Get Mystery Box with random crypto!

Safaricom ETHIOPIA

የቴሌግራም ቻናል አርማ gumi5 — Safaricom ETHIOPIA S
የቴሌግራም ቻናል አርማ gumi5 — Safaricom ETHIOPIA
የሰርጥ አድራሻ: @gumi5
ምድቦች: ያልተመደበ
ቋንቋ: አማርኛ
ተመዝጋቢዎች: 4.28K

Ratings & Reviews

2.67

3 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

1

4 stars

0

3 stars

0

2 stars

1

1 stars

1


የቅርብ ጊዜ መልዕክቶች

2022-09-29 07:28:05
67 views04:28
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-09-26 06:02:08 Dhiyeenya kanas ijoollee bakka guddisaa keessa jiraniis bishkiliitii gumaacheera. Akkasumas namoota fuulduraan koroonaavaayirasii qolachuu irratti hojjetaniifis meeshaalee ittisaa PPE gumaachee ture.

Fireediin waa'ee jireenyaa irratti gorsa guddaan mucaa isaa durbaa xiqqoof kennu yoo jiraate ''abdii hin kutatiin, adunyaan akkaataa kamiin yoo si ilaaltes homaa miti,'' jireenya nama argitee hunda irratti dhiibbaa gaarii tahe fiduuf yaali kan jedhudha jedhe.

Kun ergaa abbaan Fireediifi gargaaraa isaa kan ture Naataan, yeroo hundaa itti waliigalu ture


BBC dha maddii
602 views03:02
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-09-26 06:02:08 Muuxannoo isaa yeroo waggaa saddet ture Joorjiyaa deemuun eessuma haadha isaa daawwachuu deeman kan arge irraati.

''Yeroo achi geenyu abbaakoo fi haatikoo barrii fuulduraa rukutan. Garuu gara balbalaatti dhufee hin banuu hin dandeenye,'' jedhe.

Abbaakoo akkas na jedhe, ''Fireed mee karaa foddaa yaabbadhuu seeniitii balbala bani'' jedhe. Yeroo ol galan firri isaanii taa'umsa abidda cina jiru tokko irra taa'aa ture argan. Yeroo ilaalan fayyaa fakkaata.

''Abbaan koo ol galee waan jedhe nan yaadadha- Abbaankoo haadhakoo waamuun akkas jedhe, ''Beetii Maayii, innoo du'eera.''

Firri Fireediifaa kun dhibee sukkaaraa cimaan qabamee kufuun du'eera.

Yeroo waa'ee nama dhibee sukkaaraan qabamee tokko yoo yaaddu, yeroo hamma sukkaara isaanii safaran galmeessanii kaa'uu qabu. Eessuma koo kan baadiyaa keessa jiraatuuf ammoo osoma galmeessee kaa'eeyyuu achitti namni kana ilaalee kaa'u hin jiru,'' jedhe Fireediin.

Umurii ganna 22'n safartuu hamma sukkaaraa ' glucometer ' kan hamma sukkaaraa nama sanaa safaree aluma sana waan dubbise sana fira dhiyootti erguun akka galmaa'u gochuun hakiimni akka dubbisu godhu kalaqe.

Yoo hammi sukkaara nama sanaa fayyaalessa miti tahe akeekkachiisa fira isaa sanatti erga, meeshichi.

Garuu Fireediin sadarkaa pirojektii guddaatti hojjechuu jalqabe. Jiraattotni baadiyaa Ameerikaa hedduun tajaajila interneetii 2G, yookaan 3G akka hin qabne beeka ture. Kuweensii keessa ammayyuu uummatni tajaajila interneetii bilbila irraa saffisa dadhaba qabu fayyadamu.

Naannoo kanatti tajaajila qunnamtii ammaayyaa'aa tahe fiduu barbaade. Bara 2008 tajaajila teelekoomii mataa isaa jalqabuuf iyyata Komishinii Kominikeeshinii Federaalaatti [FCC] galfachuun akka eeyyamaniif gaafate.

'' Iyyata dhaabbilee gurguddoon telekoomii gara baadiyaa uummata 1,000 gadi qabduu dhufuun qabeenya isaanii bu'uuraalee misoomaa irratti akka hin dhangalaasne ibsun galche,'' jedhe.

Salphaa hin turre. Yaalii 394 itti fudhateera. Maallaqa guddaas isa gaafateera. Garuu bara 2011 keessa umurii ganna 21'n Firrediin Ameerikaa keessatti nama umurii dargaggummaa irra jiru jalqabaa tajaajila telekoomi sochoosu tahe.

Akka gabaasa NBCtti, tajaajili telekoomii Fireed biyyattii keessatti kampaanii nama gurraachaan qabame tokkichadha.

Gara jalqabaa Fireediin hojii irra caalaa isaa ofumasaan hojjeta ture. Gamoo guddaa moobaayila isaaf hundee isaa kaa'uutii hanga sarara tajaajila interneetii diriirsuutti.

Firedii, Haadha warraa isaa Nataliyaa fi intala isaa
Ibsa waa'ee suuraa,
Firedii, Haadha warraa isaa Nataliyaa fi intala isaa

Tajaajila telekoomii isaa Kaaba Filooriidaa fi Kibba Joorjiyaatti, osoo Kuweensii irraa hin fagaatiin jalqabe. Kaampaaniin isaa ariitiidhaan guddate. Bara 2014 keessa Fireediin tajaajila ismaartifoonii 'smartphone' jalqabe. Figersi F1, kan jedhamu yoo tahu, meeshaa sochii dubbisuun gara 'naga qabeessatti' [safe mode] deebisudha. Namootni osoo konkolaachisaa jiranii akka ergaa gabaabaa walii hin ergine kan ittisudha.

Figersi F3 kan bara 2019 gabaa irra oole ammoo chiippii shuboo malee moobayila harkaa chaarjessu of keessaa qaba. Yoo bilbillichi fageenya meetira shan irratti chaarjerii haadhoo irraa fagaatee jiraate akkasumatti akka chaarjii fudhatu godha. Knaaf beekamtii fudhachuuf FCC irraa eeggachaa jira.

Gurgurtaan F3 garuu falmii kan kaase yoo tahu maamiltotni isa duraan hojjetame F1 irraa waan baay'een hin fooyyofne jedhani kaasan.

Firrediin BBCtti akka himetti, ''kaayyoon keenya amanamummaa fi iftoominaan, meeshaalee qulqullinaafi ammayyaa'oo tahan gatii madaalamaan dhiyeessuudha.''

Haati Fireedii amma ganna 83 tahan, amma dhibee Alzemirsiin qabamaa jiru. Waan hojjete kana hundatti akka boontu himee, giluukometiriin silaa lubbuu abbaa ishee oolchuu danda'u sana ammoo adda tahuu hima.

Fireediin abbaa alangaa kan taate Nataaliyaa bara 2015 fuudee intala umuriin xiqqoo tokko qabu. Qabeenya isaas gaggeessaa akkasumas faawondeeshinii barnoota, fi eegumsa fayyaa irratti invest godhus banuun hojjechaa jira. Ijoollee fi maatii miidhamoo tahanis gargaaraa jira.
551 views03:02
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-09-26 06:00:34 Gaaf tokko gara ganama sa'a lama taha. Abbaan koo gara biyyoota Lixaatti'Gunsmoke' kan jedhamu jaallata ture. Gara ciisichakoo dhufe. Inni taatoo fiilmichaa utubaa tahe Maat Diiloon of sehe. Qawwee harkatti qabateera. Akkas na jedhe.... ''akka magaala kanaa baatun barbaada.''

Fireediin akka jedhutti, ''xiqqoo dadhabsiisaa'' ture. Garuu qawwicha harka isaa irraa fuudhuun gara kutaa ciisicha isaatti galchee achitti gadi isa qabe.

Yeroo ganama ka'u garuu Naataan deemeera. Kun mallattoo dhibee Alzemirsi biraa yoo tahu duras akkasuma taheera.

Al takka takka uffata isaa guutuu uffachuu dagachuun akkasumatti baha. Kophee isaa garuu ni kaawwata ture. Waan kun kalaqa Fireediin bu'aa jalqabaa ittiin argateef isa kakaase.

Kanaafuu kophee abbaakoon argadhe. Soolee isaa kuteen banaa godhe. Keessa isaatti dabarsa aannisaa [circuit board] hojjechuun sagalee guddistuu humna meegaaherzii 90 qabu, maayikiraafoonii, networkii shuboo qabu waliin kophee isaa keessa kaa'e,'' jedhe Fireediin.

Sana ammoo laaptoopiikoo waliin walan qunnamsiise. Kun kaartaan guugil yookaan kaartaan Appil osoo hin dhufiin duradha. Sana ammoo karaa TomTom, miidiyaa Gaarmin walan qunnamsiise.

''Abbaanko callisema deema, Yeroo kana laappitooppiikoo irraa tuquun, 'hey abbaa, eessa jirta? Karaa sagalee guddistuu kophee isaa keessaan seenuun dhagahama. Innis akkas jedha, Fireed, bakkan jiru hin beeku!''

Fireed sana booda GPS fayyadamuun barbaadee bakka inni jiruu isa fida ture. Kana yeroo saddet ol hojjechuu hime.

Fireedii Fiiger ijoollummaa isaatti
Ibsa waa'ee suuraa,
Fireedii Fiiger ijoollummaa isaatti

Yeroo fayyaan Naataan akka malee gadu bu'aa deemu maatiin isaa akka bakka kunuunsaa ogeesotaan kennamu galu barbaadan. Fireediin garuu ni dide.

Kana irra abbaa isaa fudhachuun gara wal gahii biizinesii isaa deemuu jalqabe. '' Inni ana hin gatne, anis isa hin gatu,'' jedhe Fireediin.

Yeroo maamiloota isaa bira adeemu ammoo Naataaniin konkolaataa isaa keessa taa'umsa duubaa irratti dhiisuun, raadiyoo baneefii, qilleensa kan galchitu banee cufee deema.

Guyyaa tokko wal gahii irran ture. Karaa foddaan ala ilaale.... ooh waaqakoo, abbaankoo foddaa duubaa gadi qabuun yaabbatee baheera,'' jedhe Fireediin. Baay'ee naheen ture. Garuu ' Hey, deemuun qaba,'' jedhe.

Fireediin wal gahicha irraa fiigee bahuun abbaa isaa bakka dhaabbii konkolaataa cinaasa jiru taa'ee argate.

''Naataan yeroo umurii 81'n, Amajji 2014 du'u, Fireediin ammoo dargaggeessa ganna 24 ture.

'' Dhugumaan nan gadde,'' jedhe Fireediin. ''Sababni isaa ammoo waan ani godhu hunduu abbaakoo gammachiisuuf ture.''

Fireediin kophee ittiin bakka namni jiru argatan [shoe tracker] ofii kalaqe sana doolaara miliyoona 2.2'n gurgure. Naataan 7konkolaataa Foordi 1993 piik aappi taate fi bidiruu qurxummii ittiin kiyyeessuf argaartu qabachuu barbaada ture. Amma Fireediin kana bituufii danda'a. Garuu maal godha, ni barfate.

''Sun dhugumaan ijakoo bane, irraan baradhes, maallaqni homaayyuu miti meeshaa malee. Osoo asii hin deemiin humnakoon hundaan waan hundumaa hojjedhee adunyaa kana mijattuu gochuun barbaada,'' jedhe Fireediin.

''Abbaakoo yoon ilaalu, inni sooressa miti. Garuu jireenya nama baay'ee irratti jijjiirama guddaa fideera. Anis akkasuma nama argadhe biratti waan akkasii gochuufi waanin qabuun garaaruun barbaada.''

Fireedii Fiigers
MADDA SUURAA,FREDDIE FIGGERS
Sadarkaa kanatti, Fireediin meeshaa cimaa gara biraa tokko kalqeera.
402 views03:00
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-09-26 05:59:15 Waggoota muraasaan booda, carraan hojii kooding eegalame. Magaalli Kuweensii nama sirna lakkooftuu dhiibbaa bishaanii magaalichaa to'atu barbaaddi ture. Kaampaanichi sagantaa kompiitera san qopheessuuf $600,000 qopheessee ture.

Fireediin ni yaadata. Bulchaan magaalichaa ''Hey, nama kompiteraa Fireedii san, waan kana ni fura.''

''Kanaaf akkasan jedhe, Sir dhaggeeffadhu, yoo carraa isaa naaf laatte, anis sagntaa wal fakkaataa akkasiin qopheessa. Carraa isaa naaf kenninaan anis akkaataa isaan barbaadan sanaan hojjedheen qopheesseef. Kaffaltii $600,000 tahu hin arganne, kaffaltii akkuma duraa san fudheen manati gaaa ture.''

Kun jireenya Fireedii keessatti yeroo murteessaa ture. Umuriin isaa waggaa 15 ture. Amma mana barumsaa dhiisee bahuun biiizinesii kompitera mataa isaa banuuf murteesse- maatii isaaf rifaatuu ture.

Isaan barnootatti amanu, hojii, soorama, ani ammoo cancala sana cabsuun barbaade, waan addaa tokkon hojjechuu barbaade.'' jedhe.

Biizinesiin Fireedii cimaama deeme. Garuu wagootaan booda, Naataan dhibee Alzemirsiin qabame. Mallattoon isaa ammoo halkan walakkaa ka'uun waan TV irratti argee ture deebisee dubbata. Waan kana ''waan sodaachisaa jireenyakootti na mudate'' jedhe Fireediin.
339 views02:59
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-09-26 05:58:44 Abbaan koo yeroo hundaa yeroo nama gargaaru argaan ture. Keessummoota karaa irratti dhaabachiisee gargaaraa ture. Warra mana hin qabne nyaachisaa ture,'' jedhe.

'' Inni nama ajaa'ibaati, ofitti na fudhatanii na guddisan, anis akkasuma tahuun barbaada.''

Beetii Maa'eefi Naataan Fiigers
Xumura torbee irra Naataaniifi Beetiin naannoo '' balfi gatamu'' tokko irra konkolaachisaa turan- Wanti faayidaa qbau namootni gatan yoo jiraate barbaacha. Iji Fireedii kompiitera tokko irra bu'e.

"Kan tokkoof balfaa isa biraaf gatii jabeessa" jedhe Fireediin. ''Yeroo hundaa kompiitera nan jaalladha. Kompitera hojii barbaadaan ture garuu yeroo sana bituu hin dandeenyu ture.''

Dhuma irratti, yeroo umuriin Fireedii waggaa sagal guutu, suuqii meeshaan tajaajile itti gurguramu tokko bakka Guudwiil jedhamu dhaqan.

Achii kompitera cabaa Makintosh tokko bitanii galan. '' Nama gurguru san amansiisne.'' jedhe Fireediin. Innis, Hey, $24, siifan kenna na jennan fudhannee galle, baayyeen gammade.''

Raadiyoo, sa'aatii yookaan VCR kan Naataan walitti qabe walitti guuruu jaallatta. Amma kompiiteri Mac cabaan sun xiyyeeffannoo isaa taheera.

''Yeroon manatti argadhee naa dhufuu didu kompiitericha qofaattin fudhadha'' jedhe Fireediin.

'' Yeroon keessa isaa ilaalu kapaasiteroota caccabon arge. Qaama raadiyoofi sa'aatii abbaakoo diigee baaseen boordii isaa irratti walitti suphaa ture.''

Yaalii yeroo 50 booda, kompiiterichi hojjechuu jalqabe. Yeroo kana ture Fireediin jireenya teeknoloojii waliin dabarsuu akka qabu kan bare.

Fireedii Fiigers
"Kompiiterri sun madaa cunqorsaa san hundaa narraa fuute,'' jedhe.

Yeroo mana barumsaadhaa fuudhamu yeroo hundumaa '' dafee galee hamman kompiiterakoo waliin taphadhuttan ariifadha'' jedhe.

Yeroo umuriin isaa waggaa 12 tahu dandeettiin isaa kun namoota biroodhaan baramuu jalqabe. Mana barumsaa isaa keessattis yeroo ijoolleen taphatan inni ammoo kutaa qorannoo keessatti kompiteroota caccaban suphaa ture.

''Yoo qaamni kompiteraa haardweeriin isaa hojiin ala tahu kan biraan jijjiraan ture. Yoo kan 'memory' dabalataa barbaadu tahe ammoo RAM isaa dabala. Yoo madda aannisaa barbaada tahe amoo san baaseen jijjira,'' jedhe.

Daarikterri mana barumsaa isaa kantiibaa magaalaa Kuwaansii waan taateef yeroo inni kompiteroota suphee hojiitti deebisu arguun, akka inni maatii isaa waliin gara galma magaalichaa dhufu gaafatte.

''Yeroon galmicha galu kompiteroota baay'ee natti agarsiifte, Oh, waaqakoo gara kompitera 100 ni taha, hojii dhaabaniiru.'' 'Akka kompiteroota kannen suphitun barbaada'' na jette.

Yeroo sanaa eegalee, mana barumsaan booda kompiteroota kanneen suphaa ture. Sa'a tokkotti doolaara 12 argata ture. ''Dhuguma dhimma maallaqaa miti,'' jedhe. Hojiin jaalladhu hojechuuf argachuu koon jaalaldhe. Ittan bohaara.''
371 views02:58
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-09-26 05:55:21 Tahus jaalallli inni teeknoloojiif qabu asirratti jalqabuun nama kalaqaa, hojii uumuufi damee telekoomiin ammoo miliyenera adunyaa isa godhe.

Yeroo yaadni isaa kun jireenya isaa keessatti mul'achuu jalqabu namoota muraasa qofa ture fuulduree isaa kan tilamaamuu danda'an.

''Haalotni kee akka eenyummaakee murteessan hin eeyyamiin,'' Gorsa gabaabduu dargaggoo ganna 31 hojii uumuun beekamu Fireedii Fiigers namootaaf dhaame.

Yeroo umuriin isaa ganna saddet ture, Abbaa isaa Naataan haala dhaloota isaa irratti abbaa isaa gaafate. Deebiin isaas kan dagatamu miti.

'' Akkas jedheen,'' Dhaggeeffadhu, kallattumaanin sitti hima, Fireed. Haati si deesse si gattee ture. Anaafi Beetii Maayii gara kunuunsa daa'immaniitti si geessuu waan hin barbaanneef si guddifanne. Kanaaf ati ilmakooti.''

Fireediin daa'ima xiqqaa tahee bakka balfi gatamutti [bakka kuusaa balfaa guddaa] baadiyaa Filooriidaatti gatamuun argame.

'' Yeroo inni kana natti himu, tole, 'ani balfadha,' kanaaf nama barbaadamu miti jedhee natti dhagahame. Garuu gateettiiko irraan ofitti na qabee, akkas na jedhe, ' dhaggeeffadhu, haalli kun gonkumaa akka sitti hin dhagahamne.'''

Nataan Fiigersi hojii suphaa nama hojjetuudha. Beetii Mayii Fiigers ammoo hojii qonnaa hojjetti. Kuwaansii, baadiyaa Kaaba Filooridaa uummata 8,000 qofa qabdu keessa jiraatu. Umuriin isaanii waggaa 50 keessa jira.

Fireedii Fiigers Beetii Maa'ee waliin (mirgaan)
Ijoollee baay'ee kunuunsaa turaniiru. Garuu yeroo isa argatan reefuu dhalatee guyyaa lama qofa waan tureef ofitti fudhachuuf murteessuun guddifatan.

Fireediin jaalala inni barbaadu hundaa kennaafii akka turan hime. Garuu ijoolleen biroo Kuweensii keessa jiraatan isaaf gaarii hin turre.

''Ijoolleen na cunqursan [bully] turan. ''mucaa balfaa'' jechuun na waamu ture. 'Mucaa kuusaa balfaa, namni tokkoyyuu si hin barbaadu,' ati balfadha,'' na jedhu jedhe.

Yeroo konkolaataa mana barumsaa keessaa bahee deemu ijoolleen duubakoon dhufanii na qabanii na darbachuun kuusaa balfaa keessa yeroo na buusanii yeroo natti kolfan nan yaadadha,'' jedhe.

Bakka abbaan isaa eegee konkolaataa irraa fudhachuun mana galu gahe. Garuu ijoolleen Naataan abbaa isaas akkasuma itti baacu ture. Fireediin yeroo yaadatu, akkas jedhuun,' Ha Ha, ilaalaa jaarsa sana kuusaa balfaa waliin.

Hamma Fireediin beekutti, Naataaniifi Beetiin gototadha, fakkeenya gaariidha.
539 views02:55
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-09-02 00:50:46 Haala galmee isaa .
Jalqaaba link armaan olii kanaa banataa, ergaasi application play store irra buufta!
Sana booda Nii galmoofta email Kee Fi maqaa qofaa sii gafaata!
Dhumaa irratti immoo suura nama like gochuu coin 50 argamsiisa akkasuma suura barbaadan isiinis maxxansu dandessu yoo namni like godhu coin isiinif lakka'a!
Hubachisa kafaalti hin qabu .
$0.19 irra kaaste baasu Nii dandessa!
Inni biraa immo Link mataa keetin nama yoo affertu coin 15000 argattaa!
Inni coin 30000 yoo dalages kan isaa irra coin 25000 argatta!
Haala hojii isaa baay'ee salphadha!
610 views21:50
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-09-02 00:50:35 https://givvy-social.app.link/UWgLDyqUnrb
601 views21:50
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2022-08-15 05:09:52 Haala galmee isaa .
Jalqaaba link armaan olii kanaa banataa, ergaasi application play store irra buufta!
Sana booda Nii galmoofta email Kee Fi maqaa qofaa sii gafaata!
Dhumaa irratti immoo suura nama like gochuu coin 50 argamsiisa akkasuma suura barbaadan isiinis maxxansu dandessu yoo namni like godhu coin isiinif lakka'a!
Hubachisa kafaalti hin qabu .
$0.19 irra kaaste baasu Nii dandessa!
Inni biraa immo Link mataa keetin nama yoo affertu coin 15000 argattaa!
Inni coin 30000 yoo dalages kan isaa irra coin 25000 argatta!
Haala hojii isaa baay'ee salphadha!
1.1K views02:09
ክፈት / አስተያየት ይስጡ