Get Mystery Box with random crypto!

#Walgahii guyyaa har'aatiin ajandaa guddaan garee keenya Pirim | Jimmaa Abbaa Jifaar/ጅማ አባጅፋር እ/ኳ ክለብ

#Walgahii guyyaa har'aatiin ajandaa guddaan garee keenya Pirimeerliigii irraa kufuun isaa hojiileen hojjetamuu qaban osoo hin hojjetamiin hafuun dadhabina hooggantoota garee keenyaan ta'uu hubatamee bara 2016 gara Piriimeeliigiitti akka deebinuuf murtii adda addaa kaa'uun ariitiin hojiin akka jalqabamu walii galameera.

#Haaluma kanaan har'aa kaasee 2016 pirimeerliigiitti deebi'uuf dadhabina kanaan duraa irraa barachuun, waan barbaachisu hundaa taphattoota bituu dabalatee akka hojjetamu murtaa'ee jira.

#Akkasumas waa'ee taphattootaa ilaalisee bara 2015 Liigii olaanaaf kanneen waliigalteen isaanii haara'ee jiran akkuma jiranitti fi kan biroofis haala mijeessuu kan dand'u komiteen kana to'atu dhaabatee jira.

#Deeggartoonni keenya akkuma kanaan duraa waliin taanee garee keenya gara Piriimeerliigiitti haa deebisnu jecha waamicha keenya isinii dabarsina.

#Carraa garii garee keenya #Jimmaa_Abbaajifaariif.

ergaa kana waliig dabarsaa.