Get Mystery Box with random crypto!

.

የቴሌግራም ቻናል አርማ hamiltantv2 — . H
የቴሌግራም ቻናል አርማ hamiltantv2 — .
የሰርጥ አድራሻ: @hamiltantv2
ምድቦች: ያልተመደበ
ቋንቋ: አማርኛ
ተመዝጋቢዎች: 872
የሰርጥ መግለጫ

.

Ratings & Reviews

2.33

3 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

1

3 stars

0

2 stars

1

1 stars

1


የቅርብ ጊዜ መልዕክቶች 2

2021-11-14 11:31:37 Hiyyeessii saammuu qabuu
nama biraa homaa hin qabu
rabbiin biraa homaa hin dhabu
nyaate garaa hin qabu
qufee naman wol hin dhabuu
imana yoo qabatee dureessii
isaa kan rabbiin birra abdii qabu.
dureessii qabeenya qabu
nyaate garaa hin qabu
yoo cisee hiribaa hin qabu
halkanif guyyaa qata
mobaayilif calculateri
bitaaf mirgati bata
online irraa ba'ee liqisaa dhamata
kan bulee hin beknee
duniyaa maale diiniisa dagata
gafa guyyaan gesse
wobii Enyuun wamaata lata!!!
akkasiti rabbiin birra dhabee
ibidii isaa nyaata
yaa rabbii nama akkasi nuun tassiisin

Yoo Sittii Tolee Shere Godhii

@hamiltantv2
@hamiltantv2
@hamiltantv2
2.0K viewsAB SH, edited  08:31
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2021-11-11 21:54:27 Guyyaa Jumu'aa:
Guyyaan jumu'aa torbaan keessatti Rabbiin biratti guyyaa caalaadha. Abbaan keenna Aadam (AS) guyyaa kana keessa uumame, guyyaa kana jannata seene, guyyaa kana jannataa bahe. Qiyaamaanis guyyaa kana keessa argamti. Guyyaa kana keessa yeroo takkatu jira; Namni yeroo san keessa du'aa'ii Rabbiin kadhate Rabbiin wanta inni kadhate san isaaf kennu malee hin hafu.

Guyyaan Jumu'aadhaa Guyyaa namni muslima ta'e walgahee ykn masjidatti walitti qabamee gorsa garagaraa waa'ee amantii walii dabarsuu fi Rabbii isaa kadhatuudha. Akkuma san kaafamiinsa guyyaa qiyaamaas guyyaa kana irraa kan yaadatuudha. Kanaafuu, guyyaa kana keessa wanta Rabbiin jaalatu hojjachuurratti walkakaasuu qabna. Nama Rahmata Isaatiin milkaahu Rabbiin nu haa taasisu.

Join || @Sano_Haji7
1.0K viewsQur,aan hayaati, 18:54
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2021-11-09 12:14:32 If you love Allah: Send this 99names to 11 Muslims, your biggest problem will be solved In Sha Allah .
۞ الله ۞ الرحمن ۞ الرحيم ۞ الملك ۞ القدوس ۞ السلام ۞ المؤمن ۞ المهيمن ۞ العزيز ۞ الجبار ۞ المتكبر ۞ الخالق ۞ البارئ ۞ المصور ۞ الغفار ۞ القهار ۞ الوهاب ۞ الرزاق ۞ الفتاح ۞ العليم ۞ القابض ۞ الباسط ۞ الخافض ۞ الرافع ۞ المعز ۞ المذل ۞ السميع ۞ البصير ۞ الحكم ۞ العدل اللطيف ۞ الخبير ۞ الحليم ۞ العظيم ۞ الغفور ۞ الشكور ۞ العلي ۞ الكبير ۞ الحفيظ ۞ المقيت ۞ الحسيب ۞ الجليل ۞ الكريم ۞ الرقيب ۞ المجيب ۞ الواسع ۞ الحكيم ۞ الودود ۞ المجيد ۞ الباعث ۞ الشهيد ۞ الحق ۞ الوكيل ۞ القوي ۞ المتين ۞ الولي ۞ الحميد ۞ المحصي ۞ المبدئ ۞ المعيد ۞ المحيي ۞ المميت ۞ الحي ۞ القيوم ۞ الواجد ۞ الماجد ۞ الواحد ۞ الأحد ۞ الصمد ۞ القادر ۞ المقتدر ۞ المقدم ۞ المؤخر ۞ الأول ۞ الآخر ۞ الظاهر ۞ الباطن ۞ الوالي المتعالي ۞ البر ۞ التواب ۞ المنتقم ۞ العفو ۞ الرءوف ۞ مالك ۞ الملك ۞ ذو ۞ الجلال ۞ والإكرام ۞ المقسط ۞ الجامع ۞ الغني ۞ المغني ۞ المانع ۞ الضار ۞ النافع ۞ النور ۞ الهادي ۞ البديع ۞ الباقي ۞ الوارث ۞ الرشيد ۞ الصبوراللهم ارزق من
نشرها الفردوسئ الاعلى
አሏህን እምትወዱ ከሆነ ይሄን 99 የአሏህ ስም ለ11 ሰው ላኩ ይሄን ካረጋቹ ኢንሻ አሏህ ትልቁ ችግራቹ ይወገድላችዃል ።
1.3K viewsAB SH, 09:14
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2021-11-04 22:28:00 Nama miidhuu irraa if eegaa!

Ergamaan Rabbii ﷺ Abaarsi nama miidhamee badaa akka ta’ee nu akeekkachiisan.

‏ “‏ اتَّقِ دَعْوَةَ الْمَظْلُومِ، فَإِنَّهَا لَيْسَ بَيْنَهَا وَبَيْنَ اللَّهِ حِجَابٌ ‏”‏.‏

“Kadhaa (abaarsa) nama miidhamee of eeggadhu. Dhugumatti kadhaa isaati fi Rabbiin jidduu girdoon hin jiru.”[ Sahiih Al-Bukhaarii]

-Namni miidhame nama isa miidhe irratti Rabbiin yoo kadhate fi kadhaan isaa fudhatama yoo argatte, addunyaa tana keessatti haloo (gadoo) baafate jedhama. Garuu kadhatuu dhiise yoo cal’ise fi irra yoo hin darbiniif, guyyaa Qiyaamaa haloo baafata.

-Humnaa fi aangoo qabna jennee nama kan miinu yoo taane akkamitti akka qabamnu hin beeknu. Qabaan Rabbii dhugumatti cimaadha.

Ergamaan Rabbii ﷺ ammas akkana jechuun nama nama miidhu akeekachiisan:

‏ “‏ إِنَّ اللَّهَ لَيُمْلِي لِلظَّالِمِ حَتَّى إِذَا أَخَذَهُ لَمْ يُفْلِتْهُ ‏”‏

“Dhugumatti Rabbiin zaalimaaf (nama nama miidhuf) yeroo ni kenna. Garuu yeroo achii isa qabe Rabbiin isa gadi hin furu.”
[Sahiih Al-Bukhaarii]

-Kana jechuun hanga zulmii keessatti tarutti ni dhiisa. Adabbii isaa itti hin ariifachiisu. Rabbiin yeroo kenneefi dhumarratti qabaa jabaa fi hamaan isa qaba. Eegasii isa harkaa hin bahu. Ergamaan Rabbii dubbii armaan olii eega jedhanii booda aaya tana qara’an:

وَكَذَٰلِكَ أَخْذُ رَبِّكَ إِذَا أَخَذَ الْقُرَىٰ وَهِيَ ظَالِمَةٌ ۚ إِنَّ أَخْذَهُ أَلِيمٌ شَدِيدٌ

“Qabaan Gooftaa keetiis osoo magaalonni miidhaa raawwattu qabe akkuma kana. Dhugumatti qabaan isaa laalessaa, jabaadha." [Suuratul- Huud 11:102]

Rabbiin nuuf haa laaffisu Inshaa Allaah!
1.6K viewsAB SH, 19:28
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2021-11-04 14:03:17 (Jaalala Dhugaa)

Jaalalli dhugaa: Gaafa Jaartiin Abdallaah Bin Umar gufattee lafatti jignaan: biyyee fuula isii irraa haxaa'aa :" Fidaaki Nafsii Wa Ruuhii (Lubbuun tiyya fura kee haa taatu ) jedhani lafaa ol qabe !

Jaalalli dhugaa: Gaafa Zeynab intalli Ergamaa Rabbii duutu abbaan warraa isii Abul Aas of qabuu dadhabee boonyaan ergamaan Rabbii ofitti qabanii imimmaan irraa haqaa mataa isaa qaqqaban. Inni ammoo:" Yaa Ergamaa Rabbii! Ani zeynabaa booda jiraachuu hin danda'u " jedhu sani!

Jaalalli dhugaa: Jaafar Bin Abii Xaalib (R.A) yeroo Jaartii isaa -Asmaa'a Bint Umeysii argu hunda;" Yaa firii onnee tiyyaa " jedhee yaama. Isheenis eddoo miilli isaa ejjate laaltee ejjatti. Kuni raajii miti! Qalbiin qalbitti hidhamnaan!

Jaalalli dhugaa: Yeroo Ergamaan Rabbii jaalallee isaanii Aa'ishaa :" Ati narratti ni hinaaftaa sila ?" Jedhanii gaafatan. Isheenis :" Akkamitti kan akka kootii kuni kan akka keetii kanarratti hin hinaafne ?!" Jetteen.

Imaam Ar-Raafi'iyyiin akkas jedhu:" Jaalalli jaalala hin tahu. Hanga jaarsaafi jaartiin yeroo wal yaaman," Yaa Ana " waliin jedhanitti " !!

Nuti jaalala Yahuudaafi Nasaaraa irraa hin barru.Fiilmii fi muziqaa irraa hin barannu. Jaalala dhoqqee haraamaa keessa bahu,kan seerri Rabbii itti cabu irraa barumsaafi qaroomina hin fudhannu!Seenaa bishaan duumessaa irra qulqulluu.Seena jajjaboota islaamaa qabna!Caala ilma nama Nabiyyi(ﷺ) aalama qabna kan waan hunda gochaa fi jechaan isaatin nu barsiise! @hamiltantv2
@hamiltantv2
1.2K viewsAB SH, 11:03
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2021-11-04 13:59:53 Taqwaa:- Rabbiin sodaachuu jechuun wanta Rabbiin itti nu ajaje hojjachuu fi wanta inni irraa nu dhoowwe dhiisudha.

يَا أَيُّهَا النَّاسُ اتَّقُوا رَبَّكُمْ وَاخْشَوْا يَوْمًا لَّا يَجْزِي وَالِدٌ عَن وَلَدِهِ وَلَا مَوْلُودٌ هُوَ جَازٍ عَن وَالِدِهِ شَيْئًا إِنَّ وَعْدَ اللَّهِ حَقٌّ فَلَا تَغُرَّنَّكُمُ الْحَيَاةُ الدُّنْيَا وَلَا يَغُرَّنَّكُم بِاللَّهِ الْغَرُورُ ﴿٣٣﴾
“Yaa namoota! Gooftaa keessan sodaadhaa, Guyyaa abbaan ilma isaa homaa hin fayyadne, ilmis abbaa isaa homaa hin fayyadne san sodaadhaa. Dhugumatti, waadaan Rabbii haqa. Kanaafu, jireenyi addunyaa isin hin gowwoomsin. Gowwomsaanis waa’ee Rabbii isin hin gowwoomsin.” Suuratu Luqmaan 31:33

Aayan tun guyyaan qiyaamaa hangam akka ulfaatu nama yaadachisuu waliin jireenya addunyaa tanaatiin akka hin gowwoomne nama gorsiti.
551 viewsAB SH, 10:59
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2021-11-02 19:35:14 Ruhama Ruhama:
Xiinxali dubbisi eega dubbistees share
godhi jzk

Calculation Herreegaa Akkaan Hamaafi
Balaafamaa Tahe

Wallaahii Hedduu Na Sodaachisee Hanga
Booyutti Dhihaadhetti

Sirriidha Umriin Jiruu Ilma Namaa Harka
Rabbiiti Jirtii

*Mee Osoo Tilmaamnee Waggaa 60
jiraattee Haa jennuu

*Yoo Guyyatti saa'aa 8 Rafte Waggaa 60
Keessaa Ati Waggaa 20 Hirriibaan
Dabarsite.

*Yoo Guyyatti Hojii saa'aa 8 Kan Hojjattu
tahees waggoota 20 Hojiini Dabarsite

*Waggaa 15 joollummaa Keetiin kuchiiste

*Yoo Guyyatti al-lama nyyaataaf walakkaa
saa'aa( 0:30 daqiiqaa)Kan teettu Taate
Waggaa 3Guutuu Nyaataaf taa'uudhaan
Dabarsite

Ida'amaan waggoottan Hojii, +Hirriibaa,
+Yeroo nyaataafi +joollummaa keetin
Darbanii Waggaa 58Umrii keetirraa
Waggaa 2Qofatu Siif Hafe

Yaa Nama Waa Argitu ibaadaadhaan Hoo
Saa'aa meeqa Dabarsite Umrii Kee Guutuu
Irraa

Mee Maalumaa Jetta Rabbiin Gaafa inni Si
Herregee Umrii Kee Maal Keessatti Fixxee
Siin jedhe

Dubbii Dhugaa 100%100

Qur'aanni Khabajamaan Fuula 600 ykn
(604) Hin Caalu ..Akkasii mitii

Yoo Na Hin Dhugoomsin Dafii laalii
Koottuu

Argitee ree Fuula meeqa Akka tahe

Hayyee Koottu Haasawa Keenya Itti
Guutannaa kaa

Qur'aanni Fuula 600 Yoo Guyyaa 30
Hirree meeqa ta'a?

Baay'ee herreguun Uf Hin rakkisin Dubbiin
Salphaadha

Fuula 600÷30=20

Calculationii Baayyee Salphaadha
Tole Guyyatti fuula20 Tahuu saati

Nuti Guyyatti al-5 Salaataa jirra

Fuula 20÷5=4

Amma Qaceellotti Hubattee..

Ati Guyyatti Fuula Qur'aana 4 Yoo
Qabaate Salaata Waajibaa boodaan
Hoggas Ati Guyyatti Fuula 20 Qaraate
Kana Jechuun Ati baatii Keessatti Qur'aana
Guutuu Qaraate Rakkoo Tokko Malee
mee Na Wajjiin Turi

Dhaamsi Hin xumaramneetii Garuu Waan
jarjartu Fakkaattaa

Hanga xumuraatti Faana bu'i Waa Hedduu
mitii Kan Nuuf Hafe

Osoo Ati Risaalaa Tana Obboleeyyan
keetiifi addunyaa maraaf Akkasuma

Hiriyyoota Kee cufaaf ergitee

Hundumtuu Sababaa Keetiin Qur'aana
Qara'anii Khattamanii /xumuranii
Mindaan Ati Rabbiin biraa Argattu meeqaa
Ni Beeytaa??

Yaa Allaaaaaaaah lakkuma /adaduma
Tokkoon Isaanii Qur'aana Qara'ee
khattamuun Siifillee Ajriin Katabamaa
Bara kana Maaliif projektii Bu'a Qabeessa

Hin hojjanne...?

Maaliifi Akka Namni Hunduu Qur'aana
Sirritti Qara'ee Akka Khattamuu Hin
taasisnee

Si Ammallee Shakkii Hin dhiifnee ...!!!
Namni Kheyritti Nama Qajeelche Akkuma
Nama Dalageeti

Namni Garee Qabu Itti Haa Ergatuu Akka
Mindaan Dacha Dachaa ta'uuf
inshaa'allaah

Gosti nyaataa8 Akkaan Cimtuudha Humna
Ittisa Qaama Namaa jabeessuufi

Dhukkuboota Gargaaraa Barbadeessuuf

Rummaana
Roob
Qullubbii Adii
Shunkurtii
Shaayii Magariisa
Dhuunfaa/feexoo
??
??
:

WaaSadii Qaama Dhukkubsachiifti

1Haasawa Baayyee

2Hirriiba Baayyee

3nyaata baayyee

Waa afur Qaama Namaa Diigdi:

1. Yaaddoo

2. Naasuu

3. Beela

4.Gurzaa/Qaaxiraa

Waa afur Bareedina fuulaa fi tolinna Isaa
dabalti

1. Rabbi Sodaachuu.

2. Waadaa Guutuu

3. Arjummaa

4. Naamusa Ufii eeggachuu

WaaAfur Sababaa Rizqiiti

1. HalkanSalaatuu

2. wayta Hiraabaa/obboroo Araara Rabbii
Khadhachiisaa heddummeeysuu

3. Sadaqaa Toohachuu Itti yaaduu

4. Rabbi Faarsuu Ganamaafi Galgala

Waa afur Sababaa Rizqiiti Dhoorgiti:

1. Subhii Booda Rafuu.

2. Salaata Xiqqeessuu.

3. Ceem'aa .

4Gantummaa./Ganuu

Yoo Dilii Hojjechuu Yaadde Aayata sadihii
Yaadadhu

1. si Namni Dilii Dalagu Rabbiin Isa Argaa
Hin Beekhuu"

2. Nama Fuuldura Rabbii Isaa
Dhaabbachuu Sodaatee Dilii Dalagu
Dhiisef Jannata lamatu jiraaf

3. NamaRabbii Isaa Sodaatee Dilii Irraa
Fagaateef Rabbiin Rakkoo Keessaa Isa
baasa Haala mijeessaaf

Dubbiin tun Yoo Si Gammachiistee
Osoo Torarraa Hin bahin tamsaasin
Namni Waan Takkattii Nama Qaceelche
Akkuma Nama Dalageetii

Ani Waan Si khabajuuf Siif Ergee
Atillee Nama jaalattutti Hin don'oominii
ergiifi.
2.1K viewsAB SH, 16:35
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2021-11-01 21:42:39
#Nama_Hin_Tuffatin.

Dubbii Ajaa'ibaa!

Namticha Lammii America tahe tokkootu Hoteela guddaa tokko seene. Akkuma ol seeneen Sagalee Isaa ol kaasee, keessummeeysaa hoteelichaatiin "Gurbaa Gurraacha Lammii Africa sana irraa kan hafe (Malee), Namoota As jiru mara nyaataa fi dhugaatiis Afeereen jira.
Afrikicha malee hundaafuu dhiheysiif" Isaan jedhe.

Hoggaa kana namtichi Lammii Africa kun itti seeqe. Yeroo kana namtichi kun Aaree, dallanee "maali?! Namtichi kun maaf hin Aarre. Maaf natti seeqa?!" jedhee keessummeeysaa kana gaafateen.

Hoggaa kana keeysummeeysaaniis Namtichi Gurraachi kun Abbaa Hoteelichaa Akka tahe itti hime.

Namtichi Ameerikaa Rifatee, Salphatee Hoteelarraa Bahe!

Jarjartee hin murteessin. Namummaan Nama madaali
993 viewsAB SH, 18:42
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2021-10-28 15:03:21 Wanti hundu duruma kitaaba keessatti siif galmaahe!

Namoonni hedduun wantoota barbaadan fi hawwan argachuuf hedduu ifaaju. Wareegama yeroo, qabeenyaa, akkasumas hamma lubbuu ofiitis ni kaffalu. Kaayyoo keenya bira gahuuf tattaafachuun akkuma jirutti tahee, garuu wanta hundi keenya hubachuu qabnutu jira.

Wanti Rabbiin siif murteesse, yoomiyyuu sijala hin miliqu; tattaaffiin kee sababa ta'a malee wantichi jalqabumayyuu keetuma!!
Otoo ati nama taatee gara biyya duniyaa kana hin dhufin siif murtaa'e waan ta'eef!

Faallaa kanaatiin immoo wanti jalqaba siif hin murtaa'in, ati hammam hawwitus, dhamaatus, tattaafattus, Ittis wareegamtu kee tahuu hin danda'u. Sababni isaa jalqabumaa kee tahee hin uumamne.

Rabbiin-Subhaanahu wata'aalaa-qur'aana isaa keessatti akkana jedha:

مَآ أَصَابَ مِن مُّصِيبَةٍ فِى ٱلْأَرْضِ وَلَا فِىٓ أَنفُسِكُمْ إِلَّا فِى كِتَٰبٍ مِّن قَبْلِ أَن نَّبْرَأَهَآۚ إِنَّ ذَٰلِكَ عَلَى ٱللَّهِ يَسِيرٌ (٢٢)

"Rakkoo irraa wanti dachiifi lubbuu keessan keessatti isin tuqe kamillee, odoo ishii hin uumin dura kitaaba keessatti galmeessinu malee hin hafu; Dhugumatti, kun Rabbi irratti laafaadha."

لِّكَيْلَا تَأْسَوْا۟ عَلَىٰ مَا فَاتَكُمْ وَلَا تَفْرَحُوا۟ بِمَآ ءَاتَىٰكُمْۗ وَٱللَّهُ لَا يُحِبُّ كُلَّ مُخْتَالٍ فَخُورٍ (٢٣)

"Akka waan isin jalaa dabre irratti hin yaaddofneefi waan (Rabbiin) isiniif kennettis (garmalee) akka hin gammadneefi (kana godhe); Rabbiin nama boonaa, dhaaddataa hunda hin jaallatu"

Kanaafuu waan hawwite argachuuf sababa geessi, garuu Rabbi irratti hirkadhu. Dhabdus hin gaddin. Waan argatteefis Rabbii jalqabuma siif murteeyseef galata galchi; dandeettii keetiin osoo hin taane fedha isaatiin waan ta'eef!!

Nuuralhudaa
Soora Qalbii Muslimaa
2.0K viewsQur,aan hayaati, 12:03
ክፈት / አስተያየት ይስጡ
2021-09-24 13:42:34
Nabiin Rabbii Akkana Jedhan

Nama Salawaata Takka Naratti Buse Rabbin Rahmata 10 Isarratti buusa Cubbu 10 Irra Haqa Sadarka 10 Isa Ol Fuudha


sallallahu Aleeyhi wasallam

S.A.W S.A.W
S.A.W S.A.W
S.A.W S.A.W

@hamiltantv2
@hamiltantv2
1.4K views?, edited  10:42
ክፈት / አስተያየት ይስጡ