Get Mystery Box with random crypto!

Waggoota muraasaan booda, carraan hojii kooding eegalame. Maga | Safaricom ETHIOPIA

Waggoota muraasaan booda, carraan hojii kooding eegalame. Magaalli Kuweensii nama sirna lakkooftuu dhiibbaa bishaanii magaalichaa to'atu barbaaddi ture. Kaampaanichi sagantaa kompiitera san qopheessuuf $600,000 qopheessee ture.

Fireediin ni yaadata. Bulchaan magaalichaa ''Hey, nama kompiteraa Fireedii san, waan kana ni fura.''

''Kanaaf akkasan jedhe, Sir dhaggeeffadhu, yoo carraa isaa naaf laatte, anis sagntaa wal fakkaataa akkasiin qopheessa. Carraa isaa naaf kenninaan anis akkaataa isaan barbaadan sanaan hojjedheen qopheesseef. Kaffaltii $600,000 tahu hin arganne, kaffaltii akkuma duraa san fudheen manati gaaa ture.''

Kun jireenya Fireedii keessatti yeroo murteessaa ture. Umuriin isaa waggaa 15 ture. Amma mana barumsaa dhiisee bahuun biiizinesii kompitera mataa isaa banuuf murteesse- maatii isaaf rifaatuu ture.

Isaan barnootatti amanu, hojii, soorama, ani ammoo cancala sana cabsuun barbaade, waan addaa tokkon hojjechuu barbaade.'' jedhe.

Biizinesiin Fireedii cimaama deeme. Garuu wagootaan booda, Naataan dhibee Alzemirsiin qabame. Mallattoon isaa ammoo halkan walakkaa ka'uun waan TV irratti argee ture deebisee dubbata. Waan kana ''waan sodaachisaa jireenyakootti na mudate'' jedhe Fireediin.