Get Mystery Box with random crypto!

Wanti hundu duruma kitaaba keessatti siif galmaahe! Namoonni | .

Wanti hundu duruma kitaaba keessatti siif galmaahe!

Namoonni hedduun wantoota barbaadan fi hawwan argachuuf hedduu ifaaju. Wareegama yeroo, qabeenyaa, akkasumas hamma lubbuu ofiitis ni kaffalu. Kaayyoo keenya bira gahuuf tattaafachuun akkuma jirutti tahee, garuu wanta hundi keenya hubachuu qabnutu jira.

Wanti Rabbiin siif murteesse, yoomiyyuu sijala hin miliqu; tattaaffiin kee sababa ta'a malee wantichi jalqabumayyuu keetuma!!
Otoo ati nama taatee gara biyya duniyaa kana hin dhufin siif murtaa'e waan ta'eef!

Faallaa kanaatiin immoo wanti jalqaba siif hin murtaa'in, ati hammam hawwitus, dhamaatus, tattaafattus, Ittis wareegamtu kee tahuu hin danda'u. Sababni isaa jalqabumaa kee tahee hin uumamne.

Rabbiin-Subhaanahu wata'aalaa-qur'aana isaa keessatti akkana jedha:

مَآ أَصَابَ مِن مُّصِيبَةٍ فِى ٱلْأَرْضِ وَلَا فِىٓ أَنفُسِكُمْ إِلَّا فِى كِتَٰبٍ مِّن قَبْلِ أَن نَّبْرَأَهَآۚ إِنَّ ذَٰلِكَ عَلَى ٱللَّهِ يَسِيرٌ (٢٢)

"Rakkoo irraa wanti dachiifi lubbuu keessan keessatti isin tuqe kamillee, odoo ishii hin uumin dura kitaaba keessatti galmeessinu malee hin hafu; Dhugumatti, kun Rabbi irratti laafaadha."

لِّكَيْلَا تَأْسَوْا۟ عَلَىٰ مَا فَاتَكُمْ وَلَا تَفْرَحُوا۟ بِمَآ ءَاتَىٰكُمْۗ وَٱللَّهُ لَا يُحِبُّ كُلَّ مُخْتَالٍ فَخُورٍ (٢٣)

"Akka waan isin jalaa dabre irratti hin yaaddofneefi waan (Rabbiin) isiniif kennettis (garmalee) akka hin gammadneefi (kana godhe); Rabbiin nama boonaa, dhaaddataa hunda hin jaallatu"

Kanaafuu waan hawwite argachuuf sababa geessi, garuu Rabbi irratti hirkadhu. Dhabdus hin gaddin. Waan argatteefis Rabbii jalqabuma siif murteeyseef galata galchi; dandeettii keetiin osoo hin taane fedha isaatiin waan ta'eef!!

Nuuralhudaa
Soora Qalbii Muslimaa