Get Mystery Box with random crypto!

​​Dr Hayilee Fidaa Dr Hayilee Fidaa bara 1932 Wallagga Bahaa | Lalisa T Ayana CHANNEL

​​Dr Hayilee Fidaa

Dr Hayilee Fidaa bara 1932 Wallagga Bahaa Naannoo Jimmaa Arjootti Abbaa isaa Obbo Fidaa Kumaa fi Haadha isaanii Aadde Guddinee Gadaa irraa dhalatan.Barnoota kutaa 1-5tti achuma Jimmaa Arjootti kan baratan yoo ta’u kutaa 6-8 Magaalaa Naqamteetti baratan.Yeroo sana akka biyyattiitti barattoota qorumsa biyyooleessaa kutaa 8tii qabxii olaanaan kanneen darban muraasa keessaa adda duree kan ta’e Dr Hayilee Fidaa Finfinnee geeffamuu dhaan Barattoota ciccimoo biyyattii kanneen biroo waliin mana barumsaa General Wingeet keessatti kutaa 9-12 barate.Qorumsa biyyooleessaa kutaa 12ffaas qabxii Afur fiduu dhaan adda dureen barataa badhaafame dha Dr Hayilee Fidaa.

Erga kutaa 12ffaa qabxii olaanaan xumuree booda mootiin Haayile Sillaasee “….ati kana caalaa kutaa galtee akka barattu gochuun ofumaa of dhamaasuu dha ati gaafuma dhalatte garaa haadha kee keessatti barnoota xumurtee dhufte waan ta’eef dhaqii warra kaan barsiisi….” jedhee gara magaalaa Hararitti erge .

Turtii muraasa booda Harar irraa Finfinneetti deebi’uu dhaan Yuuniversiitii Finfinneetti gosa barnootaa Geology and Physics jedhamuun digirii jalqabaa kan fudhate yoo ta’u digirii 2ffaa fi 3ffaa Biyya Faransaayitti gosa barnootaa Sociology and Social Anthropology jedhamuun fudhate.

Dr Hayilee Fidaa bakka deemu hundatti biyya alaattis ta’e biyya keessatti dhimma Siyaasaa irratti dammaqinaan kan hirmaachaa ture yoo ta’u gaaffiin uummata Oromoo yeroo sanaa akka deebii argatuuf namoota dhuunfaanis ta’e garee dhaan carraaqaa turan keessaa Dr Hayilee Fidaa isa tokko dha.Paartii Siyaasaa kufaatii Dargiitiif sababa kan ta’ee fi Oromoonni hedduun kan keessa turan paartii “MEISON” namoota ijaaran keessaa tokko kan ta’e Dr Hayilee Fidaa harka lafa jalaan Mootummaa kuffisuuf jettu jedhamanii Oromoota ciccimoo kanneen biroo waliin bara 1975 qabamanii mana hidhaa seenan.

Ilaalcha Siyaasa Oromoo yeroo ammaa kana guddatee jiruu fi Oromoo hedduun kan irratti walii galtu Biyyooleessummaa(Oromo Nationalism) kanneen bifa qabsiisan keessaa adda duree kan ta’e Dr Hayilee Fidaa bara 1975 qabamee hidhamuu isaarraan kan hafe jiraachuuf dhiisuu isaa maatiin illee kan hin beekne yoo ta’u isa waliin Paartii MEISON keessaa qabamee mana hidhaa tokkotti kan hidhame namni Andaargaachoo Xuruneeh jedhamu Dr.Hayilee Fidaa erga qabamee hidhamee waggaa lama booda “Red Terror(qey shibbir) jedhamuu dhaan bara 1979 akka ajjeefame ragaa ba’eera.

Oromoota ciccimoo duuti isaanii hanga ammaatti sirriitti hin beekamne hedduu keessaa Dr Hayilee Fidaa fi Nadhii Gammadaa yoom iyyuu kanneen dagataman miti.Dhaloonni ammaa kunis yoo xiqqaate Qubee Afaan Oromoo isaan dhiigaan asiin ga’an kana seeraan itti fayyadamuu dhaan dhaloota itti aanutti dabarsuun dirqama seenaati!!

Qubeen siin Afaan boollaarraa deebi'e.

Hayyuu fi Waaqni ofii olitti ilaalamee sodaatama; jaalatamas. Hayilee Fidaa. Hardhaa Siidaa lafarraa argattee. Siidaan Onneerraammoo Qubeedha.

#share gochuu hin dagatinaa Galatoomaa

▬▬▬▬▬▬ T.me/Lalisa_T_Ayana ▬▬▬▬

▬▬ Facebook Open ▬▬