Get Mystery Box with random crypto!

Ortodooksota yoo taane ammoo bakka Gooftaa keenya argine hunda | ⛪✥HUNDEE AMANTAA✥⛪

Ortodooksota yoo taane ammoo bakka Gooftaa keenya argine hundatti Giiftii keenya barbaaduuf ija keenya oliif gadi jechuun hin oolu. Addaam fakkeenya kiristoos taanaan yeroo arginu lafti sanyii malee Addaamiin argamsifte durbee sanyii dhiiraa malee Kiristoosiin argamsiifte taatee nutti mul'atti.

Hoolaa Abrahaam aarsaa taasise gaafti isaa utuu hin hiikamiin bosona keessaa akkuma ba'e Mallattoon durbummaa ishee utuu hin hiikamiin kan deesse haadhi hoolichaa nutti mul'atti. gara dunkaana walgeettiittis seennee hin boqannu; inni ibsaa ta'ee yoo ta'u isheen teessoo ibsaa/faanaa/መቅረዝ taatee nutti mul'atti. Yeroo inni ixaana ta'u isheen qodaa ixaanni itti aaru/ማዕጠንት) taati, yeroo inni Taabota ta'u isheen ammoo Qulqulleettii qulqullootaa kan Taabonni keessa taa'uu taati; yeroo inni Tsillaatii ta'u isheen Taabota Tsillaatiin keessa taa'u taati; yeroo inni barreeffama Tsillaatiirraa ta'u isheen ammoo Tsillaatii taati. Sabaa sagalii(namoota baha fagoof) “Daa'imicha haadha isaa waliin argan” akkuma jedhameef nutis bakka kakuu moofaa keessa deemnee seenaa Kiristoosiin walqabatu dubbifne hundatti haadha isaas ni arganna.

Kakuun Moofaa Haadha Kiristoosiin deesse haa turuu Yihuudaa isa kiristoosiin dabarsee kenneyyuu fakkeenya heedduun kaasee jira.
Amma gara du’a ka'umsa Haadha Keenya Qulqulleetti Dubree Maariyaamitti haa deebinuuti, “Maaloo gara boqonnaa keetiitti ka'i, atii fi Taabonni qulqullummaa kee” jedhee Daawwit waa'ee ijaaramuu mana Qulqullummaa fi Taabonni Waaqayyo gara mana Qulqullummichaatti galuu isaa faarsaa inni faarfate Ilmisaa Solomoonis mana Qulqullummaa ijaaree yeroo fixetti faarfatame kana kan inni faarfate Kun Durbee Maariyaamii waliin maaltu walitti fida? 2Kes deb 6÷41 Abboonni Ortodooksii durii jalqabee caqasa kana kan isaan caqasan seenaan ijaaramuu mana qulqullummaa kun isaan jalaa badnaanii? Faarsaa Daawwit “Maaloo gara boqonnaa keetti ka'i atii fi taabonni qulqullummaa kee” durbee Maariyaam waliin akka walitti fidnu maaltu nu taasise? kan jedhutti haa dhufnu!

Daawwit waa'ee Taabotaa kaninni dubbate waa'ee durbee Maariyaam ta'ee akka nutti dhaga'amu kan taasise Daawwit mataamumaa isaatiin. Daawwit Taabonni Waaqayyoo yeroo gara isaatti dhufu “Taabonni Waaqayyoo akkamitti gara koo dhufaa?” yeroo jedhu hin dhageenyee nuti? 2Sam 6÷9 Dubbii kana Eelsaabeex “Haati Gooftaa koo gara koo dhufuun akkamitti ta'a?” (Luq 1÷43) Daawwit Taabotni inni sodaate yeroo gara isaa dhufetti teessuma isaarraa bu'ee faarfachuudhaan hanga Meelkool isa tuffattutti hin utaallee?2Sam6÷16) Gadameessa Eelsaabex keessa kan ture Yohaannisis Sagalee nagaa Durbee yeroo dhaga'etti haati isaa hanga ajaa'ibsiifattutti “Ulfichi ni utaale.” hin jedhamnee?Luq 1:44)

Qulqullu Giyoorgis Zenuusis; namoonni kabajni durbee Maariyaam fi Ilmashee hin galleef “akka Yohaannis gadameessa keessatti utaaluun yoo siniif dadhabame erga lubbuu keessan bartaniillee maali utuu haadha Waaqaaf akka daawwititti utaaltanii galaateffatan?” kan jedheef kanaafi. Nuti maal haa goonu Taabonni Waaqayyoo nama biyya geet kan ta'e mana Abidaaraa ji'a sadiif taa'e akkuma jedhame " Durbeen Maariyaamis mana Zakkaariyaas ji'oota sadiif turte" jedhamee kan barraa'e dubbifnewo.(2Sam 6÷11; Luq 1÷56) Maarree seenaan Durbee Maariyaam seenaa Taabota bultoo Waaqayyoo waliin tokko taanaan yoo arginu Daawwit Taabotaaf kan dubbate Dubree maariyaamiif akkamitti hin caqasnuu? Seenaa durbee Maariyaam haa caqasnu yoo jenneree Taabotittiin Warqiin akkuma faayamte Qulqullummaan kan faayamte; Taabotni Mana Qulqullummaa keessa akkuma teesse mana qulqullummaatti kan guddatte; Taaboticha uleen isaa lalifnaan Aaroon akkuma eege, uleen isaa lalisnaan Yooseef kan ishee eege; Taabota harkaan qabee akkuma Oozaan dheekkamame. 2sam6÷7, Foon durbee harkaan tuqee kan dheekkamame seenaa Tawufaaniyaa caqasuun ni danda'ama ture.