Get Mystery Box with random crypto!

Waraanni bilisummaa Oromoo Arsiif Balee keessattis dhugaa dubb | Kello Media

Waraanni bilisummaa Oromoo Arsiif Balee keessattis dhugaa dubbachuuf pp afuura kutee dhiibbaa dhiigaa itti ta'ee jira.

Akkasumas waraanni bilisummaa Oromoo yeroo ammaa Arsii keessatti dalagaa jiruun uummata siikkoo mandoo waliin akka malee wal jala yaa'uun waan gidduma kana arsii keessa nanneessee ilmaan pp ijibbaachisaa ture.
Kanarraa ka'uun PPn Arsiif Baleen nu harkaa bahaa jiru jettee wali gadi fiigaa olola uumuuf karaa garaa irra hin darbineen as baatee jirti.

Kana qofaa miti guyyaa yaadannoo wareegama Artist Hacaaluu uummanni Arsii aanaa shirkaa magaala gobeessaa keessatti warraaqsa dhooheen abbaan biyyaa WBO dha; Oromoon Marroo filate down down Abiy jechuun balaaleffannaa argisiisaan sun ilmaan girrisaa itiyoophiyaa suphuuf mucaa diimaa jala fiigaan akka malee aarsuun afaan isaan qabsiisee ture.

Sodaa kanaan ilma dhiiraa goota Oromoof Oromiyaa bilisoomsuuf manaa bahee meeqa kukuffisee kufe Jaal Ustaz Kaamaal Hebboon amantiifi gandatti galchuun shiraa shirtee jaalala uummanni siikkoo mandoo akkuma Oromiyaa kutaa 11 sana WBOf argisiise doomsuuf ilmaan you tuber fi garbummaa o'ifattee uummata keenya akka waraana isaarraa abdi kutatu dallaaltuun pp shiraan as baate.
Jawar garuu deemsa kanaan eessa akka gahu teenyee walumaan ilaalla.