Get Mystery Box with random crypto!

Kello Media

የቴሌግራም ቻናል አርማ kellomediaw30 — Kello Media K
የቴሌግራም ቻናል አርማ kellomediaw30 — Kello Media
የሰርጥ አድራሻ: @kellomediaw30
ምድቦች: ፖለቲካ
ቋንቋ: አማርኛ
ተመዝጋቢዎች: 4.40K
የሰርጥ መግለጫ

Jeedala ta'ee wagga 100 jiraachuu irra qeerransa ta'ee guyyaa aade du'uu naaf wayya
Hundumtuu guuteet miti
Irra keessa kolfinaa
Kan kaleessaayyu hin qoorre
Madaa keenya hin horfiinaa!
we love Our flag!🟥🟩🟥

Ratings & Reviews

2.67

3 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

1

3 stars

1

2 stars

0

1 stars

1


የቅርብ ጊዜ መልዕክቶች 2

2022-07-03 18:56:58 Uffata daaree dheebodhee
Hagabee ani lubbuu dhabee
Fira lagatee gaafas najibbee
Areera galaa naaf quudhuu dhabee
Muuxa kamiitu garaa laaffisee
Har'a boochisee?

Isiniin baanaa dhagayaa mee...
Yaa warra nyaqqisee dhara naaf booyuu
Imimmaan toohee gadda afaanii
Kagaraa keessaa hinqabne naatooyuu
Warra if'qolummaan doomsite
Qalbiidhaafi surriin dhamaayyuu
Arraamii gadduun fira ufiitii
Sinittiin himaa...
Ta arraa tun gubaala
Duraan hafte naasuun firummaa
Mataa keessanii
Jajuu dahachuu yoo taate malee
Naan gootu homaa

Dhukkubaan garaa itilleetti galee
If dadhabee anaa halawwatee ciisu
Guyyaadhaa silaa gargaarsi keessan
Ana feesisuu...
Isinirraa dhabe sihaa dhinsuu
Arra reefkakoorraa
Iyyuuf qaaquun keessan
Waa homaa naan hiiysu

Gammaddanii baga wal afeerrattani
Nan sababsatiinaa
Fanxasiyyaadha tun
Waywaata dharaatiin
Ciisa nan kutiinaa
Anaa hagabuun du'e
Deega sangaa gangalchuun
Naaf arraba qishnaa!

Walaloo: Abdii Qophee (Abdii Mohammad Yusuuf)
Yeedaloofi Wallisaan: Kadir Sa'id
Barreeffamatti kan jijjiire Diinaa'ol Abdulkariim!

Warra ajandaa mataa isaa sochoofachuuf jedhee, gaafa qabsaa'aan kufu fira fakkaatee boo'uufi warreen injifannoo WBO gaafa dhagahu mataa lafa keessa dhokfatee achi garagaluufi gaafa wareegama gootichaa dhagahummoo akka bofaa mataa lafa keessaa ol'luqqaafatee dubbatuuf fakkeenya tokko kun!
846 views15:56
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-07-03 18:50:00
Komaander Nuguseen ilma isaa Suuqiitti ergee ofiimmoo ofumaan Samiitti of erge.

Ajajaa Poolisii Godina Gujii Lixaati. Nugeen akkas gochuu hin qabu ture.
718 views15:50
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-07-03 18:48:51 WBOn zoonii kibbaa konyaa Gujii Lixaa aanaa Malkaa Soddaa magaalaa Soddaa keessatti injifannoo addaa galmeesse jira.
686 views15:48
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-07-03 18:47:46 Waraanni bilisummaa Oromoo Arsiif Balee keessattis dhugaa dubbachuuf pp afuura kutee dhiibbaa dhiigaa itti ta'ee jira.

Akkasumas waraanni bilisummaa Oromoo yeroo ammaa Arsii keessatti dalagaa jiruun uummata siikkoo mandoo waliin akka malee wal jala yaa'uun waan gidduma kana arsii keessa nanneessee ilmaan pp ijibbaachisaa ture.
Kanarraa ka'uun PPn Arsiif Baleen nu harkaa bahaa jiru jettee wali gadi fiigaa olola uumuuf karaa garaa irra hin darbineen as baatee jirti.

Kana qofaa miti guyyaa yaadannoo wareegama Artist Hacaaluu uummanni Arsii aanaa shirkaa magaala gobeessaa keessatti warraaqsa dhooheen abbaan biyyaa WBO dha; Oromoon Marroo filate down down Abiy jechuun balaaleffannaa argisiisaan sun ilmaan girrisaa itiyoophiyaa suphuuf mucaa diimaa jala fiigaan akka malee aarsuun afaan isaan qabsiisee ture.

Sodaa kanaan ilma dhiiraa goota Oromoof Oromiyaa bilisoomsuuf manaa bahee meeqa kukuffisee kufe Jaal Ustaz Kaamaal Hebboon amantiifi gandatti galchuun shiraa shirtee jaalala uummanni siikkoo mandoo akkuma Oromiyaa kutaa 11 sana WBOf argisiise doomsuuf ilmaan you tuber fi garbummaa o'ifattee uummata keenya akka waraana isaarraa abdi kutatu dallaaltuun pp shiraan as baate.
Jawar garuu deemsa kanaan eessa akka gahu teenyee walumaan ilaalla.
678 views15:47
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-07-03 18:46:49 Akka itti diinni nu ilaalu utuu hubannee gandaafi amantiin wal hin nyaannu turre!
640 views15:46
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-07-03 18:44:57
Nama kaleessa Arsii keessatti jaallan nama kudha tokkoo nyaata kennee bakka jarri nyaata nyaatanitti bombii itti darbee fixetu shaneen duruu Arsii hin jaalattu jedhee fbkarraa ashaangulliitii boochisaa geerrara!
Maa wal sobna hiriyyaan jaal kamaal heebboo kan mataa shurrubbaa suni Arsii keessatti jaallan isaa nama 11 waliin bakka isaan waa nyaatanitti uummanni bombii ppii irraa fuudhee itti darbee hin ficcisiifnee? Jaallan mana Abbaa oromooti jettee itti gortee nyaata irraa nyaatterratti gochaa suukaneessaa san hojjachuun gantummaa mitii? Osoo beeynu huba wajjiin nyaanna jette....reen! Jaallan dhiiraa torbaafi shamarran 3di akka itti nyaatamteef bakka itti nyaatamte osomaa beeynu akka nama hin beeyneetti cal'ifne. Garuu wareegamni qaqqaaliin suni kan kafalameef ani du'ee sabni koo bilisaan haa jiraatuufi malee dantaa dhuunfaa ufiitiif jaallan suni wareegama qaqqaalii akkasii san hin kafalle.
650 views15:44
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-07-03 18:43:22 Hawwiin Waraana Bilisummaa Oromoo Koonyaa Kibba Baha Oromiyaa keessaa buqqisuuf taasifamu tasumaa hin milkaa'u.Uummatni Oromoo Sikkoof Mandoo,akkuma Oromoo bakka kaanii Jaalalaf Kabaja Waraanasatiif qaba.Waraanasa waliinis aarsa baasa as gahe.
Olollifi wacii Girrisoota Gurbaa Diimaan ijaarun nurratti duulchisuu Uummata Oromoo Arsiif Baalee bakka bu'u hin danda'u.
Eenyu akka nu diiguf karaa dhabee olola kanan carraa argatee waan qabu of keessaa bulgaafate baga argine.
OROMIYAAN BIYYA!
633 views15:43
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-07-03 18:43:11 Hawwiin Waraana Bilisummaa Oromoo Koonyaa Kibba Baha Oromiyaa keessaa buqqisuuf taasifamu tasumaa hin milkaa'u.Uummatni Oromoo Sikkoof Mandoo,akkuma Oromoo bakka kaanii Jaalalaf Kabaja Waraanasatiif qaba.Waraanasa waliinis aarsa baasa as gahe.
Olollifi wacii Girrisoota Gurbaa Diimaan ijaarun nurratti duulchisuu Uummata Oromoo Arsiif Baalee bakka bu'u hin danda'u.
Eenyu akka nu diiguf karaa dhabee olola kanan carraa argatee waan qabu of keessaa bulgaafate baga argine.
OROMIYAAN BIYYA!
634 views15:43
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-07-03 18:42:27 Qabsoo oromoo galiin gahuuf ilaalchota farra warraaqsaa adda baafachuun waan gaariidha. Siyaasni oromoo jaarraa tokkoo oliif maltee siyaasa alagaatiin golboobee galii isaa hanqataa as gaheera. Sana keessatti qabsaa'onni qaaliin oromiyaaf aarsaa kaffaluu hin dhiifne, cimee itti fufa! Sanaaf immoo ulee ta'ee kan jara tajaajile wallaalaa keenyadha. Wallaalaan keenya yeroo hunda of hin hubatu, afaan alagaan isa barsiiseen sirbeetu geerara, garuu hiika geerarsa sanii fi galtee geerarsichi saba isaa irratti qabu hin hubatu. Garboomfataan warraqsa uummataa ofirraa dhaabsuuf farroota warraaqsaa suma keessatti boceetu ittiin si sakaala. Farreen warraaqsaa kun walitti bu'insa amantii, gandaan wal qooduu fi k kfn fa'i. Qabsoo bilisummaaf taasifamu keessatti warraqsi ganda osoo hin taane biyyaaf taasifama. Warraaqaan biyyaaf aarsaa kaffala malee gandi bakka buutee isaa miti. Warraaqtonni bilisummaa amantaa dhuunfaa isaanii haa qabataan iyyuu malee qabsoo geggeessan keessatti amanticha sabichaan bakka buusanii hin qabsaa'an. Gaafa wareegaman illee wareegama amantaa fi gandaa hin keessummeessan, kan isaanii biyya! Deggertoonni qabsaa'ota immoo wareegama gootichaa akkaataa galtee diinota warraaqsaatti gandaa fi amantaatti geessuun dhamaatii qabsaa'otaa qilee nyaachisuun goolii gaarii of keessa calaasuudha. Oromiyaa jennee baanee gandaa fi amantaa jennee hin gallu!

Oromiyaan Biyya!
Guyyaa Gaarii!
648 views15:42
ክፈት / አስተያየት ይስጡ