2022-08-23 16:47:23
#EthiopiaCheck Fact Check
Odeeffannoowwan sobaa toorri Yuutuubii ‘Anaaf News’ jedhamu qoodaa jiru.
Yuutuubiin maqaa ‘Anaaf News’ jedhuun baname odeeffannoowwan sobaa garagaraa maxxansaa jira.
Chaanaliin Yuutuubii kun hordoftoota (subscribers) Kuma 91 ol kan qabu yemmuu ta’u Amajjii bara 2021 akka baname ragaan chaanalicharraa arganne mul’isa.
Odeeffannoowwan Oromiyaa fi Itoophiyaa ilaallatan akka dhiyeessu kan himu chaanaliin kun, viidiyoo oduuwwan miidiyaan OMN hojjeete ofkeessaa qaban baay’inaan qooda.
Haa ta’u malee chaanalichi matadureewwan oduu miidiyichaa keessa hinjirrefii qalbii namootaa hawwachuu danda’an fayyadama.
Matadureewwan chaanalichi fayyadamu kunneen soba ta’uu isaaniin dabalataan miira namaa kan jeeqan, jibbiinsa kan uumanfii kan nama kakaasanidha.
Fakkeenyaaf matadureewwan chaanalichi viidiyoowwan guyyoota muraasa darban keessa maxxanserratti fayyadame keessaa “oduu ammee Jawaar ajjeefamee qeerroon lola jalqabee, WBOn waraana PP Kuma 20 fixee Finfinnee seenaa jira, oduu gaddaa hatattamaa artiistootni Oromoo 10 ajjeefaman” kan jedhan ni argamu.
Chaanaliin Yuutuubii maqaa ‘Anaaf News’ jedhu qabu kun matadureewwan sobaa kunneen dabalataan viidiyoowwan maxxansu keessatti suuraawwan qabiyyeen isaanii jijjiirame (doctored images) baay’inaan fayyadama.
Hordoftoota argachuuf jecha miidiyaalee hawaasaa irratti matadureewwan fi suuraawwan qalbii namootaa hawwatan fayyadamuun waan baratamedha.
Haa ta’u malee matadureewwan fi suuraawwan sobaa fayyadamuun miidhaa guddaa qabaachuu waan maluuf miidiyaa hawaasaa irratti qabiyyeewwan garagaraa yemmuu qoodnu itti fayyadama jechootaafii suuraa irratti of eeggannoo gochuun barbaachisaadha.
Kana malees akkaawuntiiwwan, fuulawwan fi chaanaliiwwan miidiyaalee hawaasaa akka madda odeeffannootti ofitti fudhachuu keenyaan dura sirriifii amanamoo ta’uu isaanii yaa mirkaneffannu.
@EthiopiaCheck
6.0K views13:47