Get Mystery Box with random crypto!

Tahus jaalallli inni teeknoloojiif qabu asirratti jalqabuun na | Safaricom ETHIOPIA

Tahus jaalallli inni teeknoloojiif qabu asirratti jalqabuun nama kalaqaa, hojii uumuufi damee telekoomiin ammoo miliyenera adunyaa isa godhe.

Yeroo yaadni isaa kun jireenya isaa keessatti mul'achuu jalqabu namoota muraasa qofa ture fuulduree isaa kan tilamaamuu danda'an.

''Haalotni kee akka eenyummaakee murteessan hin eeyyamiin,'' Gorsa gabaabduu dargaggoo ganna 31 hojii uumuun beekamu Fireedii Fiigers namootaaf dhaame.

Yeroo umuriin isaa ganna saddet ture, Abbaa isaa Naataan haala dhaloota isaa irratti abbaa isaa gaafate. Deebiin isaas kan dagatamu miti.

'' Akkas jedheen,'' Dhaggeeffadhu, kallattumaanin sitti hima, Fireed. Haati si deesse si gattee ture. Anaafi Beetii Maayii gara kunuunsa daa'immaniitti si geessuu waan hin barbaanneef si guddifanne. Kanaaf ati ilmakooti.''

Fireediin daa'ima xiqqaa tahee bakka balfi gatamutti [bakka kuusaa balfaa guddaa] baadiyaa Filooriidaatti gatamuun argame.

'' Yeroo inni kana natti himu, tole, 'ani balfadha,' kanaaf nama barbaadamu miti jedhee natti dhagahame. Garuu gateettiiko irraan ofitti na qabee, akkas na jedhe, ' dhaggeeffadhu, haalli kun gonkumaa akka sitti hin dhagahamne.'''

Nataan Fiigersi hojii suphaa nama hojjetuudha. Beetii Mayii Fiigers ammoo hojii qonnaa hojjetti. Kuwaansii, baadiyaa Kaaba Filooridaa uummata 8,000 qofa qabdu keessa jiraatu. Umuriin isaanii waggaa 50 keessa jira.

Fireedii Fiigers Beetii Maa'ee waliin (mirgaan)
Ijoollee baay'ee kunuunsaa turaniiru. Garuu yeroo isa argatan reefuu dhalatee guyyaa lama qofa waan tureef ofitti fudhachuuf murteessuun guddifatan.

Fireediin jaalala inni barbaadu hundaa kennaafii akka turan hime. Garuu ijoolleen biroo Kuweensii keessa jiraatan isaaf gaarii hin turre.

''Ijoolleen na cunqursan [bully] turan. ''mucaa balfaa'' jechuun na waamu ture. 'Mucaa kuusaa balfaa, namni tokkoyyuu si hin barbaadu,' ati balfadha,'' na jedhu jedhe.

Yeroo konkolaataa mana barumsaa keessaa bahee deemu ijoolleen duubakoon dhufanii na qabanii na darbachuun kuusaa balfaa keessa yeroo na buusanii yeroo natti kolfan nan yaadadha,'' jedhe.

Bakka abbaan isaa eegee konkolaataa irraa fudhachuun mana galu gahe. Garuu ijoolleen Naataan abbaa isaas akkasuma itti baacu ture. Fireediin yeroo yaadatu, akkas jedhuun,' Ha Ha, ilaalaa jaarsa sana kuusaa balfaa waliin.

Hamma Fireediin beekutti, Naataaniifi Beetiin gototadha, fakkeenya gaariidha.