Get Mystery Box with random crypto!

“Taabota Qulqullummaa kee” kan jedhame Mana qulqullummaa kan j | ⛪✥HUNDEE AMANTAA✥⛪

“Taabota Qulqullummaa kee” kan jedhame Mana qulqullummaa kan jeedhame Foon keef bultoo kan taate jechuudha. Kiristoos Foon isaatiin "kunoo Mana Qulqullummaa kana diigaa" hin jennee? “Hoolichi Mana qulqullummaa isheeti” jedhamee hin barroofnee? Kanaaf "gara boqonnaa keetiitti ka'i atii fi taabonni mana Qulqullummaa keetii" jechuun Phaawuloos "gara boqonnaa isaatti galuuf haa jabaannu" akkuma jedhe " Yaa Gooftaa gara samii "boqonnaa kee" jedhamteetti ati qofaan kaatee hin hafiin Bultoo Foon keetii kan taate Haadha kees qabadhuu ka'i jechuudha.

Du'aa ka'uun Giiftii keenyaa namoota baay'ee mormisiisuun isaa akkam nama gadisiisaa? Kiristoos 'Ka'umsiifi Jireenyi ana' jedheera. Dhugamatti haati ka'umsa deesseef du'aa ka'uun ishee waan guddaadhaa? Haati jireenyaa jiraattuu taate yoo jedhamu nama dheekamsiisaa? Duuti kan du'e Ilma isheetiin mitii? Haadha jireenyaa duuti qabee hambise jedhamuun namni inni gammachiisu gargaartota du'aati. “Taabotni dubbattuun Waaqayyo keessa bule burkutooftee hafteetti jechuun; Taabonni Tsiyoon Filsxeem keessatti booji'amtee hafteetti" jechuun kan isa gammachiisu Firii gadameessa isheetiin kan burkutaa'e Diyaabiloos dha. Nuun ORTODOOKSOTA kan nu ajaa'ibu Du'uu ishee malee KA'UU ishee miti.

Qulqullu Yaaree "Duuti Maariyaamii nama hunda ajaa'iba akkuna jedhe, jireenya kan argamsiifte durbeen Maariyaam; Irreewwan Waaqa hammatan; jilbootni Teessuma Waaqayyoo Ta'an Du'aan injifatamuun isaanii akkam nama ajaa'iba? Du'aa ka'uun ishee garuu waanuma nutis eegnedha. Alaazaariin 'Alaazaar' 'Alaazaar' jedhee kan Waaqni kaase; Gooftaan du'a isaatiin guyyaa jimaataa namoota hedduu du'a kaase, Haadha isaa du'a kaase yeroo jedhamu kanneen dheekkaman kan akkamiidha?

Dhuga baatota lamaan kanneen jedhaman Eeliyaas fi Henook gara dachee kanaatti dhufanii erga barsiisanii booda ajjeefamanii "guyyaa sadii fi walakkaa booda Afuurri jireenyaa Waaqarraa ba'es isaanitti gale. Ka'aniis miilla isaaniitiin dhaabbatan...samii irraas sagalee guddaa gara kanatti as ol-ba'aa jedhu dhaga'an; utuu diinonni isaanii ilaalaniis gara samiitti ol ba'an. (Mul 11÷4-12)
Eeliyaasii fi Henookiin dhufaatii isaan dura lammata akka isaan hin duunetti du'aa kaasee diinota isaanii fuulduratti kan olbaasu Haadha isaa jaalleewwan isaa fuulduratti olbaaseera yeroo jedhamu dheekkamsaan mormuun maal jechuudha?
Akka Ilma isheetti ofii ishee samiitti olba'uu (Ascension) jechuunii fi ilmi ishee du'aa kaasee ofitti fudhate (Assumption) jechuu gidduu garaagarummaa jiru hubachuun yoo danda'ame Giiftiin keenya du'aa kaateetti jechuun maal wal nama mormisiisa? Eeliyaas isa bokkaa (rooba) dhorkeerra Durbeen Rooba dhugaa argamsiifte hin caaltuu?

Henook isa adeemsa isaa Waaqayyo waliin taasifateerra Bultoo Waaqayyoo kan taate Haati Waaqayyoo hin caaltuu?
Nuti garuu Qulqulluun Ephifaaniyoos "Du'a isheetiin lafti yoo gadditu samiirratti ammoo gammachuu guddaatu ta'e" akkuma jedhe Durbeen Maariyaam Addunyaa darburraa gara Addunyaa hin dabarreetti yeroo ceetus ta'e; Aangoo ilma isheetiin du'aa kaatee samiitti yeroo olbaatu gammachuu samiirratti ta'e amantiitiin ni hubanna. Hiyyeessichi Alaazaarillee yeroo inni du'e ergamoonni fuudhanii gara Abrahaamitti fudhatanii turan; Eeliyaas yeroo ol ba'an ergamoonni saragallaa Ibiddaa fi fardeen ibiddaatiin ol baasani turan. Olba'uu Haadha Waaqaa yeroo yaadaummoo faarfannaan kanaa ol ta'e nutti mul'ata. Qulqulluun Tewoodoosiyoos akkuma barreesse;

Maddii kitaaba hin maxxanfamne “Dubree Maariyaam Fudhachu Hin Sodaatiin!” jedhu irraa

Obboloota koo afuuraa adaraa keessan kadhannaa keessaniin WaldeTinsa'e jedhaa na yaaddadhaa!
Fuula Telegiraamiin Miseensa ta'uuf
@Naataniim
Fuula yutuubin subscribe gochuuf
https://www.youtube.com/c/TaodokosTube

Yaadaaf Gaaffii asiin na quunnamaa!
@Rabuuniikoo