecha kana gaafa argan isa inni gaafa gasoodhan lafa qotuu san yaadatanii baay'ee ajaa'bsifatanii du'uu isaatti immoo gaddanii "ayii!" jechaa imala isaanii itti fufan. ammas yeroo murtaa'en booda imaltootni sun yoo daandii sanarra dhufan Siidan sun kaafamee daandii asphaaltii ta'ee jira.

➦ Yaa nama koo inni ati amma keessa jirtu rakkina osoo hin taane daandii jireenyaa dirqama ati keessa darbuu qabduudha. Kanaaf deemsa kee hin dhaabin fuulduratti deemi!

➦ Wanti hin darbine akka hin jirre seenaa namicha kanaatirraa ni hubatta jedheen amana. Kanaaf imalli hundumtuu ni darba. Abdii hin kutin!

View website

#share gochuu hin dagatinaa Galatoomaa

▬▬▬▬▬▬ T.me/Lalisa_T_Ayana ▬▬▬▬

▬▬ Facebook Open ▬▬
2.8K viewsLeelloo OLA, edited  18:30
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-07-03 21:20:36 JECHOOTA BEEKTOTAA!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
■ "Hiyyeessa taatee yoo dhalatte balleessaa kee miti, hiyyeessa taatee yoo duute garuu balleessaa keeti."
— (Biilii Giraam)

■ "Maatii irraa dhalatte filachuu hin dandeessu ijoollee sirraa dhalataniif garuu haala mijeessuu ni dandeessa."
— (Biilii Giraam)

■ "Namoonni waan tokko hojjechuuf yaalanii kufan, warra homaa utuu hin hojjetin milkaa'an irra ni caalu."
— (Looyid Joonsi)

■ "Muka ija qabutti dhagaan baay'ata."
— (Shiikeeraa)

■ "Karaa si baasu hin beektu taanaan deemsa hin eegalin."
— (Ingilizoota)

■ "Nama hundumaaf gaarummaa yaadi, garuu hiriyyaa filadhu."
— (Giriikota)

■ "Rabbi gurra lamaa fi afaan tokko nuuf kennuun isaa baayyee dhaggeeffachuu fi xiqqoo dubbachuu akka qabnu nu hubachiisuu dhaafi."
— (Araboota)

■ "Beekumsi nyaata lubbuuti."
— (Pilaatoo)

■ "Amala nama tokkoo yoo baruu feete aangoo yookiin taayitaa kenniif."
— (Abrahaam Liinkan)

#share gochuu hin dagatinaa Galatoomaa

▬▬▬▬▬▬ T.me/Lalisa_T_Ayana ▬▬▬▬

▬▬ Facebook Open ▬▬
2.2K viewsLeelloo OLA, 18:20
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-06-29 20:21:32
Harreen diidootti duulteef
Haroo dhugaa gogsaaree
Gaarri shiraan tuulameef
Biiftu baatu dhoksaaree
Lubbuu biliqa baatuuf
Maafan gola naanna'aa
Biyya koof falmee du'een
Taaddee biruukoo ta’a
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬

Keessa kiyyattan dhiiga
Na waraananuu hin dhiigu
Haalli natti jabaattus
Olii gadis hin fiigu
Du'eetan bada malee
Ijaarsa hayyuu hin diigu.
--
Ibsaa gaafa dukkanaa, hojiin kee barbaraan jiraata!!


▬▬▬▬▬▬ T.me/Lalisa_T_Ayana ▬▬▬▬

▬▬ Facebook Open ▬▬
2.7K viewsLeelloo OLA, edited  17:21
ክፈት / አስተያየት ይስጡ