Get Mystery Box with random crypto!

Abbaan koo yeroo hundaa yeroo nama gargaaru argaan ture. Keess | Safaricom ETHIOPIA

Abbaan koo yeroo hundaa yeroo nama gargaaru argaan ture. Keessummoota karaa irratti dhaabachiisee gargaaraa ture. Warra mana hin qabne nyaachisaa ture,'' jedhe.

'' Inni nama ajaa'ibaati, ofitti na fudhatanii na guddisan, anis akkasuma tahuun barbaada.''

Beetii Maa'eefi Naataan Fiigers
Xumura torbee irra Naataaniifi Beetiin naannoo '' balfi gatamu'' tokko irra konkolaachisaa turan- Wanti faayidaa qbau namootni gatan yoo jiraate barbaacha. Iji Fireedii kompiitera tokko irra bu'e.

"Kan tokkoof balfaa isa biraaf gatii jabeessa" jedhe Fireediin. ''Yeroo hundaa kompiitera nan jaalladha. Kompitera hojii barbaadaan ture garuu yeroo sana bituu hin dandeenyu ture.''

Dhuma irratti, yeroo umuriin Fireedii waggaa sagal guutu, suuqii meeshaan tajaajile itti gurguramu tokko bakka Guudwiil jedhamu dhaqan.

Achii kompitera cabaa Makintosh tokko bitanii galan. '' Nama gurguru san amansiisne.'' jedhe Fireediin. Innis, Hey, $24, siifan kenna na jennan fudhannee galle, baayyeen gammade.''

Raadiyoo, sa'aatii yookaan VCR kan Naataan walitti qabe walitti guuruu jaallatta. Amma kompiiteri Mac cabaan sun xiyyeeffannoo isaa taheera.

''Yeroon manatti argadhee naa dhufuu didu kompiitericha qofaattin fudhadha'' jedhe Fireediin.

'' Yeroon keessa isaa ilaalu kapaasiteroota caccabon arge. Qaama raadiyoofi sa'aatii abbaakoo diigee baaseen boordii isaa irratti walitti suphaa ture.''

Yaalii yeroo 50 booda, kompiiterichi hojjechuu jalqabe. Yeroo kana ture Fireediin jireenya teeknoloojii waliin dabarsuu akka qabu kan bare.

Fireedii Fiigers
"Kompiiterri sun madaa cunqorsaa san hundaa narraa fuute,'' jedhe.

Yeroo mana barumsaadhaa fuudhamu yeroo hundumaa '' dafee galee hamman kompiiterakoo waliin taphadhuttan ariifadha'' jedhe.

Yeroo umuriin isaa waggaa 12 tahu dandeettiin isaa kun namoota biroodhaan baramuu jalqabe. Mana barumsaa isaa keessattis yeroo ijoolleen taphatan inni ammoo kutaa qorannoo keessatti kompiteroota caccaban suphaa ture.

''Yoo qaamni kompiteraa haardweeriin isaa hojiin ala tahu kan biraan jijjiraan ture. Yoo kan 'memory' dabalataa barbaadu tahe ammoo RAM isaa dabala. Yoo madda aannisaa barbaada tahe amoo san baaseen jijjira,'' jedhe.

Daarikterri mana barumsaa isaa kantiibaa magaalaa Kuwaansii waan taateef yeroo inni kompiteroota suphee hojiitti deebisu arguun, akka inni maatii isaa waliin gara galma magaalichaa dhufu gaafatte.

''Yeroon galmicha galu kompiteroota baay'ee natti agarsiifte, Oh, waaqakoo gara kompitera 100 ni taha, hojii dhaabaniiru.'' 'Akka kompiteroota kannen suphitun barbaada'' na jette.

Yeroo sanaa eegalee, mana barumsaan booda kompiteroota kanneen suphaa ture. Sa'a tokkotti doolaara 12 argata ture. ''Dhuguma dhimma maallaqaa miti,'' jedhe. Hojiin jaalladhu hojechuuf argachuu koon jaalaldhe. Ittan bohaara.''